ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Masriin si'a lammataaf meeshaalee waraanaa gurguddoo gara Somaaliyaa ergite 

Finfinnee, Fulbaana 23/2024 – Dooniin fe’umsa waraanaa Masrii kaleessa Fulbaana 22, 2024 meeshaalee waraanaa gurguddoo fi misaa’elii farra xiyyaara waraanaa fe’e buufata doonii Moqaadishootti buufachuu qondaalli Somaaliyaa beeksisan.

Ministirri Ittisaa Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaammad Nur fuula X isaanirratti dooniin meeshaa waraanaa fe’e kun buufata doonii Moqaadishoo gahuu suuraa waliin mirkaneessaniiru.

Abdulqaadir barreeffama X isaanirratti maxxansaniin, “Somaaliyaan sadarkaa eenyuyyuu waliin qunnamuuf eeyyama qaama biraa gaafattu darbeera. Dantaa mataa keenyaa ni beekna, michoota fi diina keenya keessaa ni filanna” jedhan.

Bobbiin meeshaa waraanaa kun Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii uggura meeshaa waraanaa Somaaliyaa irratti kaa’e ture Muddee 2023 erga kaase booda “isa guddaa” ta’uu gabaasni miidiyaalee biyyattii agarsiisa.

Kunis qaama waliigaltee tumsa waraanaa Pireezidaantii Masrii Abdal Fattaah Al-Siisii fi Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammed gidduu irra gahame ta’uu ibsameera.

Dhuma baatii Hagayyaatti xiyyaaronni waraanaa Masrii C-130 jedhaman lama meeshaa waraanaa gurguddaa fe’anii Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Aden Addee gahuu isaanii ni yaadatama.

Adeemsi meeshaalee waraanaa fi loltoota gara Moqaadishoo geessuu kun qaama adeemsa humnoota Masrii 10,000 ta’an Somaaliyaatti bobbaasuuf karoorfame keessaa tokko ta’uu ibsameera. 

Loltoonni Masrii gara Somaaliyaatti bobbaafaman kunneenis daangaa Somaaliyaa fi Itoophiyaa irratti naannolee Geedoo, Hiraan fi Baay Bakoolitti kan bobba’an ta’uu gabaafameera. 

Jalqaba bara 2024 Itoophiyaa fi Somaalilaand waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa mallatteessuu isaanii hordofee, Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu waldhabdeen dabaleera. Somaaliyaan waliigaltichi birmadummaa koo cabsa jette.

Bobbiin waraanaa Masriin gara Somaaliyaatti taasistu Itoophiyaa fi Somaalilaand irraa mormiin isa mudateera. 

Masriin baatii Hagayya keessa meeshaalee waraanaa gara Moqaadishoo ergitee guyyaa tokko booda Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen, Itoophiyaan “osoo qaamoleen kaan naannicha tasgabbii dhabsiisuuf socho’aa jiranii callistee hin ilaaltu” jechuun balaaleeffateera.

Mootummaan Itoophiyaa Ergama Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) humna nagaa kabachiisaa biraan bakka buusuuf sochiin taasifamu “balaadhaan kan guutame” jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Somaaliyaan, Ergamni Ce’umsaa Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa (ATMIS) hojiisaa Muddee dhufu yeroo xumuru humna nagaa kabachiisuu bakkasaa buufamu keessatti “loltoonni Itoophiyaa hin hammataman” jechuun ishee ni yaadatama.

Bulchiinsi of-bulchuu labsite Somaalilaand gama isheetin waraanni Masrii Somaaliyaa keessa bobbaafamu cimsitee kan mormitu ta’uu ibsite.

Bobbiin humna waraanaa akkanaa balaa tasgabbii fi nageenya Somaaliyaa fi Gaanfa Afrikaa guutuuf qabu ilaalcha keessa galchuu dhabuun ‘yaaddessaa’ ta’uu kan ibsite Somaalilaand, haalli kun rakkoo nageenya duraanuu ture “hameessa” jette. 

“Humnoota waraanaa biyya alaa gara biyya ollaa Somaaliyaatti bobbaasuun naannicha tasgabbii dhabsiisuu, tattaaffii nagaa taasifamu danquu, fi waldhabdee balaa guddaa geessisuu danda’u hammeessuu danda’a,” jedha ibsichi. AS

Related Articles

Back to top button