ODUUSIYAASA

Oduu: Kibba Wallootti lola humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu taasifameen lammiileen nagaa madaa’an

Finfinnee, Sadaasa 15, 2024 – Naannoo Amaaraa godina Kibba Walloo aanaa Ambaassal iddoo addaa Roobiit jedhammutti lola taasifameen lammiileen nagaa madaa’uufi manneen jireenyaa diigamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan eenyummaansaanii akka hin eeramne gaafatan humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo jedhanii of waaman gidduutti “lolli cimaan” gaggeeffamuu himu.

“Lolli kuni kan mudate Sanbata Duraa darbeedha. Lolichi meeshaa waraanaa ulfaatadhaan kan deeggarameedha. Meeshaan gurguddaan dhukaafamaa oole. Roobiit irraa fageenya meetira 100 ta’utti manneen laga Azhiwaatti dhiyootti argaman irratti kufeera,” jechuun manneen naannawa sanatti argaman diigamuu himeera.

Kana malees, Roobiit bira darbee daandii gara Quwaadiit geessu gidduutti iddoo Filfal jedhamutti lola taasifameen “meeshaa waraanaa ulfaataadhaan” haleellaan taasifamu jiraataan kuni ibseera.

“Filfalitti haleellaan meesha waraanaa ulfaatan taasifameera. Guyyichi guyyaa gabaa ture. Namoonni hedduu yeroo gabaadhaa deebi’anitti manneensaanii meeshaa waraanaa gurguddaadhaan diigamaniiru,’ jechuun haleellaa tureen namoonni harkaafi miilasaanii madaa’uu himeera.

Jiraataan maqaansaa akka hin eeramne gaafate biraa iddoo kanatti haleellaan irra deddeebiin raawwatamuu eeruun jireenyi isaanii yaaddoo keessa galuu dubbata.

“Ammaan tana lolli torban torbaniin naannoo keenyatti gaggeeffama jechuu dandeessa. Sagalee meeshaa gurguddaa dhagahuun barameera. Yoomiifi eessatti mana namootaarratti akka kufu hin beekamu. Jireenya yaaddoo jiraachaa jirra,” jechuun ji’a Onkololeessa 2024 kaasee waraanni cimee itti fufee jiraachuu himeera.

Ji’a darbe keessa Onkololeessa 17, 2017 ALI godina Kibba Walloo aanaa Ambaassalitti naannawa Roobititti dhukaasni turuu maxxansi kuni gabaaseera. Haleellaa raawwatameen lubbuun lammilee nagaa darbuu gabaafameera.

Haaluma walfakkaatuun, Onkololeessa 26, 2017 ALI Gojjaam Lixaa aanaa Achafar magaala Durbeeteetti haleellaa diroonii gaggeeffameen namoonni 30 ol ajjeefamuu jiraattonni ni himu.

Naannoo Amaaraa keessatti “duulli seera kabachiisuu” gaggeeffamaa jiraachuu mootummaaan federaalaa fi naannichaa ibsa waloo kennaniin ibsanii ture. Ibsa kana hordofuun haleellaan qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamu dabaluu jiraattoonni Addis Standard’tti himaniiru. AS

Related Articles

Back to top button