Xiinxala Oduu: Markaatootti to’annoo nagaheen walqabatee suuqonni cufamuun galii guyyaa namoota hedduu addaan cite
Yisaaq Indiriis @Yishak_Endris
Finfinnee, Sadaasa 19/2024 – Giddugala gabaa magaalaa Finfinnee kan ta’e Markaatootti suuqiiwwanii fi manneen daldalaa torban tokko oliif cufamuu isaanii hordofee sochiin daldalaa danqameera.
Cufamuu manneen daldalaa kanneeniif sababiin kan ta’e sirna bittaa fi gurgurtaa nagahee irratti hundaa’e hojiirra ooluu daldaltoota mormuu isaaniini. Hojiirra oolmaan sirna kanaa daldaltoota fi aanga’oota mootummaa gidduutti falmii uumeera.
Gabaa Markaatoo naannawaa ‘Boomb Taraa’ fi ‘Dubaayi Taraa’ jedhaman keessatti daawwannaa Addis Standard guyyaa kaleessaa Sadaasa 18, 2024 taasiseen, suuqiiwwan hedduu cufamanii akka argaman hubateera.
Sababii kanaan dafqaan bultoota meeshaa fe’aniifi buusan hojii dhaabaniiru.
Daldalaan naannawaa ‘Boomb Taraa’ jedhamutti hojjetu maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko, murteen kuni sochii gabaa Markaatoo jeequu fi galii guyyaa isaanii gadi buusuu Addis Standard’tti himeera.
“Torban darbee kaasee ana dabalatee daldaltoonni bitaa nutti galeera. Namni hundi sodaa fi yaaddoo qaban ibsatu. Sodaa kanaatiif suuqiiwwan hedduu cufamanii argamu,” jedheera.
Daldalaan kan biraa naannoo Dubaay Taraatti golgaafi uffata soofaa gurguru, hojiiirra oolmaan hojimaata to’annoo haaraan daldaltoota xixiqqoo fi gurguddoo suuqii isaanii akka caftan dirqisiisuu himeera.
“Daldaltoonni hedduun nagaheedhaan hin gurguran ture. Oomishaaleen kunneen karaa al-idileetiin sakatta’iinsa seeraa miliquun gara biyyaa kan galaniidha,” jedhe. Murteen nagaheedhaan akka gurguran mootummaan dabarse jeequmsa uumuu daldalaan kuni himeera.
“Daldaltoota nagahee malee gurguran irratti adabbiin hanga birrii 100,000 kaa’ameera. Kun immoo heduun isaanii suuqii akka cufan dirqisiiseera,” jechuun dabalee hime.
Cufamuu suuqiiwwan Markaatoo hordofee Biiroon Daldala Finfinnee ibsa Sadaasaa 11, 2024 baaseen, “rakkoo jiru hunde irraa maqsuuf” tarkaanfii fudhachuu eereera. Ta’us daldaltoonni odeeffannoo sobaa kan qabeenyi isaanii akka dhaalamuu fi suuqiin isaanii akka cufamu tamsaasaa jiraachuu ibseera.
Ka’umsi holola kanaa yaalii sirna daldala seera-qabeessa diriirsuuf taasifamu jeequuf ta’uu ibsichi eereera. Haa ta’u malee, ibsi biirichi baase daldaltoonni suuqii isaanii akka bananii fi hojiisaanii iti fufaniif amansiisuu hin dandeenye.
Daawwii Addis Standard tibbana taasiseen sodaan kuni suuqiiwwan akka cufaman taasisuu hubateera. Suuqiiwwan banaa ta’anis rakkoon hir’ina dhiyeessii meeshaa jiraachuu himu. Naannoo ‘Dir Taraa’ fi ‘Militarii Taraa’ jedhamanitti akkasuma suuqiiwwan walakkaa ta’an cufamanii argamu.
Daldalaa meeshaalee elektiroonikisii maqaansaa akka hin ifoomne gaafate tokko, to’annoon daldala nagahee hojiirra oole daldaltoonni oomisha isaanii akka dhoksan taasisuu himeera.
“Iddoo kana eenyu akka dhufu hin beektu. Namoonni waajjira galiiwwanii maamiltoota fakkaatanii dhufu. Nagahee malee meeshaa yoo itti gurgurte si adabu,” jedhe.
Daldala kamiyyuu yeroo raawwatamutti nagaheedhaan akka raawwatamu kan murtaa’e daldaltoonni hundi seera gibiraa akka kabajan yaadame ta’uu aanga’oonni magaalichaa ifoomsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee walgahii kaabinee tibbana gaggeeffame irratti ibsa laataniin, “rakkoon Markaatootti mudatu guutuu biyyattii irratti dhiibbaa uuma” jedhan.
Aadde Adaanach, worannoo dhuma bara darbetti taasifame akka mul’isutti, oomishaalee nagahee malee gara biyyaa galanii fi biyya keessatti oomishaman sakatta’uun barbaachisaa ta’uu agarsiisuu himan.
Daldaltoonni meeshaalee nagahee malee warshaa irraa bitatan mootummaatti akka beeksisan gaafataniiru. “Gurgurtoonni jumlaa daldaltootaa fi warshaalee akkasii aanga’ootatti eeruun mootummaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhatu taasisuu qabu,” jedhan.
Haa ta’u malee, gibirri daldaltootarra kaa’ame haala walqixxuummaa hin qabneefi ulfaataa ta’een ta’uu daldaltoonni Addis Standard dubbise himaniiru.
Suuqiiwwan kuusaa meeshaa isa duubatti argaman sababa nagahee malee gurguruutiin adabamuu daldalaan tokko himeera. Aanga’oonni waajjira galiiwwanii namoota idilee fi maamiltoota fakkaachuun gara suuqichaa dhufuun daldaltoota nagahee malee gurguran adabaa jiraachuu hime.
Kana malees, namoonni tokko tokko akka biiroo gibiraatii dhufanii fakkeessanii daldalltoota doorsisanii malaammaltummaan maallaqa irraa fudhachaa jiran jiraachuu daldalaan kuni eereera.
“Sodaa irraa kan ka’e daldaltoonni meeshaa hin qabnu jedhu. Mootummaan to’annoo hin cimsu yoo ta’e wanti kuni malaammaltummaa fi rakkoolee hin barbaachifneef karaa bana,” jedhe.
Dhimmi daldala nagahee malee dhimma ijoo walgahii aanga’oonni Biiroo Galiiwanii Finfinnee fi bakka bu’oota waldaa daldaltoota Markaatoo gidduutti tibbana taasifamee tureera.
Marii kanatti hogganaan biirichaa Obbo Biniyaam Makuriyaa gurgrtaan kamiyyuu nagaheedhaan qofa taasifamuu akka qabu hubachiisaniiru. Rakkooleen akka faddaalaa seeraan alaafi warshaalee, daldaltoonni meeshaa gara biyyaa galchaniifi raabsitoonni tokko tokko nagahee maxxansuu fedhii dhabuu tattaaffii walootiin furamuu akka qabu ibsan.
Galii gibira irraa argamu keessaa dhibbeentaa 63 misooma hawaasaaf kan oolu ta’uu eeruun, daldaltoonni seera kabajuun itti gaafataamummaa isaanii akka bahatan Obbo Biniyaam hubachiisan.
Jeeqamuun daldalaa tibbana gabaa Markaatootti mul’ate galii namoota meeshaa fe’aniifi buusanii gadi buuseera.
Namni ‘Dubaay Taraatti’ hojii meeshaa fe’umsaafi buusuu hojjatuu Addis Standard duubise tokko suuqiiwwan cufamuun hojii isaarratti rakkoo uumuu dubbata. Galiin isaa gadi bu’uun jireenya maatiisaa gaggeessu irratti yaaddoo itti uumuus hime.
Kana malees, daldalaan Markaatoo Addis Standard‘tti akka himetti, to’annoo nagahee kuni daldaltoota qofa osoo hin taane bitattoota irrattis dhiibbaa uumuu himeera.
“Aanga’oonni biiroo galiiwwanii namoota meeshaa bitatan nagahee akka agarsiisan yeroo gaafatanitti, bitattoonni nagahee akka hin qabne himu. Aanga’oonni kunneenis suuqii meeshaa kana bitanii hin agarsiisan yoo ta’e akka isaan adaban doorsisu,” jedhe.
Yaaddoo daldaltoonni mul’isan kanaan alatti mootummaan qajeelfama haaraa daldaltoonni nagahee koodii QR jedhamu of keessaa qabu hojiiirra oolchee ture.
Qajeelfamni iftoominaafi gibira cimsuuf ministeera galiiwwaniitiin ifoome kuni gosa daldalaafi iddoo gurgurtaan itti raawwatame irratti hundaa’uun daldaltoonni gibira akka kaffalan kan dirqisiisuudha. Nagaheen kuni koodii QR adda ta’e kan maxxansuudha.
Nagahee koodii QR hin qabne fudhatama kan hin qabne ta’uu qajeelfamichi ni labsa. AS