ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mootummaan hiriira uummataa Oromiyaa keessa gaggeeffame ‘qaama mootummaatin qindaa’e’ jedhamuu haale

Finfinnee, Sadaasa 15/2024 – Naannoo Oromiyaa godinaalee garaagaraa keessatti hiriirri waamicha nageenyaa kaleessaafi har’a gaggeeffame akka qaamaa mootummaan qindaa’eetti odeeffannoon tamsa’aa jiru “dhugaa irraa kan fagaatee” jechuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibse. 

Mootummaan naannichaa ibsa baaseen, “hiriira nagaa ummatni fedhii isaatiin nageenya dheebochuu irraa ka’ee bahu, akka qaama mootummaan qindaa’eetti muldhisuuf yaaluun dhugaa irraa kan fagaateefi madaa ummataa mukaan horfuu akka ta’etti kan yaadamudha” jedhe.

Ibsi kun kan bahe hiriira nagaa uummataa tibbana gaggeeffame ilaalchisee Waraana Bilisummaa Oromoo, kan mootummaa waliin waggootaaf lola gaggeessaa jiru, fi namoota siyaasaa akka Jawaar Mohaammad qeeqaan mootummaatti quba qabuu isaanii hordofeeti.

Jawaar fuula Feesbuukii isaa irratti “mootummaan gama tokkoon marii araaraa  marsaa 3ffaaf  waywaannaa biyyoota dubbii harkaa qabaniin dhihaataa jiru didaa, gama biraan ummata miskiina adutti baasanii waywaachisuun sirrii miti,” jechuun kutannoo mootummaan mariidhaaf qabu qeeqe.

“Fakkeessuun nagaya buusuun hin danda’amu” kan jedhe Jawaar, nagaa buusuuf onnerraa fedhii qabaannaan waltajjii mariitti deebi’uun ala falli akka hin jirre ibseera. 

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) gama isaatin ibsa kaleessa Sadaasa 14, 2024 baaseen, “mootummaan gaaffii haqa qabeessa uummanni nagaadhaaf qabu faayidaa ofiif fayyadamaa jira” jechuun mootummaa himateera. 

Kamisa ganamaa eegalee hanga har’aatti godinaalee fi aanaalee Oromiyaa garaagaraatti uummanni hiriirra nagaa ba’uun nageenya waaraa qe’ee Oromootti akka mirkanaa’uuf waamicha taasisuu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru. 

Walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu gaggeeffamuun goolamaa kan jirtu Oromiyaa keessatti hiriirri akkanaa yeroo gaggeeffamu kun kan jalqabaa miti. 

Baatii Hagayya darbe godina Shawaa Kaabaa magaalota Sulultaa fi Caancootti jiraattoonni kumaatamaan lakkaawwaman hariira bahuun walitti bu’iinsi humnoota mootummaa fi WBO gidduu adeemsifamaa jiru karaa nagaan akka furamu gaafatanii turan.

Ta’us walitti bu’iinsi kun daran hammaachuun lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu itti fufeera. Mariin mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu marsaa lama Taanzaaniyaatti gaggeeffamee gufate marsaa sadaffaan eegamuus hanga ammaa hin dhugoomne. 

Hiriira uummataa tibbanaan walqabatee qeeqni mootummaa irratti ka’e kan biraanis dhimmuma marii kanaati. 

Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad fuula feesbuukii isaarratti “marii marsaa sadaffaa WBO fudhatee kan dide mootummaadha” jechuun ibse.

“Dippilomaatotaan ‘mariin marsaa biraa hin barbaachisu. Finciltoota irra jireessa barbadeessineerra. Kan hafan ammoo harka kennuuf nu dubbisaa jiru’ jedhaniin,” jedhe. 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma kanaaf deebii laateen, “mootummaan waldhabdee kana marii nagaan fixuuf daandii dheeraa kamuu kan imaluufi marii hidhattoota waliin taasifamu kamiifuu qophii ta’uu irra deebiin mirkaneessuun barbaada” jedhe.

Kana malees, “hiriirri ummataa waldhabdeen naannicha keessa jiru karaa nagaa akka furmaata argatu kutaalee Oromiyaa garaa garaatti adeemsifame fedhii cimaa ummanni nagaafi tasgabbiin akka deebi’u qaburraa kan madde ta’uu guutummaan fudhata” jedheera.

Gama biraatin ammoo hidhattoonni kumaatamaan lakkaa’aman meeshaa waraanaa lafa kaa’anii karaa nagaa galaa jiraachuu eeruun, kunis “kutannoo mootummaan rakkoo kana karaa nagaa furuuf qabuuf ragaa baha,” jedhe. 

Ji’a Onkoloolessa 2024 keessa mootummaan naannichaa jaarmiyaa hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo irraa adda bahuu labse “WBO Zoonii Giddugaleessaa” waliin marii nagaa gochuun garaagarummaa jiru furuuf qophii ta’uu ibsuun isaa ni yaadatama.

Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, WBO Zoonii Giddugaleessaa mootummaa waliin marii nagaa adeemsisuuf fedhii kanaan dura agarsiise mootummaan “daran kan jajjabeessuufi ija gaariin kan ilaalu” ta’uu ibsaniiru. 

“Gareen kun fedhii isaa gochaan agarsiisuuf murannoo qabaannan, mootummaan keenya akkuma waadaa galee karaa dheeraa deemee simachuun, marii nagaatiif qophii ta’uu kan mirkaneessu ta’a” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button