ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: ‘Mootummaan biyyatti akkan hin seenne dhorkee qabeenya koo fudhachuuf qophaa’aa jira’ - Lidatuu Ayyaalew

Finfinnee, Guraandhala 17/2025 – Tibbana Ameerikaa irraa Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaatiin imalli gara biyyaatti taasisuuf ture Imbaasii Itoophiyaatiin dhorkamuu kan dubbatan namni siyaasaa Obbo Lidatuu Ayyaalew, mootummaan “qabeenya isaanii dhuunfachuuf” qophaa’aa jiraachuu himate.

Obbo Lidatuun dhimma kana ilaalchisee xalayaa dhaabbilee mirga namoomaa idil-addunyaa fi ergamoota dippilomaasiitiif erganiin “nama biyya hin qabne ta’uutti” akka jiran ibsuun, bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahmad murtee “fedhii dhuunfaa irratti hundaa’e” jedhanii ibsan kana akka duubatti deebisu dhiibbaan akka godhamu gaafataniiru.

“Mootummaan qabeenya koo, kan ani umurii koo guutuu ifaajee argadhe fudhachuuf qophaa’aa jiraachuun natti himameera,” jechuun barreessaniiru. Itti dabaluun, MM Abiy walgahii qondaaltota mootummaa olaanoo waliin taasisan irratti “gonkumaa gara biyya kootti akkan deebi’u akka naaf hin hayyamamne ifatti ibsaniiru” jedhan.

Obbo Lidatuun Guraandhala 10, “tikeetii balalii mirkanaa’ee fi paaspoortii Itoophiyaa seera qabeessa” qabatanii Ameerikaa, Atlaantaa irraa gara Itoophiyaatti balali’uuf yaalaa turan garuu “sababa uggura imala jala waan jiruuf” daandiin xiyyaaraa “mootummaa irraa qajeelfama naaf kennameera” jechuun isaan dhorkuu himaniiru. 

Itti dabaluunis, “hoji gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw mootummaan uggura imala akka kaa’e mirkaneessaniiru” jedhan.

Uggurri kun ‘Daandii Qilleensaa Itoophiyaan qofa osoo hin taane “daandiiwwan qilleensaa gara Itoophiyaa balali’an hundaaf” akka oolu kan himan Lidatuun, gochi kun ”sagalee mormitoota hunda calliisiisuuf” yaalii godhame jechuun ibsan. Mootummaan bu’uura seeraa malee ”lammummaa koo na mulquuf” tarkaanfii fudhachaa jira jechuun himate.

Kanaan dura miseensa paarlaamaa ta’uun tajaajilaa kan turan Obbo Lidaatuun, ”murtoon mana murtii adda addaa sadiin yakka akka hin hojjenne labsuun akkan gadhiifaman ajajamuus” Itoophiyaa gadhiisuu isaanii dura ji’oota shaniif hidhamuu isaanii ibsaniiru. 

Itti dabaluudhaanis, dhumarratti ”deeggarsi dhaabbilee mirga namoomaatiin” biyyattii osoo hin ba’iin dura, ”murtii mana murtii biraa” booda ”wal’aansa fayyaaf biyya alaa akka hin deemne seeraan dhorkamee ture” jedhan.

Erga biyyaa bahanii booda mootummaan ”hojii shororkeessummaa irratti bobba’eera jechuun duula maqaa balleessuu” jalqabe jedhan. “Tarkaanfiin paaspoortii koo haquuf ykn lammummaa koo na dhorku yoo jiraate, naaf hin beeksifamne, mirgi koos gamaaggama abbaa seerummaa kabajuu qaba” jechuun barreessan.

Obbo Lidatuun akka jedhanitti gochi mootummaa kun “fedhii siyaasaa irra kan kaka’e” ta’uu fi isaanii fi namoonni biroo “qabsoo karaa nagaa itti fufuu fi filannoo biyyoolessaa dhufu irratti akka hin hirmaanne” kan yaadame ta’uu ibsaniiru.

“Seerri kamiyyuu lammummaa fi paaspoortii Itoophiyaa seera qabeessa ta’e biyyaatti deebi’ee akka hin seenne dhorkuu hin hayyamu” jechuun, gochoonni kun “heera mootummaa Itoophiyaa, seera idil-addunyaa Itoophiyaan raggaasifte, fi waliigalteewwan mirga namoomaa adda addaa Itoophiyaan mallatteessite kallattiin kan cabsuudha” jechuun ibsaniiru. AS

Related Articles

Back to top button