GULAALLISIYAASA
Trending

Gulaallii: Mirgi Abbayyaatti fayyadamuun Itoophiyaaf dhimma birmadummaati, biyyoota yaa’a lagichaa gidduu itti fayyadamni wal-qixaa fi madaalawaa ta’e jiraachuu qaba!

Finfinnee, Fulbaana 18/2024 – Lagni dheeraa addunyaa kan ta’e Abbayyaan biyyoota Afrikaa hedduu keessa qaxxaamuruun miliyoonotaaf madda bishaanii, anniisaafi jireenyaa ta’eera. Jaarraa hedduuf bishaan laga kanaa biyyoota keessa qaxxaamuree darbutti waloon qooddachaa turan. Haa ta’u malee, sababa Masriin bishaan Abbayyaa fi qabeenyasaa dhuunfachuuf qabdu irraan kan ka’e waldhabdeen mudachaa tureera. 

Guyyaa Muummichi Ministiraa Itoophiyaa duraanii Mallas Zeenaawii ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ifatti eegalchiisan irraa kaasee Masriin fedhiishee kana ifa taasiftee jirti. Masriin ijaarsi hidha haaromsaa akkaataa bu’uura fayyadama bishaanii walqixaa fi haqa-qabeessa ta’een raawwatamaa jiru fedhii misoomaa fi mallattoo sabboonummaa qofa osoo hin taane mirga birmadummaa Itoophiyaa ta’uu fudhachuu hin dandeenye. 

Gama biraatiin, ejjennoon Masrii kun bishaan lagichaatiif  85% kan gumaachitu Itoophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota yaa’a Naayilii hunda fayyadamuuf mirga haqa qabeessa qabaniif beekamtii kennuuf fedhii dhabuu agarsiisa. Kun yeroo ammaa jijjiiramuu qaba.

Namoota siyaasaa fi ogeessota bishaaniitin waggootaaf mariin erga taasifamee booda furmaata murteessaa ta’anii mul’atan keessaa tokko Waliigaltee Hammattoo Walta’iinsaa Yaa’a Laga Naayiliiti. Waliigalteen kuni rakkoo fi badii seenaa biyyoota yaa’a laga Naayilii gidduu jiru furuudhaaf furmaata murteessaadha. Waliigalteen kuni raawwatamee waggaa kudhan booda Masriin biyyoota waliigalticha mallatteessuu fi qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuu didan keessaa ijoodha. Itti fayyadama bishaan Naayilii haqa-qabeessa hojiirra oolchuuf qofa osoo hin taane nageenya naannichaa tiksuufi guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf jecha biyyoonni yaa’a Naayilii hundi waliigaltee kana hojiirra oolchuuf waliiigaluu qabu. 

Masriin ijaarsi hidha haaromsaa akkaataa bu’uura fayyadama bishaanii walqixaa fi haqa-qabeessa ta’een raawwatamaa jiru fedhii misoomaa fi mallattoo sabboonummaa qofa osoo hin taane mirga birmadummaa Itoophiyaa ta’uu fudhachuu hin dandeenye. 

Akkaataan itti fayyadama bishaan Naayilii dantaa biyyoota yaa’a olii keessummaa Itoophiyaa, kan bishaan 85% gumaachitu cinaatti dhiisuun waliigaltee yeroo koloniidhaan raawwatameen ol’aantummaa Masrii fi Sudaaniin dhuunfatameera. Dhibbeentaa 85 bishaan kanaa gaarreen isheerraa kan maddu Itoophiyaa alatti dantaa biyyoota biroo kan akka Ugaandaa, Rwaandaa, Keeniyaa, Riippaablikii Diimokraatwaa Koongoo, Taanzaaniyaa, Sudaan Kibbaa, Burundii fi Eertiraa moggaatti dhiifameera. Waliigalteewwan bara koloniyaalizmii kunneen gahee bishaan lagichaa olaanaa Masrii fi Sudaaniif kennuun, gahee biyyoota yaa’a olii kan bishaan guddaa gumaachaniif kennu baay’ee xiqqoodha. 

Waliigalteen Hammattoo Walta’iinsaa Yaa’a Laga Naayilii bara 2010 Inishiyeetiivii Yaa’a Naayiliin qophaa’e madaallii dhabuu kana sirreessuuf itti fayyadama bishaanii madaalawaa, itti fufiinsa fi qajeeltoowwan tumsaa irratti hundaa’uun ramaddii bishaanii haqa qabeessa ta’eef bu’uura diriirsuuf yaaleera. Hunda caalaa waliigalteen kuni tumsaa fi mariidhaan rakkoo laga kanaan walqabatee mudatu gara waldhabdee biraatti osoo hin guddatin furuuf tooftaa kan lafa kaa’uudha. 

Inisheetiviin Yaa’a Naayilii akka jedhutti, “biyyoonni jaha waliigaltee kana raggaasuun Gamtaa Afrikaatti dhiyeessuu isaanii hordofee adeemsi raggaasuu waliigaltichaa Hagayya 14, 2024 xumurameera. Onkololeessa 13, 2024 irraa kaasee waliigalteen kuni hojiitti kan hiikamuun Komishiniin Yaa’a Naayilii kan hundeeffamu ta’a.” 

Barruun kuni yeroo qophaa’utti biyoonni jaha – Itoophiyaa, Burundi, Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Taanzaaniyaa fi Ugaandaa waliigaltee kana raggaasisuun Gamtaa  Afrikaatiif galii taasisaniiru. Masrii fi Sudaan garuu hanga ammaa hin raawwanne.

Dhimmi Hidha Haaromsaa wanta xumuramedha. Masriin Hidhi Haaromsaa Itoophiyaadhaaf dhimma birmadummaa ta’uu fudhachuu qabdi.

Masrii fi Sudaan waliigaltee kana mallatteessuu fi qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuu dhabuun isaanii rakkoo diiploomaasii fi naannawaa qofa osoo hin taane, Masriin ammas seenaashee olaantummaa itti fayyadama bishaanii akka tikfattuuf  kan taasisuudha. Masriin hariiroo biyyoota yaa’a kanaa waliin qabdu cimsuu fi akkaataa hammattoo waliigaltee itti fayyadama bishaanii kanaa socho’u mannaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti himata bu’uura hin qabne dhiyeessitee jirti. Kana malees, mirga Itoophiyaan bishaanicha Hidha Haaromsaatiif fayyadamuu qabdu cinaatti dhiisuun doorsisa eegalteetti. 

Sochiin Masrii tibbana taasisaa jirtu sababoota garaagaraatiif dogoggora yoo ta’u, isaan keessaa ijoo lamadha. Inni jalqabaa, dhimmi Hidha Haaromsaa wanta xumuramedha. Masriin Hidhi Haaromsaa Itoophiyaadhaaf dhimma birmadummaa ta’uu fudhachuu qabdi. 

Inni lammataa, dhimma Hidha Haaromsaa gara Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti geessuun dhimma naannawaa kan idil addunyaa taaisuudha. Biyyoonni akka Itoophiyaa bishaan irra caalaa gumaachan, dhimmicha akka dhimma naannawaa furmaata Afrikaa barbaadutti ilaalu. 

Baay’inni uummataa saffisaan dabalaa dhufuufi jijjiirama qilleensaatin fuuldurri Yaa’a Naayilii tumsa waloorratti kan hundaa’uu malee sodaachisoofi doorsisa irratti kan hundaa’u miti.

Masriin giddugaltummaa Mana Maree Nageenyaa UN gaafachuun, Komishinii Yaa’a Laga Naayilii hundeessuu keessatti milkaa’ina guddaa argame rakkoo keessa galchiteetti.  Biyyoonni yaa’a bishaanichaa dafanii hammattoo tokko jalatti walii hin galan taanaan, rakkoowwan hir’ina bishanii fi tasgabbii dhabuutin walqabatan furuun baay’ee ulfaataa ta’a.

Masriidhaan akka rakkoo Itoophiyaa godhanii hubachuun dogoggora waan ta’eef dhaabbachuu qaba. Gaggeessitoonni biyyoota naannichaa fi hawaasni idil addunyaa hojii diploomaasii cimsanii itti fufuun biyyoonni hafan Waliigaltee Hammattoo Walta’iinsaa Yaa’a Laga Naayilii akka mallatteesanii fi raggaasan taasisuu qabu. 

Baay’inni uummataa saffisaan dabalaa dhufuu fi jijjiirama qilleensaatin fuuldurri Yaa’a Naayilii tumsa waloorratti kan hundaa’uu malee sodaachisoofi doorsisa irratti kan hundaa’u miti. Waliigalteen Hammattoo Walta’iinsaa Yaa’a Laga Naayilii mallattteessuun dhimma siyaasaa qofa osoo hin taane biyyoota yaa’ichaa gidduutti itti fayyadama bishaanii walqixxuummaa fi haqa-qabeessa ta’e mirkanessuuf kan ooluudha. AS

Related Articles

Back to top button