
Finfinnee, Amajjii 21/2025 – Liqii alaa fi biyya keessaa dabalatee liqiin waliigalaa mootummaa Itoophiyaa waggoota shanan darban keessatti %25.3 dabaluudhaan dhuma baatii Waxabajjii 2024tti Doolaara biiliyoona 68.9 gahuu ibsame.
Kunis oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) biyyattii keessaa %32.9 kan bakka bu’u yoo ta’u, kan bara darbe ture waliin walbira qabamee yoo ilaalamu %8.8 dabaluu gabaasa liqii mootummaa tibbana Ministeera Maallaqaan maxxanfame ni mul’isa.
Gabaasichi daballii liqii mootummaa waggoota shanan [bara 2019/20 fi 2023/24 gidduutti] mul’ateef jijjiirama gatii sharafa alaa akka sababa ijootti kaa’eera.
Liqii waliigalaa keessaa liqiin biyya keessaa %59 (Doolaara biiliyoona 40) yoo ta’u, liqiin alaa ammoo %41 (Doolaara biiliyoona 28.9) qabateera. Waggaa darbe keessa liqiin biyya keessaa %14 kan dabale yoo ta’u, liqiin alaa ammoo guddina xiqqaa %2.5 galmeessee jira.
Liqii alaa Itoophiyaan hin kaffalamiin qabdu keessaa dhaabbileen biyyoota hedduu liqii laafaa olaanaa kennan tilmaamaan %52 kan qaban yoo ta’u, liqeessitoonni gam-lamaa ammoo %28.31 qooda qabu. Inni hafe ammoo liqeessitoota dhuunfaa irraa madda.
Doolaarri Ameerikaa (USD) liqaa alaa Itoophiyaan qabdu keessaa %45.84 yoo ta’u, Yuuroo (%6.58) fi Yuuwaan Chaayinaa (%1.52) itti aananii argamu.
Gabaasni kun akka agarsiisutti, liqiin alaa Itoophiyaan yeroo ammaa dhibbeentaa al-ergiitiin qabdu %179.8 yoo ta’u, ulaagaa biyyattiin keesse %150 haalaan caaleera. “Kun ulaagaa bu’uuraa ol ta’uu agarsiisa,” jechuun ibseera.
Haa ta’u malee, gabaasni kun liqiin mootummaa waliigalaa biyyattii ulaagaa Baankii Addunyaa fi Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) keessatti akka argamu ibseera.
Gabaasni kun kan bahe sagantaa haaraa hojiirra oolmaa Riifoormii Diinagdee Biyya Keessaa isa lammaffaa deeggaruuf kaayyeffate ilaalchisee ji’oota jaha dura mootummaan Itoophiyaa fi IMF gidduutti marii xumuramuu hordofeeti. Waliigaltichi kan irra ga’ame mootummaan dhuma ji’a Adoolessa 2024 sirna sharafa alaa gabaa irratti hundaa’etti ce’uuf murtee erga dabarsee boodadha.
Akka gabaasa kanaatti, qaawwi faayinaansii haftee yeroo sagantaa bara 2024/25–2027/28tti tilmaamame doolaara biiliyoona 10.7 maddoota hedduurraa kan argamu ta’a. IMF Doolaara biiliyoona 3.4 kan gumaachu yoo ta’u, doolaarri biiliyoona 3.75 ammoo deeggarsa baajata Baankii Addunyaa kennurraa kan argamu ta’a jedhamee eegama.
Torban darbe IMFn gamaaggama isaa lammataa sagantaa liqii doolaara biiliyoona 3.4 Itoophiyaaf kennamu xumuruu beeksiseera. Gamaaggama kana hordofee Itoophiyaaf liqii dabalataa doolaara miiliyoona 248 eeyyameera. AS