DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Manneen barnoota Oromiyaa 553 barataa tokkoyyuu hin dabarsine: Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Fulbaana 09/2024 – Firiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan bara 2016 ALI har’a ifoomuu Ministeerri Barnoota Itoophiyaa beeksise. 

Ministeerichi firii qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee ibsa har’a gaazexeessitootaaf kenneen barattoota waliigalaa qormaata biyaaleessaa 12ffaa fudhatan 684,205 keessaa 5.4% kan ta’an ykn lakkoofsaan 36,409 qofa qabxii darbiinsaa galmeessu ibseera.

Manneen barnoota barattoota isaanii qormaata baranaa qoramsiisan keessaa 1,363 barattootni isaanii guutummaatti kan hin dabarre ta’uus ibsameera. 

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsa isaaniin, “qabxiin kun kan baroota lamaan darban irraa fooyyee qaba” jedhan. 

Barattoota barana qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf galmaa’an 701,749 keessaa qormaaticha kan fudhatan 684,205 ta’uu kan eeran Pirof. Birhaanuun, kanneen qormaata fudhatan keessaa 29,736 kan ta’an yeroo jalqabaatiif karaa onlaayinii qoramuu ibsaniiru. 

Naannolee biyyattii keessaa magaalaa Finfinnee, naannoo Oromiyaa fi Harariin barattoota baay’ee dabarsuu isaanii Pirof. Birhaanuun dubbataniiru.

Barattoota sadarkaa qabxii darbiinsa galmeessisan 36,409 keessaa kanneen 10,690 ta’an barattoota magaalaa Finfinnee ta’uu ibsameera. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee barattoota qormaataaf dhiyeesse keessaa 21.4% qabxii darbiinsaa argataniiru. 

Sadarkaa biyyaalessaatti qabxiin olaanaa kan galmaa’e naannoo Tigraay irraa yoo ta’u, 700 irraa qabxii 675 galmaa’e. Naannoo Tigraayitti addatti 700 irraa qoramu. Gama biraatiin, sadarkaa biyyaaleessaatti 600 irraa qoraman keessaa qabxiin olaanaa 575 ta’ee galmaa’eera. 

Akka Pirof. Birhaanuun jedhanitti, Saayinsii Uumamaan 600 irraa 575, Saayinsii Hawaasaan 538 ta’ee galmaa’eera. Lamaanuu barattoota magaalaa Finfinnee ta’uu ibsaniiru.  

Manneen barnoota 1,363 barattootni isaanii guutummaatti hin dabarre keessaa 553 Oromiyaa, 156 Somaalee, 56 Amaaraa, 52 Tigraay, 36 Beenishaangul Gumuz, 33 Affaar, 4 magaalaa Finfinnee keessa kan argaman ta’uu ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button