ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Miseensota tuuta Gadaa Karrayyuu guyyootaaf hidhamanii achi buuteen isaanii dhabamee ture gadhiifaman

Finfinnee, Amajjii 28/2025 – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti miseensota tuuta Gadaa Karrayyuu fi jaarsolii biyyaa 20 achi buuteen isaanii dhabamee ture hidhaa guyyoota 21 booda gadi lakkifamanii maatii isaanitti dabalamuu maatiin Addis Standarditti himan. 

Miseensota tuuta Gadaa Karrayyuu fi jaarsolii biyyaa kunneen Amajjii 06, 2025 walgahiif mana isaanirraa waamamanii bakka walgahanitti qaamolee nageenyaatin erga fudhatamanii booda guyyootaaf achi buuteen isaanii kan dhabame yoo ta’u, Dilbata darbe gadhiifamuu himameera. 

Namni miseensi maatii isaanii jalaa hidhame tokko hiikamuu abbootii Gadaa kanneen ilaalchisee yaada Addis Standard’tti laateen guyyoota 21 darbaniif gara kaampii Raayyaa Ittisa Biyyaa naannawa Awaash Arbaa jirutti geeffamanii hidhamuu himeera.

“Awaash Arbaatti mana qorqorroodhaan ijaarame fi iddoo jireenya Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa turan. Achitti namni isaan dubbisees, sababa hidhamaniif itti himees akka hin jirre nutti himan” jechuun haala keessa darban irratti waan maatiirraa odeeffate dubbate. 

Itti dabaluun, “amma namni achitti hafe hin jiru, hundu bahanii manatti galaniiru. Guyyaa Sanbata halkan keessa naannoo sa’aatii 4:00 gara magaalaa Matahaaraa erga geeffamanii booda guyyaa Dilbata gara mana isaanitti galaniiru,” jedhe.

Miseensii maatii Addis Standard dubbise kan biraa gama isaatiin abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaa kunneen gadhiifamuu isaaniin gammachuu guddaa itti dhagahamuu himan.

”Yaaddoo guddaa keessa turre. Garuu amma galanni Waaqaaf haa ta’u, nagaan gara manatti nuuf deebi’an. Rakkoo fi midhamni isaan qaqqabe tokkos hin jiru. Kanan immoo baay’een gammade” ‘jedhe.

Ta’us namoonni kunneen gadhiifamanii gara qe’eetti yeroo deebi’an bulchiinsi aanaa Fantaallee walgahii isaan waamee “hojii manaa kanaan dura itti kanname”, kan hidhaa isaaniif akka sababaatti eerame [miseensota WBO galchuu], ammallee akka raawwatan itti dhaamuu hime.

Abbootiin Gadaa fi manguddoonni kunneen baatii tokko dura sirna buttaa qaluu erga raawwatan booda kan fudhataman yoo ta’u, sababiin hidhamaniif “maaliif hidhattoota WBO galchuu diddan” jedhamanii ta’uu Addis Standard jiraattota aanichaa wabeeffachuun gabaasee ture.

Miseensota Gadaa Michillee hidhaa guyyoota booda gadhiifaman keessaa Roobaa Jiloo Jeenboo, Gurroo Roobaa Hanbuu fi Haldaggoo Fantaallee jedhaman kan argaman yoo ta’u, jaarsolii biyyaa irraa Abbabaa Abbulloo, Qoonjoo Jiloo Godeetti, Umaar Roobaa Ayyaanaa, Hawee Jiloo fi kanneen biroo argamu.

Muddee 2021 keessatti Abbaa Gadaa Kadir Hawaas Boruu dabalatee Abbootiin Gadaa Karrayyuu 14 humnoota nageenyaa mootummaatin erga butamanii booda ajjeefamanii argamuu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaase ture. 

Yeroos mootummaan ajjeechaa kana keessaa harka akka hin qabne waakkatuus, ajjeechaan kun raawwatame qaamolee nageenyaa mootummaatin ta’uu gabaasaalee qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa fi miidiyaan idil addunyaa Rooyitars yeroo garagaraatti baasan saaxileera. 

Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu garuu asirratti hin dhaabbanne. Bitootessa 2023 Abbaan Gadaa Karrayyuu kan ajjeechaa bara 2021 irraa hafan, Hawaas Maatoo Booraa, “garee hidhattoota naannoo Amaaraa irraa dhufaniin” rasaasaan rukutamanii ajjeefamuu Addis Standard gabaasuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button