DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Kirkira lafaa tibbana Awaash Fantaalleetti mudachaa jiru manneen 30 ol jigse, kumaatamni qe’ee irraa buqqa’aniiru

  Finfinnee, Amajjii 02/2025 – Sababa kirkira lafaa tibbana naannoo Affaar, Awaash Fantaalleetti irra deddeebiin mudateen manneen 30 ol barbadaa’uu fi namoonni kumaatama qe’ee isaanii gadhiisanii gara naannoo ollaa baqachuu jiraattonni Addis Standard’tti himaniiru.

Jiraataan maqaan isaa akka hin eeramne gaafatan tokko yaada Addis Standard’tti laataniin, sababa kirkira lafaa tibbana naannoo Affaar aanaalee Awaash Fantaallee fi Dulasaa keessatti mudateen manneen jiguu himan.

“Kirkira lafaa aanaalee Awaash Fantaallee fi Dulasaa keessa irra deddeebiin mudachaa jiruun manneen guyyaa guyyaan jigaa jiru” kan jedhan jiraataan kun, manneen 30 ol jiguu eeraniiru. 

Miidhaa manneen jireenyaarra gaheen alatti manneen barnootaa naannoo sana jiran hedduun miidhaan irra gahuu himan.

Akkaa fakkeenyaattis aanaa Awaash Fantaallee ganda Saaburee keessatti manni barumsaa Ungayituu irratti miidhaan qaqqabuu hordofee Kibxata darbe irraa eegalee adeemsi baruufi barsiisuu addaan cituu ibsaniiru. 

“Kanaan dura Fulbaana bara 2017 ALI keessa taateewwan kirkira lafaa walfakkaataan mul’ataniiru,” kan jedhan jiraataan kun, manneen yeroo sanatti miidhaman kirkirri lafaa deebi’ee ka’uu isaatiin amma guutummaatti barbadaa’aa akka jiran ibsaniiru.

Akkasumas namoonni hedduun yaaddoo irraa kan ka’e keessattuu aanaa Dulasaa naannawaa Warshaa Sukkaaraa Kasam irraa gara naannolee ollaatti dheessaa akka jiran eeraniiru. 

“Namoonni naannoo warshaa sukkaaraa jiran guutumatti qe’ee isaanii gadhiisanii  bahaniiru. Manneen jiganiiru, namnis meeshaasaa qabatee gara Awaash Arbaatti deemaniiru. Warri qarshii qabu konkolaataan ba’a, kan hin qabne immoo miilaan baqachaa jira,” jedhan.

Jiraataan kan biraa Usmaan Abdii jedhaman ji’a sadii dura taateewwan walfakkaatan akka mudatan eeruun, yeroo ammaa kirkirri lafaa kun aanaalee Saburee, Booliiqaa, Qabbanaa fi Arbiharaa jedhamanitti bal’inaan mudachuu himan.

“Keessattuu Arbiharaa fi Booliiqaa gidduutti daandii asfaaltii baqaqe gad fageenya isaa baay’ee guddaadha” jedhan.

Itti dabaluun horsiise bultoonni aanaa Dulasaa keessa jiraatan gara Awaash Sabaat fi Argoobbaatti dheessaa akka jiran himaniiru.

Akkasumas, “Dilbata darbe Muddee 19 Hidhi Kasam Awaash Fantaalee keessatti argamu diigamuufi jedhamee odeeffannoon tamsa’uu hordofee namoonni hedduun mana isaanii gadhiisanii baqataniiru” jedhan.

Itti dabaluunis qaamni dhimmi ilaallatu naannichaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu qaba jedhan.

Jiraataan magaalaa Awaash Sabaat kan biraan Addis Standard’tti akka himanitti, namoonni hedduun ganda Duhaa irraa qe’eefi qabeenya isaanii dhiisanii gara Awaash Sabaat kiiloo meetira 43 fagaatanii dheessaa jiru.

“Namoonni gara keenya ce’aa jiran baay’eedha. Kan danda’an mana kireeffatee jira. kan biraa fira bira jiraachaa jira. Yeroo baqatan irra caalaan isaanii ijoollee isaanii fi maatii isaanii malee qabeenya tokkollee hin fidne,” jechuun waan argan ibsaniiru.

Dhimma kana ilaalchisee Addis Standard Bulchaa Aanaa Awaash Fantaallee Adan Bala’aa dubbiseera. Bulchaan aanichaa kirkirri lafaa kun kanaan dura baatii Fulbaana bara 2017 ALI keessa bal’inaan mul’achuu eeruun, yeroo ammaa taateen kun akka haaraatti deebi’uu himan.

Itti dabaluunis, aanaa Awaash Fantaallee ganda Saaburee keessatti kan argamu manni barumsaa sadarkaa tokkoffaa Ungaayituu miidhaan irra gahuu fi barnoonni addaan cituu himaniiru.

Akkasumas masjiida ganda Duhaa keessatti argamu baqaquu dubbataniiru.

Yeroo ammaa kana gareen teeknikaa waajjiraalee fayyaa, barnoota, dubartootaa fi daa’imman, waajjira qonnaa fi nageenyaa of keessaa qabu ijaaramee ummataaf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira jedhan.

Dabalataan dhaabbilee miti mootummaa naannoo sanatti socho’an waliin ta’uun hojiiwwan miseensota hawaasaa naannoo balaa keessa jiran gara bakka fooyya’aa ta’etti jijjiiruun hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.

Komishiniiwwan ittisa balaa naannoo fi federaalaa waliin mari’achuun hojiin qindoominaan hojjetamaa akka jirus cimsanii dubbataniiru.

Kirkira lafaa tibbana naannoo Affaaritti mul’atee fi dambaliin isaa hanga magaalaa guddoo biyyattit Finfinneetti dhaga’ame gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Dhiyeenya kana Wiixata Muddee 21, 2017 ALI qofa keessattuu naannawaa Awaash Fantaalleetti kirkirri lafaa 10 ol akka mudate gabaafameera. AS

Related Articles

Back to top button