Finfinnee, Muddee 03, 2024 – Mootummaan gochaa dhaabbilee mirga namoomaaf falman rakkisuu akka dhaabu Dhaabbanni idiladdunyaa mirga namoomaaf falmu Hiyuumaan Raayts Waach (HRW) gaafate.
HRW ibsa Muddee 03, 2024 baaseen, murteen mmotummaan dhaabbilee sivilii mirga namoomaaf falman ugguruuf dabarse irra deebiin gamaaggamuun murtee kana akka jijjiiru gaafateera.
Dhaabbilee sivilii kanneen rakkisuu dhaabuun dirree siyaasaa bal’isuuf akka hojjatu HRW mootummaa Itooophiyaa gaafateera.
Mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee mirga namoomaaf falman sadii altokkotti ugguruu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama. Murtee kana hordofuun Amineestii Intarnaashinaal, ibsa baaseen, ugguramuu dhaabbilee kanneenii mormuun mootummaan murtee kana irra deebiin akka xiinxalu gaafateera.
Hoggantoonni mana Marii Abukaatoo Mirga Namoomaa Itoophiyaa doorsisaafi sodaaachisoo dheessuun biyyaa baqachuu eeruun mootummaan gochaa akkasii akka dhaabu gaafateera.
Kana malees,dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa ‘The World Organisation Against Torture’ jedhamu murteen mootummaan dabarse kun “dirree dhaabbilee siviilii dhiphisa” jechuun qeeqe. Waahillan Mootummaa Itoophiyaa gochaa kaana akka baalaaleeffatan Amineestiin waamicha taasiseera.
Itti aanaan HRW damee Afrikaa Laatishiyaa Baadar, “aanga’oonni mootummaa Itoophiyaa dirree dhaabbilee sivilii walaba ta’an keessatti socho’an guutumatti cufaa jira,” jetteerti.
Murteen uggura dhaabbilee sadii irratti tibbana darbe ‘Itoophiyaan biyya mootummaa qeequuniifi mirgi namoomaa akka kabajamu hojjachuun ulfaataa ta’uu agarsisa jetteerti.
Mootummaan Itoophiyaa si’anaa seerota mirga dhaabbilee namoomaa daangessan baasuun gochaa bulchiinsa mootummoonni yeroo darbe raawwachaa ture irra deebiin raawwachaa jiraachuun eerameera. Murtee dabarse irra deebiin gulaaluun gochaa hojii dhaabbilee sivilii daangessan dabarsuurraa akka of qusatu HRW gaafateera. “Mootummoonni biroo” gochaa mootummaan Itoophiyaa raawwate kana balaaleeffachuun dhiibbaa taasisuu akka qaban HRW beeksiseera. AS