DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Kirkira lafaa Itoophiyaa keessatti tibbana mudateen namoota lamarratti miidhaa ulfaataa gahuu UN ibse

Finfinnee, Amajjii 13/2025 – Sababa kirkira lafaa kutaalee naannoo Affaarii fi Oromiyaa keessatti itti fufiinsaan mudachaa jiruun “namoota lama irratti miidhaa ulfaataa qaqqabuu” Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) beeksise. 

Akka OCHA’n jedhutti kirkirri lafaa kun manneen jireenyaa, buufataalee fayyaa, manneen barnootaa fi daandii dabalatee bu’uuraalee misoomaa irratti miidhaa guddaa geessiseera.

Dhaabbatichi gargaarsa namoomaa bal’aan kennamaa jiraachuus, qaawwi guddaan ammallee akka jiru ibseera. Gama deeggarsa namoomaan qindoomina jiru naannolee Affaarii fi Oromiyaa keessatti Komaand Poostii Godinaa hundeeffamuu kan eere OCHA, dabalataanis baay’ina namoota miidhamanii fi qabeenya barbadaa’e madaaluuf hojiin eegalamuu ibse. 

Torban darbe hojjettoota Warshaa Sukkaaraa Kasam 4,000 dabalatee namoonni 58,000 ol ta’an Godina Gabii Raasuu Aanaalee Dulasaa fi Awaash Fantaallee keessatti kirkira lafaa irra deddeebi’ee mudateen qe’ee isaanii irraa buqqa’anii bakka biraatti qubsiifamanii gargaarsa namoomaa argachaa akka jiran Addis Standard gabaase ture.

Gabaasni OCHA ammaa akka hubachiisutti, Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa dhiyeessii nyaataa konkolaattota fe’umsaa 16 gara iddoowwan namoonni buqqa’an qubatanii jiranitti erguu isaa ibseera. Deeggarsi dabalataa Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) walta’iinsa ‘World Vision Ethiopia’ irraa eegama.

“Naannoo Affaar iddoowwan buqqaatonni baay’inaan keessummeessan keessatti gargaarsi nyaataa maatii 6,780’f gaheera,” jechuun OCHA gabaaseera. “Haa ta’u malee, maatiin 2,250 deeggarsa tokko malee hafaniiru.”

Kirkirri lafaa keessattuu naannolee Affaarii fi Oromiyaa keessatti cimaa ta’ee jira. Amajjii 8 fi 10 gidduutti kirkirri lafaa 18, Rektar Iskeelii 4.4 hanga 5.3 kan galmaa’e yoo ta’u, kunis torban darbe keessa kirkirri lafaa mudate waliigalaa 50 geessiseera. Inni cimaan, Rektar Iskeelii 5.8, Amajjii 4 naannawa gaarreen Dofanitti mudate. 

Dhiyeenya kana sababa kirkira lafaa naannoo Affaar, Awaash Fantaalleetti irra deddeebiin mudateen manneen 30 ol barbadaa’uu fi namoonni kumaatama qe’ee isaanii gadhiisanii gara naannoo ollaa baqachuu Addis Standard gabaasee ture. AS

Related Articles

Back to top button