ODUUSIYAASA

Oduu: Bulchiinsi Yeroo Tigraay mana maree gorsaa hundeesse; diyaaspooraa fi qaamolee nageenyaa hin hirmaachifne jedhame

Finfinnee, Guraandhala 02, 2025 – Manni maree gorsaa bulchiinsi yeroo Tigraay guyyaa kaleessaa hundeesse diyaaspooraafi garee tika nageenyaa of keessatti hin hammanne jedhame.

Manni mareen kun bulchiinsa yeroo Tigraayiin hundeeffamuu hordofee Obbo Mogas Taaffasaa walitti qabaa mana marichaafi pireezidaantiin paartii Birmadummaa Tigraay Dajan Mazgaboo (PhD) itti aanaa ta’uun filatamaniiru.

Manni marii bulchiinsi yeroo hundeesse kuni waldaalee sivilii, paartiile siyaasaa, diyaaspooraafi miseensota tika nageenyaa kan of keessatti akka hammatu ibsamee ture

Haa ta’u malee, miseensonni paartii humna tika nageenyaa, Saalsaay Wayyaaneefi miseensonni diyaaspooraa mana marichaa keessati hin hammatamne jechuun Televiziyooniin Tigraay gabaaseera. Qaamoleen kunneen hirmaannaa akka taasisan bulchiinsi yeroo waamicha taasisuu biiroon kominikeeshinii ibseera.

Pireezidaantiin naannichaa Geetaachoo Raddaa sirna hundeessuu kanarratti haasaa taasisaniin, manni marichaa hojiimaata biiroolee bulchiiinsa yeroo kan hordofuufi kan deegaruu yemmuu ta’u yeroo barbaadameetti murtee kan dabarsu ta’uu eereera.

“Garaagarummaa gidduu keenya jiru akka safuutti osoo hin taane akka wanta barameetti ilaaluun garaagarummaa osoo hin taane wanta nu tokkummeessurrattiifi lubbuun jiraachuu keenya kan mirkaneessan irratti hojjachuu qabna,” jechuun Geetaachoon dubbateera.

Pireezidaantiin naannichaa karoora ji’a jahaa bulchiinsa yeroo mana marichaatiif dhiyeessuun gamaaggamsiiseera. Hojiin buqqaatota qe’eesaaniitti deebisuun dhimma dursii kennamuuf ta’uu ibsameera. Kaayyoo kana dhugoomsuuf gargaarsi hundaa akka barbaadamu pireezidaantichi ifoomseera.

Karoorri ji’a jahaa bulchiinsi yeroo dhiyeesse sagalee mormii tokko maleefi sagalee of qusannaa saddeetiiin raggaasifamuu odeeffannoon Televiziyoona Tigraay irraa argame ni agarsiisa. AS

Paartiin naannichatti socho’u Saalsaay Wayyaanee jedhamu mana marii bulchiinsi yeroo hundeessuuf jiru irratti akka hin himraannee Amajjii 14, 2017 ALI ifoomsee ture. Paartichi Koreen mana marichaa hundeessuuf filatame akkaataa dambii ittiin bulmaata kan hin hordofneefi akkaataa bulchiinsa yerootiif mijatuun qindeeffamuu eeruun mana marichaa keessatti akka hin hirmaanne ifoomsee ture. AS

Related Articles

Back to top button