Oduu: Komishinichi dhiibbaan dhaabbilee mirga namoomaarratti taasifamu akka dhaabbatu gaafatee

Finfinnee, Muddee 27, 2024 – Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) uggurri dhaabbilee siviliirratti taasifamaa jiru yaaddeessaa ta’uu ibse.
Abbaa taayitaa dhaabbilee sivilii dhaabbilee sivilii shan ta’an torbanoota lamaan darban keessatti ugguruu gabaafameera.
KMNI sababbii ugguraatiif mootummaan dhiyeesse “kaayyoo isaaniitiin ala hojjachuu, gocha dantaa biyyaalessaa hubu raawwachuu” jedhuun himaterratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu ifoomseera.
Uggura dhaabbilee lamarratti kanaan dura taasifame komishinichi qorachaa osoo jiru dhaabbilee mirga namoomaarratti hojjatan biroo “ragaa quubsaa malee” sababa “seera cabsuu” jedhuun ugguruun “isa naasisuu” ibseera.
Manni Marii Itoophiyaafi Mana Marii Abukaatoo Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhaabbilee guyyaa kaleessaa ugguramaniidha.
KMNI sababii dhaabbileen kunneen si’a lammaffaaf akka ugguraman taasise kana akkaataa dambii ittiin bulmaata dhaabbilee kanneenii hordofeen kan qoratu ta’uu ibseera.
Abbaan taayitichaa qorannoo gaggeessa jedhe hatattamaan xumuruun dhaabbileen kunneen hojiisaanii akka itti fufan akka eeyyamu KMNI gaafateera.
Uggurri guyyaa kaleessaa dhaabbilee mirga namoomaa lamaanirra kaa’ame qoqqobbii Giddugala Guddina Dimookiraasiiifi Abukaatoo Mirgaafi Mirga Namoomaa torban darbe keessa si’a lammaffaaf kaa’ame hordofeeti.
Dhaabbileen lamaaniifi Waldaan Mirga Namoomaa Itoophiyaa sababa “siyaasarraa walaba ta’uu dhabuu” fi “dantaa biyyaalesssaa hubuu” jedhaniin ugguramanii ture. Uggurri kuni yeroo gabaabduuf erga kaafamee booda yeroo lammataaf kaa’ameera.
Dhaabbileen idiladdunyaa hedduun taateen kuni araddaa siviliirratti dhiibbaa uuma jechuun qeeqaniiru. Hiyuumaan Raayts Waach (HRW) aanga’oonni Itoophiyaa mirga dhaabbilee sivilii hacuucaa jiraachuu ibsuun uggurri kuni akka kaafamu waamicha taasiseera.
Amineestii Intarnaashinaal, gamasaatiin, “murteen kuni akka jijjiiramu” gaafateera. “Aanga’oonni Itoophiyaa dirree garee mirga namoomaa biyyattii keessa socho’an dhiphisanii cufaa jiru,” HRW’tti itti aantuun daayreektara Afrikaa Laateeshiyaa Baadar jetteerti.
Dhaabbanni Idiladdunyaa Dararrii Mormu (OMCT) gochaan kuni dhaabbilee sivilii “duubatti kan harkise” jechuun ibseera. AS