ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Miseensonni paarlaamaa wixinee seeraa ajaja mana murtii malee toora kominikeeshinii butuu eeyyamu irratti yaaddoo qabaachuu himan 

Finfinnee, Waxabajjii 13/2024 – Kaleessa paarlaamaaf kan dhiyaate wixineen qorattoonni yakkaa ajaja mana murtii malee toora kominikeeshinii fi xalayaa akka butan eeyyamu “mormitoota adamsuuf akka hin oolle” miseensonni paarlaamaa hubachiisan. 

Wixineen seeraa qabeenya yakkaan argame kan seeraa fakkeessuu ykn shororkeessummaa maallaqaan gargaaruu ittisuuf bahe kun qaamni qoratu ”haalli muddamaa yoo qunname” hoogganaa olaanaa jaarmiyaa Abbaa Alangaa dhimmichi ilaallatu eeyyamsiisuun ajaja mana murtii malee ergaawwan kominikeeshiniifi xalayaa butuu eeyyama.

Qabxiilee labsii kana keessatti hammataman yakkoota fi adabbii, tumaalee ittisa fi to’annoo yakkaa, qorannoo yakkoota adda baasuuf oolu, akkasumas tumaalee tumsa idil-addunyaa ilaallatan ta’uu eerameera.

Wixinee kanaan nama qabeenya yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessee kanaanis yakkamaa ta’ee argame irratti adabbiin maallaqaa darbaa ture birrii kuma 100 irraa gara birrii kuma 500 guddateera.

Nama yakka akkanaa raawwachuun yakkamaa ta’uunsaa mirkanaa’e irratti adabbiin hidhaa darbaa ture amma waggaa 10 hanga waggaa 15 akka ta’u murtaa’eera.

Wixinee seeraa kana irratti kan mari’atan miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummtaa, labsiin kun mala adamsoo mormitootaa akka hin taaneef keewwattoonni barbaachisoo ta’an akka itti dabalaman gaafataniiru. 

Miseensota mana marichaa gaaffii fi yaada kaasan keessaa tokko miseensa Paartii Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) baatilee muraasa dura hidhamanii gadhiifaman Dassaalany Caanneeti. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Dassaalany, barbaachisummaa labsiiwwan yakka fi shororkeessummaan walqabatee mana marichaaf dhiyaatan akkuma jirutti ta’ee, mormitoota fi dhaabbilee mootummaa qeeqan labsiiwwan akkanaan miidhamaa jiraachuu eeruun of eeggannoon akka barbaachisuu hubachiisaniiru.  

“Paartiin biyya bulchaa jiru labsii kanaan fayyadamee mormitoota akka hin adamsine qophiin godhame maali?” jechuun kan gaafatan miseensi mana marichaa kun, kanneen yakka keessatti hirmaatan qofa adda baasanii hordofuu akka danda’amuuf tumaaleen barbaachisoo ta’an hammatamuu akka qabu ibsaniiru. 

Gama biraatiin miseensi mana marichaa kan biraan keewwata labsichaa keessatti “dhaabbilee faayinaansii to’annoo gahaa hin goone waliin hariiroo daldalaa yoo hundeesse ykn itti fufe” jedhu iftoomina akka isa hanqatu kaasaniiru.

Yaadni kun walxaxaa ta’uu isaatiin alatti, baankonni sirnaan to’atamuu fi dhiisuu isaanii eenyu akka mirkaneessu ifatti akka hin ibsame eeran. Kana malees, hojii mirkaneessa baankii biyya alaa jiru irratti taasifamu ibsamuu akka qabu gaafataniiru. 

Miseensonni mana marichaa wixinee seeraa kana irratti yaada erga laatanii booda bal’inaan akka ilaalamuuf mana maree bakka bu’ootaatti koree dhaabbii dhimmoota seeraa fi haqaatti qajeefameera. AS

Related Articles

Back to top button