DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Barsiisonni naannoolee haaraa hundeeffaman keessa jiran kaffaltii mindaa harkifachuun gadadoo keessa jiraachuu himan

Finfinnee, Onkololeessa 28,2024 – Barsiisonni manneen barnootaa naannolee haaraa hundeeffamanii Kibba Itoophiyaa, Giddugaleessa Itoophiyaafi Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti barsiisan mindaan irraa kutamaafi jalaa barfachuun walqabatee jireenyasaaniifi qulqullina baruufi barsiisuurratti dhiibbaa uumuu himatu.

Keessumaa barsiisonni godinaalee Gaamoo, Walaayittaafi Konsoo keessatti argaman Hagayya 2023 kaasee mindaan basriisota tokko tokkoo gonkumaa hin kaffalamneefi kan hafaniimmoo mindaasaanii irraa hamma ta’e citee kaffalamuufi himatu.

Taateen kuni xiinsammuu barsiisotaarratti dhiibbaa uumuufi barsiisonni hedduun hojii humnaa kaffaltii gadiaanaadhaan hojjachuuf saaxilamuu himu.

Pireezidaantii Barsiisota Kibba Itoophiyaa Amaanu’eel Phaawuloos rakkoon kuni seektara barnootaa hubaa jiraachuu ibsuun mindaa kutamuu, addaan ciccituufi waadaan mootummaan barsiisota naannichaatiif gale osoo hin guutamin hafuu hima.

“Barsiisonni godinoota Gamoo, Walaayittaafi Konsoo keessa jiran rakkoo maallaqaa cimaatiin qoramaa jiru. Rakkoon kuni naannolee haaraa hundeeffaman hunda keessa kan jiru yemmuu ta’u godinoonni kunneen garuu garmalee hubamaniiru,” Amaanu’eeltu jedhe.

Barsiisonni aanaa Humboo godina Walaayittaa gonkumaa kaffaltii kan hin argatin yoo ta’u aanaa Kindookoyishaafi Daamot garuu mindaasaanii keessa walakkaa kan ta’u qofti kaffalamuu Amaanu’eel eereera.  Barsiisonni tokko tokko mindaasaanii keessaa  15% qofa kan argatan jiraachuus himeera. Kana malees, barsiisonni konsoofi Kaaraat keessatti argaman kaffaltii ji’a Adooleessaa eeggachaa jiraachuun Amaanu’eel addeesseera.

Barsiisaan Magzaat Giraazmaach, “Adoolessa 2023 irraa kaasee mindaa guutuu argannee hin beeknu. Yeroon kaffaltii malee itti turre kuni jireenya keenya keessumaa gahumsa barsiisuu keenyarratti dhiibbaa ulfaataa taasiseera,” jedheera.  

Rakkoon maallaqaa kuni barsiisonni hedduu hojii dabalataa akka hojjatan taasiseera. Hojii humnaa kan akka kophee qalama dibuufi meeshaa baachuu akka hojjatan dirqisiisuu Amaanu’eel himeera.

Godina Kibba Itoophiyaatti barsiisaan aanaa Dambaa Gofaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate rakkoon kuni jiraachuu mirkaneessa. Kaffaltiin mindaa turuun jireenya barsiisotaa rakkoo keessa galchuu ibseera.

“Rakkoon qisaasa’inaafi barsiisotaaf kabaja dhabuun xiinsammuu keenyarratti dhiibbaa uumeera,” jechuun  barsiisonnni jireenyasaaniifi maatiiisaanii horachuu dadhabuu dubbateera.

Barsiisota gaaffi mirgaa gaafatan irratti dhiibbaan akka taasifamu barsiisonni ni himu. Godina Walaayitaatti barsiisonni mindaan akka kaffalamuuf gaafatan hidhamaa jiraachuu DW’n gabaaseera. Barsiisonni kunneen Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatti iyyannoo gafachuuf mallattoo barsiisotaa sassaabuu hordofee hidhamaniiru jedhe.

“Baajanni mootummaan federaalaa ramadu barsiisota bira hin gahu” jechuun mootummaa naaannichaarraa komii qabaachuu Amaanu’eel himeera.

“Barsiisonni itti gaafatamummaasaanii caalaa hojjatu, garuu kaffaltii xiqqoo argatu waan ta’eef rakkoon kuni qulqullina barnootaarratti dhiibbaa guddaa uumuun barattoonni barnoota akka addaan kutaniifi dandeettii hubachuusaanii akka gadi bu’u taasisa,” Amaanu’eel dabalee jedheera. AS

Related Articles

Back to top button