ODUUSIYAASA

Oduu: Masriin 'gocha Afrikaa tasgabbii dhabsiisuu irraa akka of qusattu' Itoophiyaan hubachiiste

Finfinnee, Fulbaana 30/2024 – Masriin ejjennoo mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa isheetin fayyadamuun misoomuuf qabdu dhiibuu agarsiisaa jirtu fi “gocha Afrikaa tasgabbii dhabsiisuu irraa of qusattee gara daandii sirritti akka deebitu” Itoophiyaan hubachiiste. 

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Bakka Bu’aa Itti-aanaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Yoosef Kaasaayee haasawaa yaa’ii dhaabbatichaa 79ffaa irratti taasisaniin, Masriin mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa isheetin fayyadamuun misoomuuf qabdu mormuun ejjennoo fudhachuu ishee ibsaniiru.

“Itoophiyaan sababa laga Abbayyaatiin Masrii waliin walitti dhufeenya cimaa akka qabdu ni amanna” kan jedhan Ambaasaaddar Yoosef, Itoophiyaan sochii Masriitin rakkina keessa galchuun mirga misoomaaf qabdu daangessu raawwachuuf yaada akka hin qabne hubachiisaniiru.

Lagni Abbayyaa lafa Itoophiyaa harka 30 ol kan uwwisu fi maddi bishaanisaa dhibbeentaa 75 ol Itoophiyaa irraa kan madde ta’us, Itoophiyaan baroota dheeraaf rakkoo wabii nyaataa fi dhiyeessii anniisaatin qormaata keessa turuu ibsan.

“Ummanni Itoophiyaa miiliyoona 120 ta’u keessaa walakkaa kan ta’u hanqina bishaan qulqulluu fi rakkoo dhiyeessii humna ibsaatiin osoo jiraachaa jiruu [Itoophiyaan] rakkoo kana hiikuuf harka marattee haa teessu jechuun haqa qabeessa miti,” jedhan. 

Fooyya’insa jireenyaa uummata Itoophiyaaf hojjechuun gocha dursa itti kannamu ta’uu kan dubbatan ambaasaaddarichi, “kana gochuuf garuu Itoophiyaan mirga misoomaa eenyuuyyuu hin dhiibdu, qajeeltoo itti fayyadama waloo laggeen daangaa ce’an ni kabajji” jedhan.

“Dhugaan lafarra jiru kana ta’ee otoo jiruu, Itoophiyaan laga kanarraa akka hin fayyadamne taasifamtee turteetti. Laga Abbayyaatiif bishaan copha tokko kan hin gumaachine Masriin, mirga biyyoota biroo dhiibuu qofa osoo hin taane walta’insa itti fayyadama waloo ilaallatan mormaa turte.”

Masriin waliigalteewwan bara kolonii yeroon isaanii darbe dhiistee gara tumsa hunda fayyaduu danda’utti akka dhuftu waamicha kan dhiheessan ambaasaaddarichi, “Masriin gocha Afrikaa hokkora keessa galchu irraa of qusattee kara kallattii sirritti deebi’uu qabdi” jedhan. 

Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa (GERD) waggoota 13 erga eegale kaasee Itoophiyaa fi Masriin dhimma ijaarsa hidhichaa fi guutinsa bishaanii irratti wal gaarreeffannaa keessa turan. 

Guutinsa marsaa shanaffaa Hidha Haaromsaa hordofee Masriin xalayaa jalqaba ji’a kanaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ergiteen, adeemsi guutinsa bishaanii hidha kanaan ”imaammata gar-tokko” jechuun guutummaan guutuutti akka hin fudhanne ibsuun ishee ni yaadatama.

Xalayaan Ministira Dhimma Alaa Masrii Badir Abdilaatiin mallatteeffame kun, gochi Itoophiyaa “qajeeltoowwan seera addunyaa fi Waliigaltee Qajeeltoo (DOP) Masrii, Sudaan, fi Itoophiyaa gidduu mallatteeffame kan cabsuudha” jechuun himateera. 

Sana hordofee Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa deebii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergeen, doorsisa fi iyyannoo Masriin dhiyeessitu “himannaa irra deddeebii bu’uura hin qabne” jedheera.

Itoophiyaan itti fayyadama laga Abbayyaa haqa qabeessaa irratti kutannoo qabdu ibsuun, “Masriin garuu bishaanicha qofaa fayyadamuu feeti” jechuun qeeqeera. AS

Related Articles

Back to top button