ODUUSIYAASA

Oduu: Komishiniin Marii Biyyaaleessaa 'hunda hammattummaa mirkaneessuu dhiisee loogummaa siyaasaa' agarsiiseera: Paartilee Mormitootaa

Finfinnee, Caamsaa 24/2024 – Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dabalatee paartilee mormitootaa gurguddoo 11 of keessatti kan hammate Kokasiin Paartilee Mormitootaa, Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii “hunda hammataa ta’e” mijeessuuf kaayyoo qabate galmaan gahuu dhiisee “kaayyoo siyaasaa paartii biyya bulchu raawwachiisaa jira” jechuun himate. 

Kokasichi ibsa Addis Standarditti ergeen, komishinichi kaayyoo “uummata Itoophiyaa gidduu haqa, tokkummaa biyyaalessaa, wal-hubannoo, fi araara” mirkaneessuuf kan ijaarame ta’uu ibseera.

Haa ta’u malee, komishinichi ulaagaalee aangoo fi dirqama isaa keessatti ibsaman kanneen akka “waltajjii marii nagaa dhaqqabamaa qabu, hunda hammataa fi haqa qabeessa ta’e” akka qophaa’u gaafatu kan hin guunne ta’uu eereera.

Kokasichi ibsa isaatin, komishinichi kaayyoo hundeeffameef galmaan ga’u irratti xiyyeeffachuu dhiisee “liqii fi gargaarsa argachuuf hariiroo hawaasa addunyaa waliin qabu fooyyessuuf” akka itti fayyadamaa jira jechuun qeeqe.

Gamtaan paartilee siyaasaa mormitootaa “haalli kun adeemsa marii biyyaalessaa keessatti hunda hammattummaa fi iftoomina akka hin jiraanne taasiseera” jechuun falma.

Kana malees, mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin haal-dureewwan “waliigalteetti geessuu hin dandeenye” kaa’ee, ce’umsa qabatamaa malee “imaammata haqaa ce’umsaa” baasuu isaa akka rakkootti kaaseera.

Kokasichi, Komishiniin Marii Biyyaalessaa “adeemsa kana irratti to’annoo ykn qorannoo sirrii malee gara fuulduraatti tarkaanfachaa jira” jechuun yaaddoo qabu ibseera. Itti gaafatamummaa dhabuun kun “waldhabdee hidhannoo xumura hin qabne, kufaatii dinagdee, qaala’insa jireenyaa olaanaa, fi jeequmsa hawaasummaa bal’aa” biyyattii keessatti uumamuuf gumaacha qaba jechuun falman.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Paartileen mormitootaa kunneen ibsa dhiheenya kana Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasingaa kennan mootummaan mirga namoomaa kabachiisuu fi marii dhugaa mijeessuu dhabuu isaaf “ragaa dabalataadha” jechuun akeekaniiru.

Ibsi Kokasiin Paartilee Mormitootaa kan bahe adeemsa marii biyyoolessaa Finfinneetti Caamsaa 29, 2024 irraa eegalee gaggeeffamuuf hojii ajandaa kaa’uu akka eegale Komishiniin Marii Biyyaalessaa erga beeksise guyyaa tokko boodadha.

Komishinaroota Komishinichaa keessaa tokko kan ta’an Ambaasaaddar Mohaammad Dirir marii ogeessota miidiyaa waliin Caamsaa 22, 2024 taasisaniin, komishinichi naannolee kudhanii fi bulchiinsa magaalaa lama keessatti hojii hirmaattota galmeessuu erga gaggeessee booda qophiin marsaa ajandaa bocuu kana xumurarra akka jiru dubbataniiru.

Akka Komishinar Mohaammad jedhanitti, adeemsi ajandaa kaa’uu Caamsaa 29 Finfinneetti kan jalqabu yoo ta’u, kana booda gara naannolee birootti ce’uun hanga Waxabajjii 04, 2024tti kan turu ta’a. AS

Related Articles

Back to top button