DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Maatiin barattoota yuunivarsiitii hidhattootaan ugguraman maallaqa humnaa ol gaafatamaniin dhiphachuu himan

 Finfinnee, Adoolessa 10/2024 – Maatiin barattoota yuunivarsiitii 100 ol torban darbe naannoo Amaaraa irraa gara Finfinnee osoo imalaa jiranii naannoo Oromiyaa magaalaa Garba Gurraachaatti hidhattootaan butaman “mootummaan dhimma kanaaf xiyyeeffannoo hin laanne” jechuun komatan. 

Obboleettiin barattuu waggaa sadaffaa Yuunivarsiitii Dabaarq Adoolessa 03, 2024 hidhattootaan butamte tokko Addis Standard’tti akka himtetti, hidhattoonni kunneen obboleettii ishee gadhiisuuf maallaqa kuma 500 kan gaafatan yoo ta’u, maatiin maallaqa jedhame kana kaffaluu waan hin dandeenyeef dhiphina keessa argamu. 

”Aanga’oota mootummaa irraa nuuf bilbilamaa ture. Garuu hanga ammaatti tarkaanfii mootummaan fudhate kamiyyuu hin argine. Filannoon qabnu maallaqa walitti qabnee kaffaluu qofa,” jette.

Maatiin barataa butame kan biraa BBC’n dubbise ammoo maallaqa birrii kuma 700 akka kaffalan gaafatamuu himeera. “Nuti 700,000 dhiisii ​​birrii 7000 hin qabnu” jedhan maatiin barataa kanaa. 

Barattoonni muraasa miliqanii bahuu kan himame yoo ta’u, baay’een garuu ammallee hidhattootaan qabamanii argamu. Hanga ammaatti barattoonni kunneen eessa akka jiran hin beekamu.

Pireezidaantiin Yunivarsiitii Dabaarq Asmaamaaw Zagayyee taatee kana mirkaneessuun ibsa dabalataa kennuu irraa of qusataniiru.

Itti gaafatamaa Biiroo Nageenyaa Godina Shawaa Kaabaa akkasumas qondaaltota Ministeera Barnootaa irraa yaada argachuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Wiixata darbe, Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu taateen maallaqaaf jecha namoota butuu naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti dabalaa jiru balaaleeffateera. Imbaasichi ibsa isaatin, “namoota nagaa fi barattoota maallaqaaf jecha ukkaamsuun dhaabbachuu qaba” jedhe. 

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa waggaa 3ffaa Jimaata darbe baaseen, naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti taateen maallaqaaf jecha namoota ukkaamsuun dabalaa dhufuu ibseera. 

Gabaasni Addis Standard Onkoloolessa 2023 maxxanse naannoo Oromiyaa keessatti taateewwan maallaqaaf jecha namoota butuun dabalaa dhufuu gabaasee ture. Naannichatti waldhabdee humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu gaggeeffamaa jiruun walqabatee taateen akkanaa baay’achuu miidhamtoonni fi qondaaltonni mirkaneessaniiru. AS

Related Articles

Back to top button