ODUUSEERA FI HAQASIYAASA
Trending

Oduu: Jiraattonni Aanaa Darraa ajjeechaafi dararaa irra gahaa jiru miidiyaatti himatan 16 hidhamuu maatiin himan

Finfinnee, Sadaasa 25/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti jiraattonni 16 ajjeechaa gara jabinaafi suukaneessaa hidhattoota Faannootin raawwatamaa jiru viidiyoo miidiyaa hawaasa gubbaatti qoodameen himatan to’annoo jala ooluu maatiin Addis Standard’tti himan. 

Tibbana viidiyoon uummanni Salaalee haleellaa irra deddeebiin aanicha keessatti raawwatamu dheessanii bosonatti baqatan mul’isu miidiyaa hawaasaa gubbaatti bal’inaan qoodamaa ture. 

Viidiyoo sana irratti jiraattonni ajjeechaa suukaneessaa dabalatee gocha gara jabinaa adda addaa hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaatin [addatti miseensota milishaa] irratti raawwatamaa jiraachuu ibsuun, birmannaa akka taasifamuuf gaafatanii turan. 

Jiraataa aanaa Darraa ganda Warree Gabroo maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, viidiyoon iyyannoo jiraattota aanichaa agarsiisu marsaalee hawaasaa akka Tiiktookii fi Fesbuukii, akkasumas miidiyaatti bahuu hordofee haadha isaa dabalatee namoonni 16 humnoota mootummaatin to’atamuu himeera. 

Akka jiraataan kun jedhutti, haati isaa fi haati warraa wasiilasaa Sadaasa 22, 2024 ganama naannoo sa’aatii 1:00 irratti mana isaaniitii fudhatamanii hidhaman. 

”Humnoonni mootummaa abbaa fi wasiila koo to’achuuf ganama gara mana keenya dhufan. Garuu isaan guyyaa sana mana hin turre. Ergasii haadha koo fi haadha warraa wasiila koo fudhatanii mana barumsaa Ceekaatti jedhamutti isaan hidhan,” jedhe.

Namoonni lamaan kun karaa viidiyoo bal’inaan qoodame ykn miidiyaa hawaasaa irratti mul’atanii yaaddoo isaanii ifatti kan hin ibsine ta’us, sababa abbootii warraa isaanii hawaasa Darraa bakka bu’uun yaaddoo isaanii dubbataniif hidhaman.

Jiraataan ganda Warree Gabroo Addis Standard dubbise kan biraan obboleessi isaa viidiyoo sana irratti mul’atan guyyaa walfakkaataa Sadaasa 22, 2024 ganama sa’aatii 3:30’tti mana jireenya isaanirraa fudhatamanii mana barumsaa Ceekaatti hidhamuu hime. 

Jiraataan kun yaaddoon obboleessa isaa dhageessise ilaalcha dhuunfaa isaa qofa osoo hin taane kan hawaasa Darraa kan calaqqisiisu ta’uu himeera. “Maaliif namoota dhuunfaa irratti akka xiyyeeffatan naaf hin galle,” jedhe.

Namoota 16 mana barumsaa Ceekaa keessatti hidhamanii jiran kunneen; Mazgabuu Tashoomaa, Taammane Gaarradoo, Abbaaye Aminuu, Asmaraa Tamasgeen, Abbaaye Balaw, Kaasiyyee Haabtaamuu, Immabeet Tamasgeen, Mulaalam Warquu fi kanneen biroo ta’uu jiraataan kun himeera. “Namoota hidhaman hundi hanga ammaatti mana murtiitti hin dhiyaanne.”

Miseensi maatii kun, “humnoonni mootummaa namoota suuraa fi viidiyoon isaanii miidiyaa hawaasaa irratti qoodame ‘namoota gidduutti qoqqoodinsa kakaasan’ jechuun himatan. Iyyannoo isaan ‘nu hin ajjeesinaa’ jechuun dhiyeessaniif qofa shororkeessummaa irratti bobba’an jechuun maqaa itti moggaasan. 

Yakka raawwatan tokkollee hin jiru. Isaan mirga heera mootummaatiin kennameef qofa fayyadamaa turan,” jechuun hime.

Itti dabaluunis “rakkoo keenya himachuu keenyaaf hidhaa jumlaa fi qe’ee irraa buqqa’uun nu mudachaa jira. Yaaddoo keenya furuu fi nageenya keenya mirkaneessuu mannaa mootummaan mana hidhaatti nu hidhaa jira” jedhe.

Waggoota dhiyoo asi aanaan Darraa dirree waraanaa humnoota mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), fi hidhattoota Faannoo gidduu gaggeeffamu taateetti. 

Addis Standard dhimma kana irratti jiraattota aanaa Darraa dubbisuun akka qorateetti Adoolessa hanga Onkoloolessa 2024 gidduutti haleellaa dirooniin dabalatee lammiileen nagaa 43 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.

Tibbana viidiyoon dargaggeessi dhalataa aanaa Darraa Darajjee Amaare jedhamu yeroo “hidhattoota Faannootin” albeedhaan mormi irraa muramu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamuu hawaasa biratti dheekkamsa kaaseera.

Taateen kana hordofee barattoonni yuunivariitii adda addaa hiriira nagaa bahuun ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu balaaleeffatanii jiru. 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, akkasumas paartileen mormitootaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa adda addaatti baasaniin ajjeechaa suukaneessaa kana balaaleeffataniiru. AS

Related Articles

Back to top button