Oduu: Manni Murtii Aksum dhorkii hijaabaa manneen barnoota magaalattii dabarsan uggure

Finfinnee, Amajjii 16/2025 – Manni Murtii Aanaa Aksum ajaja manneen barnootaa magaalattii shan barattoonni muslimaa hijaaba uffatanii mooraa mana barumsaa akka hin seenne dabarsan ugguramee akka turu murteesse.
Manni murtichi dhaddacha Kibxata Amajjii 06, 2017 ALI ooleen shamarran muslimaa sababa uffannaa isaaniin barnootaa ala ta’uu iyyannoo dhiyaate irraa hubachuu eeruun, dhorkiin manneen barnootaa kunis barattoota irratti “sarbama mirgaa” geessisuu akka danda’u akeekeera.
Akkasumas manneen barnootaa magaalattii qajeelfama bulchiinsa akkanaa kennan jedhaman shan Amajjii 16, 2017 ALI mana murtiitti dhiyaatanii jecha isaanii akka laatan ajaja dabarsuu DW abukaatoon Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay wabeeffachuun gabaaseera.
Barattoonni muslimaa 160 ta’an kunneen uggura hijaabaa kun “mirga barnootaa fi bilisummaa amantaa heera mootummaatiin kenname cabsa” jedhanii mormaa turaniiru.
Barattoonni kutaa 12ffaa magaalittii keessa argaman bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa Amajjii 02, 2017 ALI jalaa darbuu himaniiru.
Barattoonni kunneen Addis Standard’tti akka himanitti, manneen barnootaa magaalattii hijaaba yoo ofirraa baasan malee qormaata biyyoolessaaf akka hin galmoofne isaan dhorkan. Kunis seera amantaa isaanii kan cabsu ta’uu himan.
Barattuun maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte tokko, “amantiin keenya waan dhoowwuuf, qormaata biyyaalessaaf galmaa’uuf hijaaba keenya baasuu hin dandeenyu. Seera amantii keenya cabsuu mannaa barnoota keenya dhiisuu filanna,” jechuun Addis Standard’tti himte.
Barreessaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Tigraay Haaji Mohaammad Kahsaay uggurri kun barattoota Musliimaa kutaa 12ffaa haala hamaan kan miidhu ta’uu kanaan dura Addis Standard’tti himanii turan.
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay ibsa torban darbe kenneen, guyyoota sadii keessatti uggurri hijaaba kun furmaata yoo hin arganne “tarkaanfiiwwan nagaa qabeessa dabalataa hawaasa musliimaa waliin mari’achuun” akka fudhatu akeekkachiisee ture.
Boodarra manni marichaa uggura kana irratti tarkaanfii seeraa eegaluu isaa ibsuun, Biiroon Barnoota Tigraay ibsa kennuu bira darbee tarkaanfii bu’a qabeessa ta’e fudhachuu dhabuu isaa qeeqeera. AS