Finfinnee, Sadaasa 14, 2024 – Magaala guddoo naannoo Sidaamaa Hawaasaatti hir’inni dhiyeessii boba’aa mudachuu hordofeen boba’aan gabaa gurraachaatti gatii ol ka’aadhaan gurguramaa jiraachuu konkolaachiftoonni Addis Standard’tti himan.
Konkolaachiftoonni magaalatti Addis standard dubbbise akka jedhanitti, boba’aa guuttachuuf hanga guyyaa afuriitti kan hiriiran ta’uu himu. Hiriira kana dheessuuf jecha gabaa gurraachaatti boba’aan litirii tokko birrii 170n gurguramaa jiraachuu jiraattonni kunneen himaniiru.
Magaalaa Hawaasaatti konkolaachisaan minibaasii maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko rakkoon kuni Ebla 2024 kaasee hammaachaa dhufuu himeera.
“Boba’aan gabaa gurraachaarratti gurguramaa jira. Nuti hiriira yeroo eeggannu konkolaaachiftoonni tokko tokko si’a lama yookiin sadii guuttatanii deemu. Marsaa deebi’anitti nama hiriira kabachiisuuf birrii 50 kennu,” konkolaachisaan jedheera.
Konkolaachiftoonni kaffaltii kana hin kennine immoo boba’aa guuttachuuf guyyoota afuriif akka turan dirqisiifamu jedheera. Akkasumas, torbanitti si’a tokko qofa guuttachuun danda’ama.
Konkolaataasaatti boba’aa guuttachuuf yeroo dhaqutti rakkooleen garaagaraa isa mudachuu konkolaachisaan kuni himeera.
“Kamisa darbe ergan boba’aa guttadhee booda erga Sanbata Duraatii kaasee guyyoota afran darbaniif ganamaan hiriira qabachaan ture. Haa ta’u malee, hanga har’aatti hin milkoofne,” jechuun sodaa qabu ibseera.
Kana malees, boba’aan gabaa gurraachatti gatii olaanaadhaan liitiriin tokko hanga birrii 160tti gurguramaa jiraachuu himeera. “Boba’aan meeshaa gabaa keessatti gurguramu ta’eera,” jedhe.
Magaalattiitti konkolaachisaan baajaajii maqaansaa akka hin eeraamne gaafate gurgurtaan boba’aa guyyaa adiidhaan raawwatamaa jira jedheera.
“Boba’aan buufata boba’aa caalaa dhaaba knkolaaataatti gurguramaa jira. Dhimma kana humni tika nageenyaa dabalatee jiraataan magaalattii kamiyyuu ni beeka,” jedheera
Konkolaachisaan taaksii biraa gurgurtaa boba’aa gabaa gurraachaa sadarkaa yaaddeessaa irra gahuu dubbata.
Boba’aan buufata boba’aatii baafamee gabaa gurraachaatti gurguramaa jira jedheera. Konkolaattonni tokko tokko dandeettii qabiyyyee qodaa isaanii guddisanii hanga boba’aa waraabachuu danda’anii ol waraabbachuun gara gabaa gurraachaatti geessaa jiraachuu himeera.
“Konkolaaachisaan dhuunfaa tokko boba’aa birrii 16,000 guuttatee yeroo bahu ija koon argeera,” konkolaachisaatu jedhe.
Konkolaachiftoonni kunneen buufata boba’aatii birrii 91 bitanii gara biraa geessuun namoota xixiqqeessanii gurguranitti birri 110 hanga 120 tti gurguran jiraachuu konkolaachisaan kuni himeera. Konkolaachiftoonni biroommoo boba’aa liitirii tokko hanga birrii 170 namoota kanneen irraa bitachaa jiraachuu ibseera.
“Fakkeenyaaf, guyyaa kaleessaa buufataalee boba’aa magaalaa Hawaasaa keesssatti argaman 20 ol ta’an keessaa buufata lama qofatu boba’aa dhiyeessaa ture,” jechuun rakkoon hir’ina boba’aa hammaataa ta’uu eereera.
Hir’inni dhiyeessii boba’aafi gabaan gurraachaa kuni konkolaachiftoonni taaksii imaltootarratti gatii dabalataatiif akka dirqisiisan yookiimmoo dheerina lafa imalanii akka gabaabsan dirquu konkolaachisaan kuni ni hima.
“Kanaan dura imala Mannaahaariyaadhaa hanga Piyaassaatti taasifnuuf birrii 10 kaffalsiifna ture. Amma garuu lafa walakkaa sana ta’uu imaluun birrii 10 kaffalsiisaa jirra. Boba’aa liitirii tokko gatii dachaadhaan bitaa imaltootarratti gatii dabaluu hambisuun hin yaadamu,” jedheera.
Galiin inni guyyaa tokkoon argatu birri 200tti gadi bu’uu konkolaachisaan taaksii kuni himeera.
Gurgurtaa gabaa gurraachaa too’achuuf jecha gurgurtaa boba’aa halkan taasifamu ugguruu aanga’oonni naannichaa ifoomsaniiru. Afgaaffii miidiyaa mootummaa waliin taasiseen hogganaan biiroo daldalaafi misooma gabaa naannichaa Obbo Burqaa Butulaa rakkoon dhiyeessii boba’aa jiraachuu amaneera.
Rakkoo dhiyeessii kana furuuf biiroonsaa Dhaabbata Dhiyeessii Peetrooliyamii Itoophiyaa waliin hojjachaa jiras jedheera. Buufatalee boba’aa 20 ta’an magaalatii keessatti argaman keessaa tajaajila kennaa kan jiran lama yookiin sadii qofa ta’uus himaniiru.
“Dhiyeessii boba’aa jiru baay’ina konkolaataa magaalattii keessa jiruu waliin kan wal gituu miti,” jechuun rakkoo kana furuuf koree waloo ijaaruun gurgurtaa boba’aa halkan taasifamurratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu aanga’aan kuni eereera.
“Dhiyeessii boba’aa jiru konkolaachiftoota hundaaf waliin gahuuf yaadamee sagantaan baafamee hojjatamaa jira,” jechuun dabalee himeera. AS