DALDALADHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Manni marii ministeerotaa baajata dabalataa birrii biliyoona 600 raggaasise, baajanni waliigalaa birrii triliyoona 1.5 gahe

Finfinee, Sadaasa 22, 2024 – Manni marii ministeerotaa wixinee labsii baajata dabalataa birrii biliyoona 581.98 raggaasisuun baajanni waliigalaa bara kanaa birrii triliyoona 1.5 akka ta’u taasise.

Biiroon MM ibsa baaseen, manni marii ministeerotaa marii Sadaasa 21, 2024 taasiseen wixinee labsii baajata dabalataa eeyyamu raggaasisuun gara mana marii bakka bu’oota ummataatti ergeera.

Baajanni dabalataa kuni dandeetti faaynaansii mootummaa guddisuu, galii guddisuufi baasii dabalataa ilaalcha keessa kan galcheedha jedhame. Manni marii bakka bu’oota ummataa si’a dhumaatiif wixinee kana kan raggaasisu ta’a.

Manni marii ministeerotaa baajata dabalataa kana kan raggaasise manni marii bakka bu’oota ummataa baajannii bara kanaa birrii biliyoona 971.2 akka ta’u Waxabajjii 2024 keessa erga raggaasisee boodadha.

Ogeessi diinagdee Addis Standard dubbise tokko akka jedhetti, baajata dabaaataa raggaasisuun barbaachisaa ta’uu dubbateera. Maallaqa dabalataa raggaasisuun kan barbaachise maallaqni kanaan dura ramadame baasii mootummaa uwwisuu yoo dadhabuudha jedheera.

Baajanni dabalataa amma raaggasifame baajata kanaan dura raggaasifame 56% ta’uu eeruun baajanni dabalataa raggaasifame guddaa ta’uu ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa bara 2021/2022 keessa baajata dabalataa raggaasisuu eeruun inni ammaa kuni maallaqa guddaa ta’uu dubbateera.

Akka ibsa biiroo MM baasetti, daballiin baajataa kuni jijjiirama diinagdee guddaa taasifame deeggaruufi galii dabalataa sassaabuuf yaadamee ta’uu eereera.

Mariin ministeerotaa kaleessa gaggeeffame jijjiirama diinagdee guddaa utubuu, imaammata foyyeessuufi Ajandaa Haaromsa Diinagdee Biyya Keessaa dhugoomsuuf oola jedhame.

Mootummaan Itoophiyaa jijjiirama diinagdee guddaa waxabajjii 2024 keessa ifoomsuun ni yaadatama.

Jjjiiramni diinagdee kuni gabaan sharafa alaa kan mootummaatiin too’atamee ture gabaa bilisaa akka ta’u taasifamee ture.

Baajanni dabalataa kuni rakkoolee jijjiirama diinagdee kanaan walqabatanii mudatan furuuf ooluu akka malu ogeessi diinagdee dubbateera.

Daballii mindaa hojjattoota mootummaa miliyoona 2.4 ta’aniif taasifamu eeruun ministeerri faaynaansii baajanni dabalataa birrii biliyoona 91.4 akka raggaasifamu mana marii ministeerotaa gaafatee ture.

Qaala’iinsa jireenyaa jijjiirama diinagdee guddaa taasifame hordofuun dhufu salphisuuf hojjattoota mootummaatiif daballiin mindaa taasifamuu akka qabu ministeerri ministeera faaynaansii Ahmad Shidee dubbatanii ture.

Mindaan daballii kuni ji’a Onkololeessaatti akka taasifamu haa ibsamu malee hojjattoonni mootummaa daballii kana hin argatin jiraachuu Addis Standard’tti himaniiru. AS

Related Articles

Back to top button