DALDALAODUU
Trending

Oduu: Mootummaan gabaa tasgabbeessuuf tarkaanfii yeroo fudhachaa jirutti daldaltoonni gatii dabaluu itti fufaniiru 

Finfinnee, Hagayya 08/2024 – Mootummaan Itoophiyaa imaammata haaromsa dinagdee haaraa sharafni alaa akkaataa fedhii gabaatin akka murtaa’u taasisu hojiirra oolchuu hordofee daldaltoota meeshaalee irratti daballii hin malle taasisanii fi seeraan ala kuusan irratti tarkaanfii fudhachaa akka jiru ibseera. 

Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa hanga ammaatti sadarkaa biyyaatti dhaabbilee daldalaa gocha seeraan ala irratti bobbahan irratti tarkaanfii fudhachuu ibsuus,  Finfinneetti daldaltoonni daballii gatii taasisaa jiraachuu mul’ateera.

Imaammata haaromsa dinagdee hojiirra ooluu hordofee gatiin birrii haalaan gadi bu’eera. Doolaarri Ameerikaa tokkoo kan birrii 56.5n gurguramaa ture gara 100 olitti ol ka’eera. 

Magaala Finfinnee keessatti gatiin meeeshaalee dabalaa jiraachuu Addis Standard daawwannaa gabaa taasiseen, akkasumas daldaltoota fi bitattoota dubbiseen hubateera. Meeshaalee alaa galaniifi biyya keessatti oomishaman akka sukkaara, zayitii nyaataa,fi qullubbii daballii gatii agarsiisaniiru.

Finfinneetti daldaltoonni gabaa Markaatoo Addis Stadndard dubbise, maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan, gatiin zayitii abbaa litira shanii 900 ture yeroo ammaa birrii 1200n gurguramaa jiraachuu himaniiru. Gatiin sukkaara kiiloo tokko 100 ture gara 116tti guddachuus eeraniiru.

Haaluma walfakkaatuun, gabaalee Magganaanyaa fi Shoolaa jedhamuun beekamanitti daawwannaa Addis Standard taasiseen zayitiin kanaan dura birrii 900 ture amma 1200 ta’uu bitattoonni himaniiru. 

Jiraattuun magaalichaa meeshaalee bu’uuraa bituuf gabaatti argaman tokko yaada Addis Standard’tti laatteen, “ani amma mindaan koo 1800, hojii qulqulleessituun hojjedha. Gamanumaan qaala’iinsi jireenya natti ulfaateera. Of dura waanuma nyaannullee waan argannu natti hin fakkaatu,” jechuun ibsite.

Jiraataan kan biraa gabaa naannoo Bulbulaatti osoo bitataa jiranii Addis Standard dubbise gama isaaniin, sodaan cimaa hawaasa keessatti uumamaa jiraachuu himaniiru. “Kanaan dura gatii sharafa alaa yeroo dabalu daldalaan daballii waan taasisaa tureef inni ammaa kuni sodaa guddaa hawaasa keessatti uumeera,” jechuun himan.

“Amma yeroo zayitii bitannu akka yeroo durii suuqii irrss fuudhanii osoo hin taane iddoo dhoksanii baasaniiti. Tokko qofa nam fuuldura kaa’u. Boru yoo dabale yaada jedhuun isa amma harkaa qaban ni dhoksu.”

Bulchiinsi Magaala Finfinnee guyyaa har’a zayitii liitira 800,000 ol daldaltoota “seeraan ala” irraa dhaale waldaalee kutaa magaalaa Gullallee keessa argamanitti raabsuu beeksiseera.  

Xaafii adiin sadarkaa tokkoffaa kiiloon tokko birrii 140 ture gara birrii 145tti guddateera. Haata’u malee daawwannaa Addis Standard taasise kanaan qamadii fi daakuu irratti daballiin gatii hin mul’anne. 

Oolmaa gabaa kuduraa fi muduraa

Daawwannaa Addis Standard taasise daballiin gabaa kuuduraafi muduraa guddaan akka hin jirre kan mul’ise yoo ta’u, ta’uus gatiin qullubbii dabaluu hubateera. Daldaltoonni giddugala gabaa Goorgis keessa hojjetan guyyoota muraasa keessatti gatiin qullubbii dabaluu Addis Standarditti himaniiru. 

Daldalaan maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko, “gatiin qullubbii sadarkaa tokkoffaa 50 yookiin 55 ture amma 90fi 100tti gurguramaa jira,” jechuun hime.  Haata’u malee, daballiin gatii kun sharafa alaatiin kan walqabatu akka hin taane hime.

“Omishini gahaan galaa hin jiru. Waqtii gannaa keessa dhiyeessiin qullubbii yeroo baay’ee ni hir’ata. Yeroo akkasii kanatti meeshaalee biyyoota akka Sudaaniifi Jibuutiirraa galaa turan yeroo ammaa galaa hin jran. Isaan dhabamuun walqabatee dhiyeessiin waan gadi bu’eef daballii gatii akka mul’atu ni taasisa.” 

“Inni kuni sharafa alaa waliin waan wal qabatu natti hin fakkaatu. Sababiinsaas osoo sharafaan kan walqabatu ta’ee gatiin meeshaalee akka timaatimaa fi dinnichaa daballii agarsiisu ture,” jedhe.  

Daldalaan naannawa Piyaasaatti gurgurtaa meeshaalee ijaarsaa irratti kan bobba’e tokko, hir’inni dhiyeessii meeshaalee mudachaa jiraachuu hime. “Daballiin gatii mul’atu garuu guddaa miti” jedhe.

“Gatii jenereetarii irratti daballiin xiqqoo ni jira. Kanaan dura 80,000 kan ture yeroo amma 85,000ttti gurguramaa jira. Haa ta’u malee, dabaluu sharafa alaatiin kan walqabatu natti hin fakkaatu. Hir’inni dhiyeessii mudachuudhaan kan walqabate jedheen amana. Gabaan waliigalaa gadi bu’eera, namni dhimma bu’uraa irratti olii gadi kaachaa jira,” jechuun dubbateera. 

Jiraataan magaalaa Finfinnee Addis Standard waliin turtii taasisan tokko, mootummaan jijjiirama imaammataa taasisuun dura hawaasaaf ibsa kennuun dursuu akka qabu dubbataniiru.  “Jijjiiramni kuni faayidaalee garaagaraa ni qabaata. Yaadrimee dogoggoraa doolaarri dabaleera jedhuun gatiin meeshaalee dabaluun uummata mufachiisaa jira,” jedhan. 

“Daldalli walitti hidhamiinsa mataasaa qaba. Zayitiin yoo dabale gatiin qullubbii dabaluunsaa hin oolu. Naanna’e gatiin kuni uummata irratii kufa.” Kana malees, mootummaan to’annoo fi gabaa tasgabbeessuu cimee hojjachuu qaba jedhan. AS

Related Articles

Back to top button