DALDALAODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mootummaan hidhattoota WBO fi Faannoo waliin itti fufinsaan mari'achaa jiraachuu MM Abiy Ahimad dubbatan

Finfinnee, Hagayya 02/2024 – Mootummaan hidhattoota naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an waliin itti fufinsaan marii gaggeessaa jiraachuu Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dubbatan.

MM Abiy Ahimad riifoormii imaammata diinagdee biyyattiin torban kana hojiirra oolchuu eegalte milkeessuufi nageenya fi tasgabbii biyyattii waaraa ta’uu akka qabu dubbataniiru. 

“Itoophiyaa keessatti nagaa fi tasgabbiin yoo dhufuu baate invastimantiin hin dhufu, turistiin hamma nuti feenun hin dabalu, nutis sochoonee barachuu fi daldaluu hin dandeenyu… nagaa fi tasgabbiin ni barbaachisa,’’ jedhan.

Mootummaan hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho’an waliin marii erga eegalee “bubbuuleera” kan jedhan MM Abiy, adeemsa marii hidhattoota kanneen waliin taasifamu irratti rakkoo kan ta’e gareewwan hidhattoota maqaa tokkoon socho’an gidduu tokkummaa jiraachuu dhabuu ta’uu eeraniiru. 

“Garichi tokko waan hin taaneef mari’achuuf nu rakkiseera, mariif akka toluuf tokko akka ta’an yaaliin taasifamaa tureera. Garuu mootummaan gareewwan muraasa waliin itti fufiinsaan mari’achaa jirra,” jedhan. 

Haaluma walfakkaatuun, hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), kan isaan “Shanee” jedhanii waaman waliinis marii itti fufiinsaan gaggeeffamaa akka jiru kaasaniiru.  

Ministirri Muummee Abiy Ahimad riifoormii imaammata diinagdee hojiirra ooluu eegale ilaalchisee, riiformichi biyyattiif tarkaanfii murteessaa ta’uu dubbataniiru. “Murteen kun akka kiniinii hadhaa’aati—liqimsuuf ulfaata. Garuu rakkoo dinagdee keenya irraa fayyuun baay’ee barbaachisaadha,” jedhan.

Mootummaan sababa piroojektoota akka daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutii fi sarara baabura salphaa Finfinnee ba’aa liqii biiliyoonaan lakkaawwamu irratti kuufamee jiraachuu kan eeran MM Abiy, liqii yeroo dheeraan kaffalamu Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa irraa argame mootummaaf akkaataa liqii irra ture kaffaluu danda’u irratti yeroo dabalataa ni kenna jedhan. 

Kana malees, garaagarummaa gatii sharafa alaa gabaa gurraachaafi idilee gidduu jiru dhiphachuu akka qabuus cimsanii dubbataniiru. 

“Garaagarummaan gabaa gurraachaafi idilee gidduu jiru dhiphachuu qaba jenneerre, garaagarummaa kana furuuf tooftaa addaa barbaada.”  

“Imaammanni sharafa alaa yeroo ammaa baankonni hordofan bu’a barbaadamu fida jedhee ni amanu. Garaagarummaa gatii sharafa alaa gabaa gurraachaafi idilee gidduu jiru hir’isuu qabna. Gatiin gabaa gurraacha 130 ta’ee gatiin gabaa idilee ammoo 70 yoo ta’e bu’aa akkamii qaba? Kun furmaata argachuu qaba,” jedhan.

Haasawaa MM Abiy hordofee har’a Jimaata gatiin birrii Itoophiyaa daran laaffateera. Har’a Baankii Daashinitti Dolaarri Ameerikaa tokko birrii 90.7n bitamee birrii 98.05n gurguramaa jira. Kunis erga imaammanni bulchiinsa sharafa alaa jalqaba torban kanaa ifoome booda gatiin birrii 40% gadi bu’uu agarsiisa. 

Riiformii imaammata diinagdee hojiirra ooluu eegaleen walqabatee kutaalee hawaasaa hedduu miidhaman keessaa hojjettoonni mootummaa mindaa gadi aanaa argatan ta’uu kan eeran MM Abiy, mootummaan rakkoo hawaasa kanneen irratti mudachuu malu furuuf daballii mindaa akka taasisu ibsaniiru. 

Akka MM Abiy jedhanitti, hojjettoota mootummaa mindaan isaanii 1,500 ta’e deeggaruuf mootummaan mindaa isaanii dachaa sadiin (300%) akka dabalamu murteesseera. 

Mootummaan daballii mindaa kanaaf baajata dabalataa birrii biiliyoona 90 qabachuu fi kunis baajata dabalataa dhiyeenya kana Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti dhiyaatu keessa akka hammatamu ibsaniiru. 

MM Abiy ibsa isaaniin, “barri 2017 bara ulfaataa ni ta’a, qophaa’uun ni barbaachisa. Garuu tumsaan yoo hojjenne diinagdeen Itoophiyaa waggoota 10 walitti aananiif ni guddata jedheen amana,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button