DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Konfedereeshinichi mindaan hojjettoota dhaabbilee dhuunfaatiif akka dabalamuufi gulantaan mindaan gadiaanan akka murteeffamu gaafate 

Jijjiirama diinagdee hordofuun hojjaettoota dhaabbilee dhuunfaatiif mindaan akka dabalamuufi gulantaan mindaa gadi aanaa akka murteeffamu Konfedereeshiniin Hojjettoota Itoophiyaa gaafate. 

Jijiirama diinagdee guddaa taasifameen walqabatee hojjettoota dhaabbilee dhuunfaatiif daballiin mindaa akka taasifamuufi gulantaan mindaa gadiaanaa akka murteeffamuu mootummaa gaafachuu dubbihimaan konfedereeshinichaa Obbo Salamoon Zeenaa Addis Stadard’tti himaniiru. 

“Kuni [daballiin mindaa] ta’e diinagdeen akka wal madaalu gargaara,” jechuun labsii hojjetaafi hojjachiisaa 11/56 akka eerutti boordiin gulantaa mindaa gadiaanaa murteessu akka hundaa’u murteeffamus hanga yoonaatti hojiitti hin hikaamin ibseera. 

Jijiiiirama diinagdee tibbana ifoomeen walqabatee rakkoo hojjettoota mudatu furuuf boordichi hatattamaan hojii eegaluu qaba jedhe. 

Jijjiirama diinagdee taasifameen walqabatee mindan hojjettoota mootumma harka 300 kan dabalamu ta’uu MM Itoophiyaa Abiy Ahmad ifoomsee ture. Daballiin mindaa kuni duubatti akka hin harkifannee konfedereeshinichi gaaafateera. 

Jjiiirama diinagdee hordofuun qaala’iinsi jireenyaa hammaachuu eeruun jireenya hojjattootaarratti dhiibbaa akka uumu ibseera. 

“Qaala’iinsi jireenyaa mindaa hojjattootaarra darbee deemeera,” itti aanaan pireezidaantii konfedreeshinichaa, Ayyaaleew Ahmad jedheera. qaala’iinsi jireenya kuni akkasiin yoo ittti fufe jireenya hojjattootaarratti dhiibbaa akka uumu Ayyaaleew dubbateera. AS 

Related Articles

Back to top button