SIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Lixni Oromiyaa gara nageenya idileetti deebi'aa jiraa?

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Waxabajjii 28/2024 – Buufata xiyyaaraa godina Wallagga Bahaa keessa argamuu fi birrii biiliyoona 1.3n kan ijaarame, Buufata Xiyyaaraa Guddinaa Tumsaa, torban lama dura ifatti eebbifamee hojii eegaleera. Daandiin Qilleensa Itoophiyaa torbanitti guyyaa sadi Finfinnee irraa gara Naqamtee balalii akka eegaluus beeksiseera.  

Oduun kun jiraattota godina Wallagga Bahaa waggootaaf walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu gaggeeffamaa tureen jireenyi idilee isaanii miidhameef abdii kan horuudha. 

Buufatni Xiyyaaraa Guddinaa Tumsaa eebbifamuu ji’a tokko dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad aanga’oota mootummaa olaanoo biroo waliin ta’uun magaalaa Naqamteetti daawwannaa taasisuun hiriira “deeggarsa jijjiirama biyyaalessaa” gaggeeffame irratti hirmaatanii turan. 

Erga yeroo dhiyoo asii qondaaltonni mootummaa olaanoo Wallagga Bahaattis ta’e godinaalee Lixa Oromiyaa biroo keessatti daawwannaa yeroo taasisan baay’inaan hin baratamne. 

Kana malees, kaleessa Waxabajjii 27 Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan qondaaltota mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo waliin ta’uun godina Qeellam Wallaggaa aanaa Laaloo Qileetti duula dhaabbii biqiltuu eegalchiisaniiru. 

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa godina Qeellam Wallaggaa aanaa Laaloo Qileetti biqiltuu yeroo dhaaban (Suuraa: OBN)

Qondaaltonni haala kana akka agarsiistuu fooyya’insa nageenyaa Lixa Oromiyaatti yeroo ibsan dhagahama. Balaliin xiyyaaraa Finfinneerraa gara Dambi Dolloo baatii Guraandhala keessa eegalamuus akka fooyya’u nageenyaatti fudhatame. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Haata’u malee, jiraattonni godina Wallagga Bahaa fi Qeellam Wallaggaa rakkoo nageenyaa naannichaa hammaachuu himu. 

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhiheenya kana balaliin xiyyaara biyya keessaa dabaluu gabaaseera. Qeeqxonni ammoo daballiin kun sababa rakkoo nageenyaa jiruun daandii konkolaataa danqamuu agarsiisa jedhu. 

Jiraataa fi barsiisaan Yunivarsiitii Dambi Doolloo maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko, aanaalee kanneen akka Anfilloo, Jimmaa Horroo, Daalee Sadi fi Gidaamiitti walitti bu’iinsa garaagaraa mudachuu Addis Standard’tti hime. 

Akka jiraataan kun jedhutti, namoonni WBO, kan mootummaan “Shanee” jedhee waamu, deeggartu jedhamanii dararamu. “Waxabajjii 22, 2024 aanaa Yamaalogii Walalee keessatti humnoonni federaalaa obbolaa lama Yohaannis Hordofaa fi Gammachuu Hordofaa jedhaman ajjeesaniiru,” jedhe. 

Jiraataa godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Ejeree kan ta’e Darajjee Tolaa (maqaan yaaddoo nageenyaaf kan jijjiirame), kanaan dura sababa walitti bu’iinsaan qe’ee isaarraa buqqa’ee dhiyeenya kana gara qe’eetti deebi’e. 

Akka Darajjeen jedhutti, rakkoo nageenyaa naannichaa ammallee hammaachuun jireenya hawaasaa fi adeemsa baruufi barsiisu irratti yaaddoo uumeera. “Hawaasni tajaajila fayyaa fi barnoota argachuuf daangeffameera. Carraa hojii dhabuu, akkasumas bishaan qulqulluu argachuufis rakkataa jira,” jedhe.

Sababa rakkoo nageenyaan godina Wallagga Bahaa irraa buqqa’ee yeroo ammaa kana godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaartee Jaardagaa kaampii buqqaatotaa keessa kan argamu Waaqumaa Tasfaayee, walitti bu’iinsi itti fufee jiru nageenya naannoo sanaa booressuu itti fufuu hime.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Sulula Finca’aatti barattoonni mana barumsa qophaa’inaa Agamsaa sababa rakkoo nageenyaan miidhamaniiru (Suuraa: Addis Standard)

Waldhabdeewwan kunneen humnoota mootummaa fi gareewwan hidhatan WBO, Faannoo [garee hidhattoota bu’uurri isaa naannoo Amaaraa ta’e] hirmaachisa. 

Waaqumaan, waldhabdeen daangaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa, keessattuu godina Horroo Guduruu Wallaggaatti yeroo baay’ee mudatu furmaata argachu dhabuun isaa jiraattota hedduu irratti miidhaa geessisaa jiraachuu eere.  

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Tulluu Habiib keessa kan jiraatu qonnaan bulaa Tolosaa Gabbisaa (maqaan kan jijjiirame), qonnaan bultoonni xaa’oo fi sanyii argachuuf leenjii milishaa akka fudhatan dirqisiifamaa jiraachuu Addis Standard’tti hime. ”Kanneen leenjii milishaa didan sanyii fi xaa’oo dhorkamu.”

Itti dabaluunis nageenyi waaraa dhibamu isaatin itti fufiinsa qabu naannawa sanatti argamu dhabuu irraa kan ka’e jiraattonni sodaa keessa jiraachaa akka jiran ibseera.

Waldaa Misooma Gurmuutti Qindeessaa Dhimma Barnootaa kan ta’e Habtaamuu Tizaazuu yaada Addis Standard’tti laateen, bu’uuraalee barnootaa sababa walitti bu’insaan barbadaa’an ammallee suuphaa barbaadu. “Godina Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti manneen barnootaa hedduun cufamanii jiru” jedhe. 

“Godinaalee Wallaggaa arfan keessatti walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi WBO gidduu gaggeeffamu itti fufee jira. Buufataaleen fayyaa hedduu hojii ala ta’aniiru. Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti weerara dhibee gifiraa mudateen namoonni 30 yoo du’aniiru. Dhibeen busaas akkasuma saffisaan babal’achaa jira,” jedhe. 

Namoota sababa walitti bu’iinsa uumameen qe’ee isaanirraa buqqa’an gara qe’eetti deebisuuf yaaliin godhamaa turuu kan eere Habtaamuun, haata’u malee namoonni hedduu gara qe’ee isaanitti deebi’u akka hin dandeenyeefi kanneen deebi’anillee sababa yaaddoo nagenyaa ammallee itti fufee jiruuf sodaa keessa akka jiraatan hime. 

Haalli nageenyaa godina Wallagga Lixaas amansiisaa miti.

Jiraataan aanaa Qondaalaa maqaan isaa akka hin dhahamne filate tokko yaada Addis Standard’tti laateen, torban darbe Waxabajjii 22 bara 2024 ganda Ofaffaa keessatti humnoonni nageenyaa federaalaa dargaggeessa Ahmad Darabaa jedhamu hidhuu isaanii himeera.

”Ahmad garee hidhattootaa [mootummaan ‘Shanee’ jedhee waamu] deeggaruun himatame, inni garuu gocha himatame keessa harka akka hin qabaanne dubbate. Haa ta’u malee, humnoonni mootummaa guyyaa itti aanutti isa ajjeesan.”

Jiraataan kun itti dabaluudhaan, godina Wallagga Lixaa aanaalee hedduu keessatti erga torban sadii asi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota mootummaa gidduutti walitti bu’iinsa deemaa jiraachuu himeera. “Shuuraa Lophii fi Shuuraa Maaramuutti lola cimaatu gaggeeffamaa jira”

Dargaggoonni, dubartoonni (dubartoota ulfaa dabalatee) fi daa’imman sababa waldhabdee itti fufee jiruun rakkoo guddaa isaan mudachaa jiraachuu dabalee eereera.

“Dararaa, hidhaa seeraan alaa, reebicha, fi ajjeechaan aanaalee godinicha hedduu keessatti babal’ateera,” jechuun cimsee dubbateera. ”Mootummaan akka qaama uummata eeguuf itti gaafatamummaa qabutti socho’aa hin jiru,” jedhe.

Tibbana Addis Standard gabaasa jeequmsi fi tasgabbii dhabuun Lixa Oromiyaa keessatti adeemaa jiru akkamitti namoota nagaa akka gaaga’ee, akkasumas dhaabbilee hawaasummaa, diinagdee fi damee barnootaa akka laamshesse bal’inaan ibsu maxxanseera. AS

Related Articles

Back to top button