ODUUSIYAASA

Oduu: Afrikaan Mana Maree Nageenyaa UN'tti "bakka bu’ummaa sirrii” akka argattu Itoophiyaan irra deebiin gaafatte

Finfinnee, Fulbaana 23, 2024 – Mana Marii Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti Afrikaan bakka “bu’ummaa sirrii ta’e” akka argattu Itoophiyaan irra deebiin gaafatte.  

Itoophiyaan gaaffii kan kan dhiyeessite yaa’ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 79ffaa Niiw Yoorkiitti taa’amaa jirurrattii haasawaa MinistIrri Dhimma Alaa Taayyyee Atsqasillaasee taasisaniini. Itoophiyaan gaaffii walfakkaataa waltajjiilee biroo garaagaraarratti gaafachaa turuun ni yaadatama.

Murteen mana maree nageenyaa dabarsu kamiyyuu dantaa Afrikaa ilaalcha keessa kan galche akka ta’u gaafachuu odeeffannoon ministeera dhimma alaa baase agarsiseera. Akkasumas, biyyoonni addunyaa hiyyummaa dhabamsiisuuf kutannoodhaan akka hojjatan ambaasaaddarichi gaafateera.

Marii kanarratti sanadni hiyyummaa dhabamsiisuu, jijjiirama qilleensaa hir’isuu, lola dhaabsiisuu, weerara dhibee too’achuufi rakkooleen teeknoolojii haaraa fidaniif furmaata waloo barbaadurratti hojjatu Pact for the Future, Declaration of Generations, Global Digital Compact jedhamu raggaasifameera. Itoophiyaan sanada kana hojiirra oolchuuf mallatteessiteerti.

Piroojektiin Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa Antoniyoo Guteereeziin qophaa’e dhaloota dhufu oolchuu (Summit for the Future) jedhamu ifa taasifameera.

Kana malees, Taayyeen hoggantoota biyyoota Aljeeriyaa fi Sudaan Kibbaa waliin dhimma nageenya naannoorratti marii taasisaniiru. Akkasumas, Ministeera Dhimma Alaa Aljeeriyaa Ahmad Ataaf waliin dhimma nageenya ardii Afrikaarratti mari’achuun ibsameera.

Ministeeronni kunneen marii komishinii Itoo-Aljeeriyaa shanaffaa taasifamuuf jiruuf qophii taasifamaa jiruun walqabatee aanga’oonni lameen “yaada wal jijjiiruu” himameera.

Ambaasaddar Taayyeen gita isaanii Sudaan Kibbaa Raamdaan Abdullaahii waliin akkasuma marii tureen akkaataa itti fayyadama bishaan Laga Naayil ilaalchisee haasaa taasisuu ibsaniiru. Akkaataa bishaanicha walqixxummaafi haqummaan fayyadamuu danda’amurratti mari’ataniiru.

Paarlaamaan Sudaan Kibbaa waliigaltee akkaataa itti fayyadama Bishaan Laga Naayil raggaasisuutiin walqabatee uummanni Sudaan Kibbaa mirga bishaanichatti fayyadamuu akka kabajamu kan taasisu ta’uu Ambaasaaddar Taayyeen dubbataniru.

Maricharratti ministeeronni lameen hojiirra oolmaa waliigaltee yaa’a bishaan Naayiliif waloon hojjachuuf waliigalaniiru jedhame. AS

Related Articles

Back to top button