Oduu: Dhimmi barattoota musliimaa magaalaa Aksuum hijaaba dhorkaman akka furamu majliisni hubachiise

Finfinnee, Amajjii 02/2025 – Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhimma barattoota Musliimaa naannoo Tigraay magaalaa Aksuum keessatti sababa hijaaba uffachuu isaaniitiin ji’a tokko oliif barnoota irraa dhorkaman ilaalchisee hanga ammaatti “furmaanni laatame tokkollee hin jiru” jedhe.
Manni marichi ibsa Amajjii 01, 2025 baaseen “barattoonni Musliimaa sababa uffannaa amantii isaaniitiin ji’a tokkoo oliif mana barnoota akka hin seenne dhorkamaniiru” jedhe. Ibsichi itti dabaluun, “barattoonni tokko tokkoo fi maatiin isaanii hidhamanii turan” jechuun himateera.
Manni Marichi dhimma kana irratti Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Tigraay waliin mari’achaa turuu eeruun, “furmaanni tokkollee akka hin argamne qabatamaan hubanneerra” jedhe.
Barattoonni musliimaa magaalaa Aksuum keessa jiran dhorkiin uffannaa hijaabaa mirga barnootaa fi bilisummaa amantaa heera mootummaatiin kenname sarba jechuun mormii dhageessisaa turaniiru.
Barreessaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Tigraay Haaji Mohaammad Kahsaay kanaan dura Addis Standarditti akka himanitti, uggurri kun barattoota kutaa 12ffaa irratti haalaan dhiibbaa uumeera. “Barattoonni tokko tokko mooraa mana barumsichaa akka hin seenne waan dhorkamaniif qormaata biyyaalessaaf galmaa’uu hin dandeenye.”
Biiroon Barnootaa Naannoo Tigraay xalayaa Muddee 30, 2024 barreesseen, Waajjira Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Aksuum irraa komii akka isa qaqqabe ibseera. Manneen barnootaa irra caalaan isaanii hojimaata kan eegan ta’us, manni barumsaa sadarkaa lammaffaa waliigalaa tokko diduun barattoota hijaaba uffatan dhrokuu ibseera.
Biirichi “dhimma kana akkamitti akka furamu irratti ogeessota biiroo keenya irraa ergaman waliin marii taasifameen waliigalteerra ga’ameera” jechuun ibseera. Haa ta’u malee, “dhimmicha furuuf waliigalteerra gahamuus, komiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay irraa dhiyaate dhimmichi furmaata kan hin arganne ta’uu agarsiise” jedheera.
Qajeelfamni haaraan hanga bahutti daangeffamni ykn gaaffiin dabalataa kaa’amuu akka hin qabnee fi sirni seera uffannaa duraanii hojiirra akka oolu biirichi cimsee ibseera.
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa rakkooleen biroo hawaasni musliimaa Aksuum keessa jiraatu mudatan “furmaata osoo hin argataniin hammaataa jiru” jedheera. Rakkooleen kunneenis dhimmoota “bakka masjiidaa fi bakka awwaalchaa” waliin walqabatan ta’uu kaase.
Manni marichi waajjiraaleen dhimma amantaa mootummaa naannoo fi federaalaa tarkaanfii hatattamaa akka fudhatan waamicha dhiyeesseera. ”Namoota sarbama seeraa kanaaf itti gaafatamummaa qaban irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu qaba,” jechuun kutaan seeraa isaa dhimmicha hordofuu akka itti fufu ibseera.
”Hawaasni Musliimaa hundaa fi dhaabbileen amantaa biroo dhimma kana balaaleffachuu fi hawaasa Musliimaa Aksuum waliin akka dhaabbatu waamicha goona,” jedheera. AS