Finfinnee, Adoolessa 24/2024 – Mootummaan Eertiraa dhuma baatii Fulbaana booda balalii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gara magaalaa guddoo biyyattii Asmaraatti godhu akka addaan citu murteesse.
Ministeera Geejjibaa fi Kominikeeshinii Eertiraatti Abbaan Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii ibsa har’a baaseen, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gara Eertiraa balalii akka hin taasifne dhorkamuu ibseera.
Abbaan Taayitichi akka beeksisetti, Fulbaana 30, 2024 irraa eegalee Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Eertiraa taasisu hunda akka addaan citu murteessuu beeksise.
Daandiin Qilleesichi akka dhorkamu kan murteeffame imaltoota irratti dararaa “qindaawaa fi itti yaadame” geessisu isaatinii jedhe.
“Boorsaa imaltoota hatamuu”, akkasumas irra deddeebiin harkifannaa balalii fi meeshaalee imaltoota irratti gahaa turuu eeruun, daandiin qilleensichi imaltootaaf “beenyaa osoo hin kaffaliin tureera” jedhe.
Kana malees, daballii gatii tikkeetii bu’uura irratti hin hundoofne mul’atu murtoo kanaaf sababa ta’uu eereera.
“Rakkoolee armaan olitti ibsaman hiikuuf Daandii Qilleensaa Itoophiyaaf irra deddeebiin hubachiisni laatamuufis bu’aa waan hin argamsiisneef Fulbaana 30, 2024 irraa eegalee balaliin Daandii Qilleensa Itoophiyaa gara Eertiraa taasifaman akka addaan citu murtaa’eera,” jedha ibsichi.
Mootummaan Eertiraas ergaa imaltoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaaf dabarseen, imaltoonni Fulbaana 30 booda daandiin qilleensichaan balali’uuf karoorfatan filannoo biraa akka fayyadaman hubachiiseera.
Dhimma kana ilaalchisee Addis Standard Daandii Qilleensaa Itoophiyaa qunnamuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad bara 2018 gara aangootti dhufuu isaanii hordofee hariiroon biyyoota lamaan waggootaan boora’e ture wayyaa’uun balaliin xiyyaaraa jalqabamee ture. Daandii Qilleensa Itoophiyaa amma torbanitti yeroo shan gara Asmaraatti balali’a. AS