Oduu: Manni Murtii Aksum daarektarota manneen barnoota magaalattii ajaja mana murtii didan 'hidhamanii akka dhiyaatan' ajaje

Finfinnee, Amajjii 28, 2025 – Manni Murtii Aanaa Aksum daarektarota manneen barnoota magaalattii afur barattoota muslimaa irratti dhorkaa uffannaa hijaaba dabarsuun himataman akkaataa ajaja mana murtiitti dhaddacha hin dhiyaanne jechuun hidhamanii akka dhiyaatan ajaja dabarse.
Manni Murtichi dhaddacha Amajjii 06, 2017 ALI ooleen dhorkaa hijaaba manneen barnootaa dabarsan ugguramee akka turuu fi manneen barnootaa kunneen mana murtiitti dhiyaatanii jecha isaanii akka laatan ajaja dabarse ture.
Haata’u malee Biiroo Barnoota Magaalaa Aksum [himatamaa tokkoffaa] ala himatamtoota 2ffaa hanga 5ffaarra kan jiran manneen barnootaa afur “ajaja mana murtichaa kabajuu diduun” guyyaa beellamaatti dhaddacha akka hin dhiyaanne manni murtichi ibseera.
Kun ammoo “gocha walabummaa dhaabbattummaa fi hojimaata mana murtichaa cabsu” waan ta’eef, poolisiin magaalaa Aksum daarektaroota manneen barnootaa afur hidhee Guraandhala 07, 2017 ALI mana murtiitti akka dhiyeessu xalayaa ajajaan ibseera.
Barattoonni muslimaa 160 sababa uffannaa isaaniin barnoota ala ta’an, uggura hijaabaa kun “mirga barnootaa fi bilisummaa amantaa heera mootummaatiin kenname cabsa” jedhanii mormaa turaniiru.
Barattoonni kutaa 12ffaa magaalittii keessa argaman bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa Amajjii 02, 2017 ALI jalaa darbuu himaniiru.
Barattuun maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte tokko, “amantiin keenya waan dhoowwuuf, qormaata biyyaalessaaf galmaa’uuf hijaaba keenya baasuu hin dandeenyu. Seera amantii keenya cabsuu mannaa barnoota keenya dhiisuu filanna,” jechuun Addis Standard’tti himte.
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay ibsa tibbana laateen uggura kana irratti adeemsa seeraa eegaluu isaa ibsuun, Biiroon Barnoota Tigraay ibsa kennuu bira darbee tarkaanfii bu’a qabeessa ta’e fudhachuu dhabuu isaa qeeqeera.
Haaluma walfakkaatuun, yuunivarsiitii Diillaatti barattoonni dubartoota muslimaa 44 ta’an sababa uffannaa amantiisaanii ta’e niqaaba uffataniin mooraa yuunivarsiitichaa akka seenne dhorkamuun gariin isaanii guyyootaaf masjiida keessa bulaa akka jiran Addis Standard gabaasuu ni yaadatama. AS