ODUUSIYAASA

Oduu: Wixineen labsii gareewwan siyaasaa kanaan dura sochii nagayaa ala turan seera qabeessa taasisu paarlaamaaf qajeelfame

 Finfinnee, Caamsaa 31/2024 – Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 32ffaa har’a Caamsaa 31 gaggeesseen wixinee labsii paartilee kanaan dura bu’uura sochii siyaasaa seera qabeessaa fi nagayaa ala turan irra deebiin beekamtii seera qabeessummaa akka argatan taasisu dabalatee dhimmoota afur irratti mari’atee sagalee guutuun gara mana maree bakka bu’oota ummataatti dabarseera. 

Manni marichi jalqabaarratti kan mari’ate wixinnee labsii Filannoo, Galmee Paartiilee Siyaasaa fi Namuusa Filannoo Itoophiyaa fooyya’uuf dhiyaate irrati yoo ta’u, dhaabbilee siyaasaa kanneen akka Adda Bilisummaa Uummata Tigraay beekamtii seera qabeessummaa irraa muluqame akka deebisanii akka argatan taasisa. 

Akkaataa wixinee labsii kanaatti, gareewwaan siyaasaa u’uura sochii siyaasaa seera qabeessaa fi nagayaa ala turan karaa nagaan socho’uuf wayita fedhii agarsiisan qaamolee kanneen paartii siyaasaa seera qabeessa taasisuun galmeessuu danda’ama.  

Gareewwaan siyaasaa kunneen karaa nagaan socho’uu fi ijaarsa sirna dimookiraasii keessatti gumaacha bahachuu wayita fedhii agarsiisan deebisanii galmeessuuf sirna dandeessisu dirirsuuf wixineen labsii qophaa’e dhiyaachuu eerameera.

Manni maree ministirootaas wixinee labsii dhiyaate irratti erga mari’ate booda gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka dabarfamu sagalee guutuun murteessuu ibsameera. 

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa Guraandhala 13, 2024 ibsa miidiyaalee naannichaaf laataniin waa’ee ABUT beekamtii seera qabeessummaa isaa deebisee argachuu ilaalchisee wayita gaafataman, marii mootummaa federaalaa waliin Finfinneetti taasisan irratti “danqaawwan seeraa jiran furuun” ABUT paartii seera qabeessaa ta’ee akka galmaa’u waliigaluu isaanii dubbachuun isaanii ni yaadatama.  

Manni marichi itti aansuun Labsii Qabeenyaa Deebisiisuu irratti kan mari’ate yoo ta’u, qabeenya labsiiwwan garaagaraa keessatti bittinaa’anii jiran deebisiisuu fi sirna hojiirra oolchuuf haala mijatu diriirsuun waan barbachiseef wixineen labsii kana qophaa’uu ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Manni marichi wixinee labsicha irratti erga mari’atee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dabarseera.

Dabalataan manni marichaa labsii maallaqa seeraan ala argame seera qabeessa taasisuu fi yakka gargaarsa maallaqaa shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf yaadame qophaa’e irratti mari’achuu ibsameera.

Dhumarratti wixinee labsii sirna bittaa fi gurgurtaa bu’aalee boba’aa murteessuuf qophaa’e irratti mari’atameera. Cancala dhiyeessii fi hojmaata isaa qaama alaa galchuu eegalee hanga fayyadamtootaatti jiru sirna gabaa ammayyaa, si’ataa, iftoomaa, haqa qabeessaa fi qaqqabaa taasisuuf labsiin qophaa’erratti erga mari’atee booda paarlaamaaf ergeera. AS

Related Articles

Back to top button