
Finfinnee, Guraandhala 05/2025 – Oppireeshiniin Tajaajilli Poolisiin Biyyaalessaa Keeniyaa Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) irratti eegale mootummaa Itoophiyaa waliin qindaa’uun gaggeeffamaa jiraachuu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.
Tajaajilichi ibsa miidiyaaleef ergeen, Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseenii fi gita isaanii Keeniyaa Nuuraddiin Mohaammad Hajii, akkasumas qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisaa fi Poolisii biyyoota lameenii marii gaggeessuu ibseera.
Waltajjii marii waloo kanaan dhimmoota faayidaa biyyaalessaa biyyoota lameenii irratti miidhaa geessisuu danda’an, shororkeessummaa, daldala kontirobaandii, daddabarsaa namootaa seeraan alaa fi daddabarsaa meeshaalee waraanaa ittisuurratti ooppireeshinii qindaa’aa gaggeessuu eegaluu ibseera.
Biyyoonni lamaan sochiiwwan kanneen keessatti ni hirmaatu jedhanii kan himatan hidhattoota WBO “naannawaa daangaa biyyoota lameen irraa dhabamsiisuuf akka tumsan” ibsichi akeekeera.
Oppireeshinii hanga ammaa gaggeeffameenis garicharratti “miidhaan olaanaan qaqqabuu” tajaajilchi ibseera.
Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa duula gaggeessaa jiru ilaalchisee ibsa kaleessa baaseen, yakkamtoota hojiilee seeraan alaan nageenya biyyaalessaa Keeniyaa irratti balaa guddaa geessisan irratti xiyyeeffachuu eeruun, hidhattoota WBO kutaalee kaawuntii Sololoo, Mooyyalee, Horri Kaabaa fi Martii argaman adamsaa jiraachuu ibse.
Oppireeshinii hanga ammaatti kutaalee kaawuntii Sololoo fi Martii keessa gaggeeffameen meeshaalee garichi itti fayyadamu akka meeshaalee waraanaa, jenereetarii, paanalii aduu, kaameraa fi qoricha sammuu hadoochuu to’annoo jala oolchuu ibseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaan Keeniyaa oppireeshinii irratti akka eegale ibsamuu hordofee ibsa baaseen, gocha yakkaa ittiin himatame waliin hidhata akka hin qabne eeruun “birmadummaa fi tokkummaa daangaa Keeniyaa guutummaatti akka kabaju” ibseera. AS