
Finfinnee, Guraandhala 03/2025 – Ministeerri Ittisaa Jibuutii iddoo Adartaa jedhamu daangaa Itoophiyaa irraa 6km fagaatee argamutti Amajjii 30 haleellaa diroonii raawwachuun mirkaneessuun haleellaa kanaan “shororkeessitoota saddeet” ajjeesuufi lubbuun lammiilee nagaa darbuu ifoomse.
Ministeerichi ibsa Guraandhala 01 baaseen, iddoo suni “torbaniif sakatta’amaa turuu” eeruun haleellaa “lojistkiifi buufata waraanaa” irratti raawwateen miseensonni garee finxaaleyyii saddeet ajjeefamuu ibseera.
Haa ta’u malee, himata “badii qabeenyaa” fi badii lubbuu lammiilee nagaa mirkaneeffachaa jiraachuu ministeerichi eereera. Lammiilee hubamaniif gargaarsi namoomaa ergamuun ibsameera.
Akka ministeerichaatti, gareen finxaaleyyii kunneen “daandii sadiin hojii diinummaa hojjachaa” turuu eeruun gochaan kuni karoora of duraafi misooma bu’uuraa Laga Assaal irratti sodaa uumeera.
Gareen kuni “baadiyyaatti gochaa barsiisota butuu” fi “nageenya kooridarii Laga Asal Tajuraa sodaa keessa galcheera,” jechuun himateera.
Haleellaan diroonii naannoo Affaar aanaa Elidaaritti daangaa Itoophiyaafi Jibuutiitti raawwatameen namoonni saddeet ajjeefamuu Addis Standard gabaasee ture.
Haleellaa diroonni irra deddeebiin raawwatameen dubartii ulfaafi daa’imman dabalatee “xiqqaatu namoonni saddeet” ajjeefamuufi namoonni hubaman Hospitaala Waliigalaa Dubtiitti wal’aanamaa jiraachuu jiraattonni himaniiru.
Haleellaa diroonii biraa ji’oota lama kessatti yeroo lama raawwatameen kan hidhattoota paartii Adda Tokkummaafi Dimookraasii Deebisanii Ijaaruu(FRUD) kan hidhatanii mootummaa jibuutiitiin falmaa jiran irratti xiyyeeffachuun ibsameera.
Liigiin Mirga Namoomaa Jibuutii (LDDH), gamasaatiin, haleellaa kanaan dubartoota dababaltee namoonni 14 ajjeefamaniiru jedheera. Haleellaan kuni “tikfattootarratti kan fulleeffateedhas” jedhe.
Dhimma kanarratti hanga ammaatti ibsi mootummmaan Itoophiyaa baase hin jiru. AS