ODUUSIYAASA

Oduu: Marii biyyaalessaa bu’a qabeessa taasisuuf hirmaannaan qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu komishinichi ibse

Finfinnee, Adoolessa 17/2024 – Itoophiyaa keessatti mariin biyyaalessaa gaggeeffamuuf hojiin eegalame akka milkaa’uuf ‘qooda fudhattoonni marii biyyaalessaa irratti gahee olaanaa qaban’ hirmaachuu akka qaban Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse. 

Komishinar Yoonaas Adaayee (PhD) af-gaaffii Raadiyoo Shaggar waliin taasisaniin, “qooda fudhattoonni adeemsa marii keessatti gahee guddaa qabaachuu malan gurmaa’anii yaada dhiyeessuu yoo dhaban, akkasumas gareewwan tokko tokko irratti hirmaachuuf eeyyamamoo yoo hin taane adeemsi marichaa bu’aa barbaadame hin fidu,” jedhan. 

Biyyoonni adeemsa marii kana keessa darban mariin taasisan bu’a qabeessa akka hin taaneef sababni guddaan tokko “gareewwan adda addaa gidduutti walmadaalummaa dhabuu humnaa jiraachuu fi kanneen aangoo olaanaa qabanis humna isaaniitti fayyadamuun marii biyyaalessaa irratti dhiibbaa gochuuf yeroo yaalanitti” jedhan. 

Kun kanaan osoo jiruu komishinichi torbee dhufu Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Hararii fi Dirree Dhawaatti adeemsa ajandaa walitti qabuu akka eegalu komishinarri olaanaa komishinichaa Piroofeesar Masfin Araayaa ibsa har’a kennaniin beeksisaniiru. Hojii kana qindeessuuf ogeessonnii fi komishinaroonni komishinichaa bobbaafamuu himaniiru.

Hojiin ajandaa walitti qabuu kunis naannolee baay’ee keessatti hanga Hagayya 30, 2026 ALI xumuruuf hojjetamaa akka jiru kan ibsan komishinarichi, naannoo Affaaritti garuu haala qilleensa ho’aa jiruun hojiin ajandaa walitti qabuu ji’a Onkoloolessa dhufu kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru. 

Komishinichi ibsa baaseen hidhattoonni adeemsa marii biyyaalessaa keessatti hirmaachuuf fedhii yoo qabaatan “nageenyi isaanii akka eegamu nan mirkaneessa” jedhe.

Komishinichi kana jedhuus, “hammattummaa fi walabummaa” adeemsicha irratti qeeqni irra ka’aa tureera.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) dabalatee dhaabbileen siyaasaa ijoo biyyattii adeemsa hundeeffama komishinichaa fi hirmaachisummaa marii kanaa “haqa qabeessa miti” jechuun adeemsa marii kanarratti hirmaachurraa of qusataniiru.

Addis Standard Gulaallii ji’a Bitootessa keessa maxxanseen, mariin biyyaalessaa kun bu’a qabeessa akka ta’uuf gareewwan hidhatanii fi hin hidhanne biyyattii keessa socho’an hirmaachisuun murteessaa ta’uu ibseera. Humnoota hidhatan yeroo ammaa mootummaa waliin waldhabdeerra jiran kan akka Waraana Bilisummaa Oromoo marii kanarraa hambisuun fudhatamummaa marii kanaa shakkii keessa akka galchu gulaallichi ni ibsa. 

Itti dabaluunis, adeemsichi guutuu taasisuuf paartileen gurguddoo naannoo Oromiyaa keessa socho’an kan akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Kongiresii Federaalawaa Oromoo marii kanarratti hirmaachuu akka qaban hubachiiseera. AS

Related Articles

Back to top button