ODUUSIYAASA

Oduu: Labsiin fooyya’iinsa miidiyaalee ‘aangoon qaama tokkoon akka dhuunfatamu taasisa’ jedhamuun qeeqame

Finfinnee, Sadaasa 13/2024 – Wixineen labsii fooyya’insa miidiyaalee Itoophiyaa tibbana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhiyaate, walabummaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gaaffii keessa galcha jedhamuun waldaalee ogeessota miidiyaa fi dhaabbileen hawaasa siivikii 14n qeeqame.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee fooyya’iinsaaf dhiyaate irratti Onkoloolessa 29, 2024 erga mari’ate booda koree dhaabbii dhimmoota dimokiraasii mana marichaaf qajeelcheera.

Fooyya’iinsa haaraa kanaan muudamni Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitichaa Ministira Muummeetif kennamuu, akkasumas itti gaafatamummaan eeyyama dhorkuu, haquu fi akeekkachiisa barreeffamaa kennuu bordichaaf laatame ture amma abbaa taayitichaaf kennuu qeeqaniiru.

Wixineen labsii kanaa “qaama tokkoof aangoo kennuu fi adeemsa keessa dhiibbaa hin malleef balbala banuu bira darbee walabummaa abbaa taayitichaa gaaffii keessa galcha” jedhan.

Waldaalee fi jaarmiyaaleen kunneen ibsa waloo baasaniin, “haala barbaachisummaa labsicha fooyyessuu irratti qorannoon walabaa osoo hin gaggeessiin, qooda fudhattoota waliin mariin osoo hin gaggeeffamiin wixinee kana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin akka ragga’uuf dhiyeessuun sirrii miti” jechuun qeeqan.

Qabiyyeen labsii fooyya’iinsa miidiyaalee bara 2013 ALI ragga’e sanadoota mirga namoomaa idil-addunyaa fi ardichaa waliin kan walsimu ta’uufi bilisummaa miidiyaa fi hojii miidiyaa fooyya’aa ta’eef bu’uura ta’uu ibsichi yaadachiiseera.

Wixineen labsii fooyya’iinsaa qaama raawwachiiftuutiin qophaa’ee raggaasisuuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaate kun garuu qabiyyee fi hafuura keewwata hedduu labsii miidiyaa amma jiru kan jijjiiru ta’uu ibsaniiru.

Wixineen kun adeemsa fi qabiyyee isaa irratti hanqina bal’aa kan qabu ta’uu ibsi kun kan eeru yoo ta’u, wixinee fooyya’iinsa kanarratti mariin ummataa waan hin geggeeffamneef sagaleen waldaalee siivikii, ogeeyyiin miidiyaa fi falmitoonni mirgaa akka hin dhaga’amne taasisuu ibseera.

Akkaataan fooyya’iinsa kana qopheessuuf itti deemame iftoominaa fi hirmaannaa kan hin qabne ta’uu ibsuun, barbaachisummaan wixinee labsii kanaa qaama walaba ta’een adda baafamuu isaa ragaan agarsiisu akka hin jirre eeraniiru.

Wixineen labsii kun aangoon qaama tokkoon akka dhuunfatamu taasisa jechuun kan qeeqan jaarmiyaaleen kunneen, barbaachisummaa labsii fooyya’iinsa kanaa irratti ragaan qorannoo irratti hundaa’e akka dhiyaatu fi qooda fudhattoonni bal’inaan akka irratti mari’atan gaafataniiru.

Labsiin fooyya’iinsaa kun mana marichaan osoo hin raggaasifamin dura qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun “mariin hiika qabu akka taasifamu” hubachiisaniiru. AS

Related Articles

Back to top button