
Finfinnee, Muddee 19/2024 – Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Ambaasaaddara Haqaa Yakka Idil-addunyaa kan ta’an Beet Vaan Shaak, mootummaan Itoophiyaa aanga’oota dabalatee qaamolee waraanaa dhiittaa mirga namoomaa keessatti hirmaatan aangoorraa akka kaasu hubachiisan.
Ambaasaaddar Vaan Shaak daawwannaa Finfinneetti taasisaniin booda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, qorannoon guutuu hanga gaggeeffamutti qaamolee kanneen eeyyama bulchiinsaan aangoorraa akka kaasu yaada dhiyeessan.
Akkasumas ”mootummaan federaalaa dhiittaa mirga namoomaa raawwatameef ifatti beekamtii akka kennu” gaafatan.
Wixinee labsii Haqa Ce’umsaa Itoophiyaa irratti Ministeera Haqaa waliin kan mari’atan ambaasaaddar Vaan Shaak, “adeemsa hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti mul’ate kan jajjabeeffamu ta’uus, dirree siivilii dhiphachaa dhufuufi dhiittaan miga namoomaa keessattuu naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti dabaluu hubanneerra” jedhan.
Namoonni adeemsa haqa keessatti hirmaachuu fi bilisaan dubbachuuf nageenyi itti dhaga’amuu akka qabu eeruun, waldhabdeen biyyattii keessatti itti fufee jiru kun haqa ce’umsaa hunda galeessa ta’e rakkisaa akka taasisu dubbatan.
Mootummaan Itoophiyaa waajjira abbaa alangaa addaa hundeessuu fi adeemsa dhugaa himuu dabalatee tumaalee seera haqa ce’umsaa ilaaluuf kaayyeffatan shan akka dhiheesse ibsuun, tattaaffiin kun ”jalqabbii baay’ee jabaa” jechuun dinqisiifataniiru.
”Seerri kun akka waliigalaatti haala gaariin wixiname,” jechuun kunis galtee ogeeyyii idil-addunyaa Kolombiyaa, Afrikaa Kibbaa, Ameerikaa fi Awurooppaa irraa argame irraa fayyadamoo ta’uu ibsan.
Haa ta’u malee, iftoomina adeemsa mana murtii waraanaa amma jiru ilaalchisee yaaddoo qaban kaasaniiru. “Eenyu yakka kamiin akka himatame ykn murtiin irratti murtaa’e hin beeknu,” jechuun iftoomina guddaa qabaachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbatan.
Imaammanni Haqa Ce’umsaa Itoophiyaa Ebla 2024 Mana Maree Ministirootaatiin raggaasifame, “miidhamtoota sarbama mirga namoomaa, waldhabdee, seeneffama, fi miidhaa yeroo adda addaa biyyattii keessatti raawwataman” furuuf qajeeltoowwan ijoo kaa’a.
Ji’a Waxabajjii bara 2024 Ministeerri Haqaa wixinee roodmaappii imaammata kana hojiirra oolchuuf qophaa’e xumuruu isaa beeksiseera. Roodmaappichi dhaabbilee walaba ta’an hundeessuun, malawwan adda addaa qindeessuun, malawwan hunda hammatee fi itti fufiinsa mirkaneessuu danda’an qopheessuu irratti qajeelfama ni kenna.
Dhiheenya kana ammoo Ministeerichi qajeelfamni raawwii Imaammata Haqa Ce’umsaa Itoophiyaa ji’oota sadan dhufan keessatti ni ragga’a jedhamee eegama jechuun beeksiseera. AS