Oduu: Ministeerichi kaffaltii hojjattoota isaa USAID'n qacaraman dhaabsise; Qabeenyi dhaabbilee siivilii akka hin sochoone ajajame

Finfinnee, Guraandhala 05, 2025 – Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa kaffaltiin hojjattoota isaa Dhaabbata Gargaarsa Ameerikaatin (USAID) qacaraman akka addaan kutamu biiroolee sadarkaa naannoo jiraniif ajaja dabarseera.
Oduun kuni kan himame, dhaabbanni Giddugala Too’annoofi Ittisa Dhibee (CDC) jedhamu kan piroojektiilee gargaarsa Ameerikaatiin (USAID) deeggaramaniif gargaarsa maallaqaa taasisaa ture yeroodhaaf dhaabuu hordofeeti.
Qajeelfama ministeerichi Amajjii 31, 2025 “hojii yookiin kaffaltiin” gargaarsa Ameerikaatiin deeggaraman Amajjii 24, 2025 kaasee akka dhaabbatu labseera. Akkaataa qajeelfama kanaatiin hojjattoonni USAID’n qacaraman hojii ni dhaabu.
Xalayaa minitseerichi barreesse kuni bulchiinsa magaala Finfinneefi biiroolee naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayiifi kanneen birootiif ergameera.
Taateen kuni pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp aangootti dhufuu hordofee murtee darbeen kan walqabatuudha. Tiraampiifi barreessaan olaanaa dhimma alaa Maarkoo Ruubiyoon gargaarsi namoomaa biyyattiin biyyoota birootiif taasiftu addaan akka citu murteessuu hordofeeti. Murtee kanaan walqabatee biirooleen cufamuu, marsariitiin garaagaraa hojii dhaabuufi hojjattoonni hedduu hojii malee hafuun dhagahameera.
Dhaabbileen gargaarsaa kunneen “bu’aa argamsiisaa hin jiran jechuun aanga’aan biiroo baasii biiroolee mootummaa too’atuu Iloon Maask haasaa miidiyaa mataasaa x irratti yaada kenneen Tiraamp dhaabbilee kanneen cufuuf waliigaluu eeree ture.
Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii ibsa Guraandhala 04, 2025 baaseen, dhaabbilee kanneen yeroodhaaf cufuuf murteessuu ibseera. Dhaabbileen gargaarsa Ameerikaatiin socho’an kunneen qabeenya dhaabbatichaa akka hin gurgurreefi qaama birootiif dabarsanii akka hin kennine ibsuun qaama gochaa akkasii raawwaturratti “tarkaanfii barbaachisaa” fudhadha jechuun akeekkachiiseera.
Haala jiru “itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu” eeruun gargaarsaafi hordoffiin barbaachisaan “fulduratti” akka taasifamu ibseera. AS