
Finfinnee, Amajjii 06, 2025 – Gochaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay dadhabsiisuun naannicha bulchiinsa malee hambisuuf taasifamu “dogoggora” jechuun bulchiinsa yeroo cimsuuf hojjjatamuu akka qabu itti aanaan pireezidaantiifi hogganaan biiroo nageenya naannichaa L/Janaraal Taaddasaa Warradaa himan.
L/Janaraal Taaddasaan akkaataa dhimma yeroo naannichaarratti ibsa laataniin, tokkummaan paartii Adda Bilisummaa Ummata Tigraay [ABUT] cimuu akka qabus dubbateera. “ABUT paartii waliigaltee Piriitooriyaa mallatteesseefi seenaa waggaa 50 waan qabuuf cimsuuf hojjachuun barbaachisaadha,” Taaddasaan jedhan.
Bulchiinsi yeroo aanga’oota olaanoo naannichaa waliin marii taasisaa turuu akkasuma aanga’aan kuni eeraniiru. Waldhabdee hoggansa ABUT gidduu jiru mariidhaan furuun filannoo sirrii ta’uu himan. “Waldhabdee hoggansa ABUT gidduutti uumame furuuf hawaasni hundi dhiibbaa taasisuu qaba.”
Waldhabdeen hoggansa gidduutti uumame kuni kan yeroo dheeraa dura eegaluu aanga’aan kuni ibsaniiru. Haa ta’u malee, rakkoo ture yeroon furuu dhabuuniifi yaaliin taasifamaa ture milkaa’uu dhabuun waldhabdeen akka uumamu taasisuu addeessan.
Rakkoon kuni kan uumame dhalattoota Tigraay gidduutti waan ta’eef hawaasuma kanaan furamu akka qabu eeruun rakkoo kana furuuf yaaliin taasifame “hanga ammaatti hin milkoofne“ jedhan.
Rakkoon uumame “rakkoo siyaasaa” ta’uu eeruun marii siyaasaatiin furamuu akka qabu himuun adeemsi humnaan deemamu rakkoo jiru akka hin furre dubbatan.
Ka’umsi waldhabdee kanaa “garaagarummaa aanga’oota olaanoo gidduutti uumame” ta’uu eeruun rakkoo kana humnaan furuun akka hin danda’amne eereera. “Adeemsi rakkoo humnaan furuuf taasifamu “fudhatama akka hin qabnes” ni himu.
“Ammas irra deebinee hubachiisuu kan barbaannu garaagarummaan jiru gara tarkaanfii humnaatti akka hin ceeneedha. Aarsaa humnoonni tika nageenyaa Tigraay kaffalan ilaalcha keessa galchuun dantaafi tokkummaa Tigraayii ilaalcha keessa galchuun waliigalteerra gahamuu qaba,” dabalee jedhaniiru.
Waldhabdeen hoggantoota garee ABUT lamaan haala siyaasaa jiru garaagarummaa ummata Tigraay gidduu jiru bal’isaa akka jiru irra deebiin sodaa qaban ibsaa turaniiru. Humnoonni tika nageenyaa Tigraay kunneen gochaa rakkoo nageenyaa hammeessuu danda’urraa akka of qusatan waamicha taasisaniiru.
Siyaasni Tigraay hammaachaa dhufe “nageenyaafi tasgabbiirratti dhiibbaa uuma soda jedhuun naannichatti hiriirri mormiii akka hin gaggeeffamne bulchiinsi yeroo dhoorkuun ni yaadatama.
Gareen ABUT bulchiinsa naannoofi gandaa gurmeessuun bulchiinsa yeroo aangoorraa buusuuf hojjachuun bulchiisni yeroo himata banee ture. Rakkoon siyaasaa kuni gara rakkoo nageenyaatti akka hin jijjiiramne hojjachaa jiraachuus eereera. AS