DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Maatiin barattoota ugguraman ibsi mootummaan “gadi lakkifamaniiru” jechuun baase ‘dhugaa miti’ jedhan

 Finfinnee, Adoolessa 11/2024 – Mootummaan Naannoo Oromiyaa barattoota yuunivarsiitii 160 torban darbe yuunivarsiitii Dabaarq irraa gara Finfinnee osoo imalaa jiranii naannoo Oromiyaa magaalaa Garba Gurraachaatti hidhattootaan ugguraman gadi lakkifamuu isaanii beeksisuus, maatiin barattoota garuu ijoolleen isaanii ammallee akka hin gadhiifamne himaniiru. 

Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsa Roobii baaseen, barattoota “humna finxaaleeyyii fi shororkeessaan” ugguraman 167 keessaa kanneen 160 ta’an “oppireeshinii mootummaan taasiseen” gadi lakkifamuu ibseera. Hogganaan biirichaa Haayiluu Addunyaa barattoonni kunneen humnoota nageenyaa mootummaan bilisa bahuu dubbataniiru.

Haata’u malee, maatiin barattootaa Addis Standard dubbise haalli jiru faallaa kanaa ta’uu himan. Namni intallisaa barattuu IT waggaa sadaffaa Yuunivarsiitii Dabraaq ta’uu himan tokko, “qaamolee ugguran waliin guyyaa guyyaan wal argina. Kadhannaa keenya otoo hin dhagahiin maallaqa kaffaluu akka qabnu cichanii nu dirqisiisaa jiru.” 

Abbaan kun intala isaanii gadhiisisuuf maallaqa birrii miiliyoona gaafatamuu himan. 

Dabaluun, taateen uggura barattoota kanneen Roobii torban darbe yeroo dhagahamu aanga’oota mootummaatti beeksisuu eeruun, haata’u malee hanga ammaa mootummaa irraa deebii isaanif kenname akka hin jirre dubbatan. 

Ibsa mootummaa Roobii galgala laate akka isaan gaddisiise kan himan maatiin kun, “hanga har’aa barataan humnoota mootummaan gadhiifame tokkollee hin jiru. Silaa erga warri ugguran ijoollee keenya waliin guyyaa guyyaan nu qunnamsiisu waan ta’eef ni beekna ture. Ijoolleen keenya humna mootummaa akka hin agarre nutti himan,” jedhan. 

Maatiin barattuu waggaa sadaffaa hidhattoota kanneenin ugguramte kan biraas yaada kana mirkaneessaniiru. Abbaan barattuu kanaa Addis Standard’tti akka himanitti, intalli isaanii ammallee akka hin gadhiifamnee fi gadhiifamuuf maallaqa akka kaffalan gaafatamaa jiraachuu eeran. 

“Maallaqa guddaa akkasii qabaachuu dhiisii ​​dhaga’eeyyuu hin beeku. Intala koo akka gadhiisan erga isaan kadhadhee booda amma harka Waaqayyootti dabarsee dhiiseen jira” jedhan.

Itti dabaluudhaan, qaamolee barattoota kanneen ugguran intala isaanii waliin bilbilaan yeroo qunnamsiisan barattoonni kunneen iddoo jalqaba itti ugguramanii turan irraa gara iddoo biraatti akka geeffaman hubachuu ibsaniiru.  

Obboleettiin barattuu ugguramte kan biraa yaada Addis Standard’tti laatteen gabaasaalee barattoonni kunneen akka gadi lakkifaman ibsan “guutummaan guutuutti soba” jette. 

“Maallaqa na gaafachuu itti fufaniiru” kan jettu obboleettiin kun, dabaluun “dhugaan nuti beeknu waan miidiyaa irratti odeeffamaa jirurraa adda. Gad lakkifamuu isaanii dhageenye, garuu akka isaan hin gadhiifamne beekna” jette.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaamni barattoota kana uggure “Shanee”, maqaa mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waamuuf itti fayyadamu, ta’uu ibseera. Haa ta’u malee, gareen hidhattootaa kun himannaa kanaaf deebii hin kennine.

Wiixata darbe, Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu taateen maallaqaaf jecha namoota butuu naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti dabalaa jiru balaaleeffateera. Imbaasichi ibsa isaatin, “namoota nagaa fi barattoota maallaqaaf jecha ukkaamsuun dhaabbachuu qaba” jedhe. 

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa waggaa 3ffaa Jimaata darbe baaseen, naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti taateen maallaqaaf jecha namoota ukkaamsuun dabalaa dhufuu ibseera. 

Gabaasni Addis Standard Onkoloolessa 2023 maxxanse naannoo Oromiyaa keessatti taateewwan maallaqaaf jecha namoota butuun dabalaa dhufuu gabaasee ture. Naannichatti waldhabdee humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu gaggeeffamaa jiruun walqabatee taateen akkanaa baay’achuu miidhamtoonni fi qondaaltonni mirkaneessaniiru. AS

Related Articles

Back to top button