DHIMMA HAWAASAAGULAALLISEERA FI HAQA
Trending

Gulaallii: Miidhaan saalaa dubartoota fi shamarran irratti raawwatamu dabalaa dhufuun hariiroo hawaasummaa Itoophiyaa booressaa jira. Itti gaafatamummaa mirkanaa’u malee rakkoo hamaatu dhufuuf jira

Finfinnee, Hagayya 23/2024 – Torban darbe taatee guutummaa biyyattii rifaatuun raase dhagahame. Kunis seenaa daa’ima ganna torbaa Heevan Awwat kan bara darbe ji’a Hagayyaa keessa namni haadha isheef mana kireesseefi abbaa ijoollee sadii ta’e Geetinnat Baayihiin gudeedamtee ajjeefamteeti. Reeffi ishee yeroo argamu ukkaamfamtee, qaamni ishee cicciramee, cirracha afaan ishee keessatti guutamee ture. 

Namni Heevan gudeeduun ajjeese kun mana murtii naannoo Amaaraatti hidhaa waggaa 25 qofa itti murtaa’ee, isarrattis ol’iyyannoo dhiheessuun isaa uummata murtii du’aa akka laatamuuf gaafatan bira dheekkamsa kaaseera.

Waggoota dhiyoo asii biyya seenaa addaa fi hambaalee aadaatin kan badhaate Itoophiyaan, sababa walitti bu’iinsa keessumattuu naannolee gurguddoo sadii: Oromiyaa, Amaaraafi Tigraay keessatti mudateen walqabatee wantoota gaarii biyyattiin ittiin beekamtu hunda dhabdee jirti.

Badiiwwan jeequmsi kuni fide hedduun isaanii dirree waraanaa irraa darbanii miidhaa saalaa dubartootaa fi shamarran irratti raawwatamu hariiroo hawaasummaa addaan kukkutuun kutaalee hawaasaa baay’ee saaxilamoo ta’an irratti dhiibbaa hammana hin jedhamne geessisaa jira. Hunda caalaa kan nama yaaddeessu ammoo, miidhaan suukaneessaa dubartootarra gahu bu’aa waldhabdee kanaa ta’uu qofa osoo hin taane, mootummaan yakkamtoota seeraan gaafachuu dhabuu isaati.

Haalli kun naannoo Tigraay kan dubartoota fi shamarran irratti miidhaa saalaa qindaa’aa akka toftaa waraanaatti gareewwan hidhattoota adda addaatiin raawwatamu caalaa eessattuu hin mul’anne. Komishiniin Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaatti (ICHREE) yaa’ii Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 54ffaa Fulbaana – Onkoloolessa 2023 gaggeeffame irratti gabaasa dhiyeesse akka agarsiisetti, yeroo waraana hamaa waggaa lamaa keessatti miidhaan saalaa akka meeshaa waraanaatti dubartootaa fi shamarran Tigraay irratti raawwatame suukaneessaa ta’uu mul’isee jira.

“Komishinichi godinaalee hunda fi marsaa waraana Tigraay hunda keessatti gudeeddii fi miidhaa saalaa dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatame galmeessee jira. Gochaaleen kunneen adda durummaan Raayyaa Ittisa Eeritraa, Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (RIB), Humna Addaa Amaaraa, Humna Addaa Affaarii fi Faanootiin raawwataman. Yakkoonni gudeeddiin hedduun yeroo baay’ee miseensota garee hidhattoota adda addaatiin raawwatamuun isaanii miseensota humnoota waraanaa adda addaa gidduutti tumsi akka jiru agarsiisa,” jedha gabaasichi. 

Haala nama gaddisiisuun, hammeenya fi akeeka wal fakkaatuun ta’uu baatus, dubartoonni fi shamarran naannichaa waliigaltee nagaa Sadaasa 2023 keessa mallattaa’een boodallee miidhaa saalaatiin saaxilamuu itti fufaniiru.

…akka hawaasaatti yeroo ammaa kana sadarkaa yakkamtoonni adabbii malee bira darbamuun isaanii marsaa miidhaa saalaa itti fufsiisuu qofa osoo hin taane yakkoota akkanaa yeroo waraanaatti raawwachuun kan nama hin gaafachiisne, akkasumas haala waraanaatiin ala babal’achuu akka danda’an ergaa hamaa dabarsurra geenyeerra

Taateen miidhaa saalaa yeroo waraanaa keessa raawwatamu naannoo Amaaraattis mudachuun gabaafameera. Aminastii Intarnaashinaal akka gabaasetti, “Humnoonni Tigraay jalqaba Adoolessa 2021 keessa kutaalee naannoo Amaaraa muraasa to’atanii yeroo turanitti keessatti dubartoota fi shamarran saba Amaaraa irratti gudeeddii fi miidhaa saalaa bal’aa raawwataniiru. Taateewwan 30 Aminastii Intarnaashinaal qorate kanneen sarbiinsa walfakkaataa loltoonni Tigraay baay’inaan bakka adda addaatti irra deddeebi’anii raawwataman waliin wal fakkaatu,” jechuun Aminastiin gabaasa bara 2022 baaseen ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa yakkoota suukanneessaa kana furuuf tarkaanfii tokkollee fudhachuu dhabuun isaa baay’ee kan nama yaaddeessuudha. Dhaabbileen idil-addunyaa, gareewwan mirga namoomaa fi miidiyaaleen bal’inaan taatee akkanaa galmeessisanillee, taatee kanneen qorachuu, namoota yakka kana raawwatan seeratti dhiyeessuu fi adabuuf carraaqqiin gochuu dhabuun mul’ateera. Akka hawaasaatti yeroo ammaa kana sadarkaa yakkamtoonni adabbii malee bira darbamuun isaanii marsaa miidhaa saalaa itti fufsiisuu qofa osoo hin taane yakkoota akkanaa yeroo waraanaatti raawwachuun kan nama hin gaafachiisne, akkasumas haala waraanaatiin ala babal’achuu akka danda’an ergaa hamaa dabarsuurra geenyeerra. 

Seenaan Heevan kun seenaa bu’aa miidhaa adabbii tokko malee bira darbamee, amma balbala lammiilee Itoophiyaa hunda rukutaa jiruufi hariiroo hawaasummaarratti dhiibbaa uumaa jiruuti 

Haalli tarkaanfii fudhachuu dhabuun kun kufaatii naamusaa sammuu dhala namaa irratti xurii ta’e qofa osoo hin taane, dirqama Itoophiyaan seera addunyaa jalatti qabdu cabsuu fi fi kufaatii gareewwan walqixxummaa saalaatiif falman Itoophiyaa keessatti socho’aniti. Kufaatii kanaaf seenaa daa’ima waggaa torbaa Heevan Awwat caalaa wanti fakkeenya ta’uu danda’u hin jiru.

Kufaatii kanaaf seenaa daa’ima ganna torbaa Heevan Awwat caalaa fakkeenya gaarii kan ta’u hin jiru. Reeffishee yeroo argametti mormiishee hudhamee, qaamnishee madaa’eefi afaaanshee keessatti biyyoon cuqqaalamee ture. 

Haati Heevan, Abaqiyallash Adabaan miidiyaarra baatee mucaasheef haqa gaafachuun ishee seenaan kuni akka uummata bira gahu taasise malee gareewwan walqixxummaa saalaatiif falmanii fi miidiyaalee mootummaa biiliyoona hedduu ramadamuuf dhimma kana hin saaxille ture.

Seenaan Heevan kun seenaa bu’aa miidhaa adabbii tokko malee bira darbamee, amma balbala lammiilee Itoophiyaa hunda rukutaa jiruufi hariiroo hawaasummaarratti dhiibbaa uumaa jiruuti. 

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo kana furuuf kutannoodhaan socho’uu qaba. Duraan durse namoota naannolee walitti bu’iinsi uumameetti dubartoota fi shamarran irratti yakka miidhaa saalaa raawwatan seeratti dhiyeessuun hatattamaan itti gaafatamummaa mirkaneessuu qaba. Kunis taateewwan miidhaa saalaa dubartootaa fi shamarran irratti raawwataman galmaa’an hunda haala iftoomina qabuun namoota yakkicha raawwatan sadarkaa yookiin gita hojiisaanii osoo hin ilaalin seeraan gaafachuuf waadaa galuu dabaluu qaba.

Hawaasni idil addunyaas gaheesaa bahachuu qaba. Mootummaan Itoophiyaa yakkoota kana qorachuu fi seeratti dhiyeessuun dirqama isaa akka bahatuuf dhiibbaa irra gochuun yakkoonni akkasii itti fufiinsaan akka hin raawwatamne taasisuu qaba

Mootummaan Itoophiyaa namoota yakka raawwatan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu dhabuunsaa dirqama lammilee saaxilamoo ta’an tiksuufi haqa kabachiisuuf qabu bahachuu dhabuurra darbee mirga gaafatamuu dhabuu yakkamtoonni argachaa jiran agarsiisa. Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa duraanii Nikoosaazaanaa Dilamiinii-Zumaa ibsa baasan yeroo ilaallu, dubartoonni walakkaa dhala namaa qofa osoo hin taane walakkaa isa kaaniis kan dahaniidha.

Hawaasni idil addunyaas gaheesaa bahachuu qaba. Mootummaan Itoophiyaa yakkoota kana qorachuu fi seeratti dhiyeessuun dirqama isaa akka bahatuuf dhiibbaa irra gochuun yakkoonni akkasii itti fufiinsaan akka hin raawwatamne taasisuu qaba.

Miidhaan miidhamtoota jeequmsa saalaa irratti gahu miidhaa qaamaa qofa osoo hin taane kan xiin-sammuu, hariiroo hawaasummaa addaan cicciruunsaa ifa galaadha. Dirmammuun kuni fayyuuf dhaloota fudhata waan ta’eef yakkoota kanaan dura raawwataman duubatti deebisuun kan hin danda’amne ta’us, jireenya miidhamtoota kanneenii deebisanii ijaaruudhaan hariiroo hawaasummaa utubuun ni danda’ama. Tarkaanfiiwwan akkasii keessaa inni tokko miidhamtoota gargaaruufi deebisanii ijaaruuf gargaarsa akka wal’aansa fayyaa, gargaarsa xiinsammuu kennuun xiyyeeffannoodhaan hojjachuu ta’a. AS

Related Articles

Back to top button