ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan hoggantoota ABO hidhaatti dararaman 'dhiifama gaafachuun beenyaa laachuu qaba': HRW

Finfinnee, Fulbaana 10/2024 – Dhaabbata falmaa mirgoota namoomaa idil addunyaa Hiyumaan Raayitis Waach (HRW), mootummaan Itoophiyaa hoggantoota olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hidhaa waggoota afur booda torban darbe gadhiifaman “dararaa irra gaheef dhiifama gaafachuun beenyaa akka laatu” hubachiise.

Dhaabbatichi ibsa isaatin, qondaaltonni ABO Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Gadaa Oljiraa, Gadaa Gabbisaa, Kennasaa Ayyaanaa fi Daawit Abdataa duraanuu hidhamanii turuu mitii, to’annoo jala oolullee hin qaba ture” jedhe.

“Haata’u malee, mootummaan ajaja mana murtiin akka hiikamaniif si’a hedduu dabarse tuffatee waggaa afurii oliif himata malee hidhaatti dabarsaniiru,” Gaanfa Afrikaatti Daayirektara Hiyumaan Raayitis Waach kan ta’an Laatishiyaa Baadirtu jedhe.

Namoonni kunneen yeroo hidhamanii jiranitti aanga’oota mootummaatin mirgi isaanii sarbamaa turuu qorannoo gaggeessaa tureen mirkaneessuu kan eere Hiyumaan Raayitis Waach, ji’ootaaf ukkaamfamanii maatii fi abukaatoo isaanii waliin akka wal hin argine dhorkamaa turuus ibse.

Bakki hoggantoonni ABO torba kun itti hidhaman yeroo baay’ee kan jijjiiramu yoo ta’u, gariin isaanii kaampiiwwan leenjii poolisii fi iddoo horsiisa lukkuutti hidhamanii turuu yaadachiise.

Hidhamoota kanneen keessaas Kennasaa Ayyaanaa fi Gadaa Gabbisaa yeroo mana hidhaa keessa turanitti daran dhukkubsachuu fi miidhamuu ibseera.

Maatii fi deeggartoonni isaanii gadhiifamuu isaaniin kan gammadan ta’uus, “haalli hoggantoonni ABO yeroo dheeraaf akka hidhamuu isaaniif sababa ta’e garuu ammallee namoota siyaasaa hunda yaaddoo keessa galchee jira,” jedhe.

Dhimma kana furuuf mootummaan “furmaata ariifataa fi gahaa” kennuu akka qaba kan ibsan Laatishiyaa Baadir, itti dabaluun “hidhaa hoggantoota ABO kanneenif dhiifama gaafachuun beenyaa laachuu qaba” jedhan.

Waahila hoggantoota kanneen yeroo dheeraaf akka hiikaman watwaataa osoo jiranii Ebla 2024 keessa kan ajjeefaman Battee Urgeessaa akka fakkeenyaatti eeruun, mootummaan Itoophiyaa namoonni siyaasa karaa nagaa irratti hirmaatan lubbuu fi bilisummaan isaanii balaadhaaf akka hin saaxilamne taasisu qaba jedhan.

Kana malees, mootummaa Ameerikaa dabalatee qaamoleen idil addunyaa hidhaa seeraan alaa fi nama ukkaamsuu Itoophiyaa keessatti baramaa dhufe akka dhaabbatu dhiibbaa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Biiroon Dhimoota Afrikaa ibsa torban darbe baaseen, hoggantoota olaanoo ABO waggoota afur oliif hidhamanii turan hidhaa irraa gadhiifamuu isaanii akka deeggaru beeksisuu ni yaadatama.

Ameerikaan ibsa isheetin, “walitti bu’iinsa dhaabuu fi lammiilee Itoophiyaa hundaaf nagaa waaraa fiduuf marii taasifamu deeggaruuf qophii ta’uu” ibsiteetti.

Hoggantoonni ABO waggootaaf ajaja mana murtii malee hidhamanii turan akka gadi lakkifaman Hiyumaan Raayitis Waach dabalatee dhaabbilee idil addunyaa mirga namoomaaf falman irra deddeebiin gaafachaa turaniiru.

Addis Standard gulaallii baatii Adoolessa keessa maxxanseen hidhaan seeraan alaa hoggantoota ABO kanneen balaaleeffachuun, kunis “sirna haqaa biyyattii irratti balaadha” jechuun ibsuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button