
Finfinnee, Guraandhala 04/2025 – Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa qaama ittisa yakkoota daangaa ce’an hojjechaa jiruun Guraandhala 3, 2025 irraa eegalee Kaawuntii Marsaabit fi Isi’oloo keessa bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) socho’utti oppireeshinii addaa “Operation Ondoa Jangili” eegaluu beeksise.
Sagantaa eegalchiisa duula kanaa kaleessa Marsaabit keessatti gaggeeffame irratti Itti aanaan Inispeektar Jeneraalaa Tajaajila Poolisii Bulchiinsa Gilbart Masengee dabalatee aanga’oota tajaajila poolisii garagaraa argamaniiru.
“Duulli sadarkaa olaanaa kun yakkamtoota hojiilee seeraan alaan nageenya biyyaalessaa Keeniyaa irratti balaa guddaa geessisan irratti xiyyeeffata” kan jedhe Tajaajilichi, gareen hidhattoota WBO kutaalee kaawuntii Sololoo, Mooyyalee, Horri Kaabaa fi Martii keessatti gochaalee seeraan alaa hedduu raawwachaa tureera jechuun himate.
Gochoonni seeraan alaa garee hidhattoota kanaan raawwataman kunneenis “daddabarsa meeshaalee waraanaa, qoricha sammuu namaa hadoochuu fi namaa, akkasumas hojii albuuda seeraan alaa baasuu, waldhabdee gosaa kakaasuu fi maallaqaaf nama butuu” ta’uu ibse.
Inispeektar Jeneraalaa Tajaajilichaa Gilbart Masengee haasaa isaanii keessatti hawaasni naannoo duulli kun itti eegalametti argaman nageenya isaanii kan mirkanaa’e ta’uu eeruun, tasgabbiidhaan “gareewwan nageenyaa duula kana gaggeessaa jiran waliin akka tumsan” waamicha dhiyeessaniiru.
Hagayya bara 2024 Daayirektara Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Itoophiyaa Redwaan Huseen fi gita isaanii Keeniyaa Nuraddiin Mohaammad Hajii kaleessa Finfinneetti walarguun dhimmoota “rakkoo nageenyaa fi sochii humna finciltootaa naannawaa daangaatti socho’an” ilaalchisee mari’achuu isaanii ni yaadatama.
Marii isaaniin gareen hidhattootaa WBO daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaatti, akkasumas Keeniyaa keessa “lammiilee butuu, saamicha, qabeenya barbadeessuu fi sochii namootaa danquu” raawwachaa akka jiru kaasaniiru.
Kana malees, gareen kun “daldala kontirobaandii, daldala meeshaalee waraanaa seeraan alaa, hojiin albuuda baasuu seeraan alaa irratti bobba’e” dhaabuuf tarkaanfii hatattamaa fudhachuuf kallattii kaa’uu isaanii eeramee ture. AS