ODUU

Oduu: Koreen hojii raawwachiiftuu godinoota Kibbaafi Lixa Tigraayitti filannoo buchiinsaa adeemsisuuf ta’uu beeksise 

Finfinnee, Hagayya 13, 2024 – Koreen Hojii Raawwachiiftuu Biyyaalessaa “waldhabdee daangaa” naannoo Amaaraa fi Tigraay furuuf hundaa’e bulchiinsa yeroo hundeessuuf naannolee lixaafi kibba Tigraay keessatti filannoo bulchiinsaa adeemsisuuf  karoorfachuu beeksise. 

 Ibsa Hagayya 12, 2024 baaseen korichi naannichatti caasaa  bulchiinsaa haaraa ijaaruuf filannoo gaggeessuun barbaachisaa ta’uu ibseera. 

Akka ibsa korichaatti, filannoon kuni tumsa raayyaa ittisa biyyaa,qaamolee mitimootummaa, hirmaannaa mootummoota naannoleefi hirmaannaa uummataa kallattiitiin kan gaggeeffamu ta’a.  

 Akkaataa Waliigaltee Piriitooriyaaatiin hojiin buqqaatota naannoo Raayyaafi Tsallamtii qe’eesaaniitti deebisuu “milkaa’ina olaanaadhaan raawwatauu” korichi eereera.  

Qaamoleen adeemsa buqqaatota deebisuutti danqaa ta’an jiraachuu korichi addeesseera. Haa ta’u malee, “fedhii fi dandeettii mootummaa fi ummataa gadi” waan ta’eef buqqaatonni qe’ee isaaniitti milkaa’inaan deebisuun danda’ameera. 

Milkaa’ina piroojektii kanaatiif raayyaa ittisaa biyyaa, Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, fi poolisiin federaalaa olaanaa turuu eerameera. Haa ta’u malee, garaa fuulduraatti, “Hojiiwwan hafan ciminaa fi kutannoon itti fufiinsaa akka hojjatu” korichi beeksiseera. 

 Itti dabaluudhaanis muuxannoon Raayyaa fi Tsalllamtii irraa argame “adeemsa buqqaatota hafan deebisanii ijaaruuf akka oolu ta’uuibsameera. 

Bulchiinsi yeroo amam jiru “ummanni bulchiinsa barbaaduufi idilee akka hundeeffatu kan gargaaru ta’uu korichi eereera. AS 

Related Articles

Back to top button