DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Magaala Moyaaleetti ajjeechaan daa’ima ganna 14 dheekkamsa kaase

Finfinnee, Amajjii 13, 2025 – Naannoo Oromiyaa godina Booranaa magaala Mooyyalee ganda Shawaa Barriitti daa’imni ganna 14 “miseensota poolisiin” ajjeefamuun jiraattota biratti dheekkamsa kaase.

Daa’imni kuni kan ajjeefame dhukaasa “humnoonni poolisii” bananiin Jimaata darbe ta’uu ta’uu himame. Haata’u malee ajjeechaan kun eenyuun akka raawwatameefi haalli ajjeechaa kanaa maal akka ture Addis Standard addatti mirkaneessuu hin dandeenye.

Ajjeechaa daa’ima kanaa hordofuun Sanbata darbe uummanni magaalattii hiriira mormii baheera. Hiriira mormii ture bittinsuuf poolisiin naannichatti dhukaasa baneen namoonni madaa’aniiru jedhame.

Haa ta’u malee, haleellaa poolisiin bane kanaan namoota miidhamaniifi badii qaqqabe adda baafachuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.

Taatee magaalichatti mudatee ture hodofuun hoggansi magaalaa Moyyaaleefi gandootaa iddoo itti aanaan kantiibaa Obbo Abdii Eediniifi itti gaafatamaan siyaasa Obboo Godoolee Waaqoo jiranitti mariin hawaasa waliin gaggeeffamuu odeeffannoo  waajjira kominikeeshinii magaalaa Moyyaaleerraa arganne ni mul’isa.

Gochaan raawwatame balaaleffatamuu akka qabu eeruun yakka kana sakatta’uun yakkamtoota seeraatti dhiyeessuuf akka hojjatamu ibsameera.

Ajjeechaa kana hordofuun hiriirri akka gaggeeffame kan ibse kominikeeshinichi, yakkamtoonni seeratti akka dhiyaatan gaafachuun badii akka hin qabne ibseera. Haa ta’u malee, gochi “waajjiraalee cabsuu fi barbadeessuu” raawwatame sirrii akka hin taanee fi kaayyoo hiriira kanaa kan bakka hin buune ta’uu ibseera.

Haalli nageenyaa naannicha keessatti mul’atu yeroorraa gara yerootti yaaddeessaa ta’uun jiraattoonni kanaan dura himachaa turaniiru. Rakkooleen akkasiis irra deddeebiin godina Booranaatti mudataniiru.

Godina Booranaa aanaa Miyootti Bitootessa 05, 2024 dargaggoon ganna 24 Qallaa Bonayyaa jedhamu qaamolee nageenyaa mootummaatin “haala suukaneessaa ta’een” reebamee ajjeefamuu jiraattota aanichaa biratti dheekkamsa kaasee ture. Milishoota ajjeechaa raawwachuun shakkaman jaha to’annoo jala oolchuu mootummaan beeksisee ture.

Kana malees, godina Booranaa aanaa Miyootti iddoo addaa Bokkuu Luboomaa jedhamutti Fulbaana 19, 2024 galgala dhukaasa humnoonni nageenyaa konkolaachisoota motoraa afur irratti bananiin lubbuun dargaggoo tokko darbuufi kan biro lama mdaa’uu Addis Standard gabaasee ture. 

Miseensonni milishaa kunneen dhukaasa kana kan banan “sababa konkolaachiftoonni kunneen kaffaltii kottee jedhamu qarshii shantama milishaan gaafate kaffaluu didaniif” ta’uu jiraatotnni himanii ture. AS

Related Articles

Back to top button