ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan naannoo Amaaraatti “duula seera kabachiisuu" raawwachaa jiraachuu ibse, Amineestiin "hidhaa jumlaatiin" humnoota mootummaa yakke

Finfinnee, Onkololeessa 02, 2024 – Amineestii Intarnaashinaal humnoota mootummaa naannoo Amaaraa keessatti “duula seera kabachiisuu” raawwachaa jiran “hidhaa jumlaatiin” yakke.

Amineestiin, ibsa Onkololeessa 01, 2024 baaseen, hidhaan jumlaa naannoo Amaaraatti raawwatamaa jiru olaantummaa seeraarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibseera.  Mootummaan Itoophiyaa, gamasaatiin, “duula seera kabachiisuu” gaggeessaa jiraachuu ibsuun “duulli kan raawwatu naannichatti nagaan yoo bu’e qofaadha” jedheera.

Naannichatti magaalota naannichaa hedduu keessatti hojjattoota manneen barnootaa dabalatee jiraattota dhibbaan lakkaawaman hidhuun seeratti osoo hin dhiyeessin tursiisaa jiraachuu eereera. Hidhaan miseensonni poolisiifi raayyaa biyyattii gaggeessaa jiran kuni olaantummaa seeraarratti dhiibbaa uumuu ibsuun humnoonni kunneen ajaja mana murti malee namoota hidhaa jiraachuu mirkaneeffadheera jechuun hidhaan kuni hatattamaan akka dhaabbatus Amineestiin gaafateera.

Oduu wal fakkaatuun, ibsa guyyaa kaleessaa baaseen mootummaan naannoo Amaaraatti “duula seera kabachiisuu” gaggeessaa jiraachuu ibseera. Hogganaan biiroo sab-qunnamtii ministeera raayyaa ittisa biyyaa Koloneel Geetinnat Adaanee, “naannichatti hokkora dhaabsiisuuf jecha mootummaa naannichaa waliin ta’uun qaamolee hidhataniifi humnoota caasaa mootummaa keessatti argaman irratti tarkaanfiin fudhatamuu” ibseera.

“Tuutni (riphee lolaa) magaala keessatti argamu guyyoota darban keessa ayyaana sababeeffachuun walitti bu’iinsa jalaa dheessuun gara qarqara tokkootti dhokachuun karaa miidiyaa hawaasaatiin holola tamsaasaa jira,” jedheera.

Kaayyoon duula humnoota mootummaa hokkoraafi jeequmsa dhabamsiisuun nagaa buusuu ta’uu eeruun ‘tarkaanfiin seera kabachiisuu” kuni kan goolabamu naannichatti nagaan yoo bu’e qofa ta’uu Geetinnat ibseera.

Raayyaan ittisa biyyaa “duula seera kabachiisuu” akka itti fufu himuun humnoota karaa nagaatin rakkoo furuu barbaadaniif “balballi banaa” ta’uu dubbateera.

Duulli raayyaa kuni seeraan kan qoratamee ta’uu hogganaan biiroo sab-qunnamtii mootummaa naannichaa Obbo Mangashaa Faantaa dubbataniiru. Duulli kuni lammiilee nagaa tiksuuf “of eeggannoodhaan” gaggeeffamaa jiras jedheera.

Karaa miidiyaa hawaasaatiin hololli daandii cufuufi barattoonni barachaa hin jiran jedhu raabsamaa jiraachuu Koloneel Geetinnat eereera. AS

Related Articles

Back to top button