ODUUSIYAASA

Oduu: Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi ABO ajjeechaa suukaneessaa Darraatti “humnoonni Faannoo” raawwatan balaaleffatan

Finfinnee, Sadaasa 21/2024 – Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi paartii mormituu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa adda addaatti baasaniin ajjeechaa suukaneessaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti humnoota “Faannootin” raawwatame balaaleeffataniiru. 

Qaamoleen lamaan ibsa kan baasan viidiyoon dargaggeessi dhalataa aanaa Darraa Darajjee Amaare jedhamu yeroo hidhattootaan albeedhaan mormi irraa muramu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamuu hordofeeti. 

Hogganaan Biiroo Komnikeeshiinii Oromiyaa Haayiluu Addunyaa ibsa har’a Sadaasa 21, 2024 laataniin, mootummaan naannichaa “gocha gara jabinaafi suukanneessaa finxaaleeyyii Faannoon raawwatame cimsee kan balaaleffatuu fi nageenya lammiilee tiksuufis kan hojjetu” ta’uu ibsaniiru.

“Gochi finxaaleyyii Faannoo kun tuffii sabaafi sablammootaafi uummata Oromoof qaban kan agarsiisu qofa osoo hin taane, finxaaleyyiin kunneen sammuu yaadu kan hin qabne, garee bor hin beekneefi ofittoo ta’uu qabatamaan mul’iseera,” jedhan.

“Gareen kun Raayyaa Ittisa Biyyaa jalaa baqachuun lafa ga’e hundatti gara jabeenyaan ajjeessuufi shororkeessuu irratti fuulleffatee jira” kan jedhan obbo Haayiluun, ajjeechaa suukaneessaa Darraatti raawwatameef haala mijeesseera jechuun garee isaan “Shanee” jedhanitti quba qabaniiru. 

“Gocha gara jabeenyaa kana Faannoon wayita raawwatu Shaneen uummata hidhannoo hiikkachiisuun haala mijeesseera,” jedhan. 

Obbo Haayiluun ibsa isaaniin, “mootummaan nageenya lammiilee tiksuuf finxaalessaa uummata nagaa irraa adda baasee tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata,” jedhan. 

Addi Bilisummaa Oromoo gama isaanin ibsa har’a baaseen, “ajjeechaan suukaneessaan hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaatiin ummata keenya irratti raawwatamaa jiru yakka waraanaa ulfaataa fi hammaataadha,” jechuun balaaleeffateera. 

ABO’n ibsa isaatin ajjeechaa gara jabeeyyii kanaan hidhattoota Faannoo dabalataan mootummaattis quba qabeera. “Ajjeechaa ragaalee suur-sagalee ifatti mul’atan caalaa ummata Faannoon ajjeefte akka hin awwaalanneef Raayyaan Ittisa Biyyaa humnaan gara lagaa fi gaaraatti ummata reeffarraa ittise,” jedhe.

“Yeroo ammaa gandoota Faannoon dhuunfatamanitti weerara babal’ifannaa lafaan qe’ee fi qabeenyaa ummataa daaressanii keessatti lubbuu namaas daa’imman reef dhalattu irraa qabee hanga jaarsa guddaatti ifatti ajjeechaa suukaneessaa irratti raawwataa jiran,” jedhe paartichi.

Tibbana viidiyoon dargaggeessa hidhattootaan albeedhaan mormi irraa muramuu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamuu hawaasa biratti dheekkamsa kaaseera.

Taateen kana hordofee barattoonni yuunivariitii adda addaa hiriira nagaa bahuun ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu balaaleeffachaa jiru. Guyyaa har’a barattoonni Yuunivarsiitii Arsii, Amboo, Wallaggaa fi Jimmaa hiriira gaggeessaniiru.

Waggoota dhiyoo asi aanaan Darraa dirree waraanaa gaaga’ama guddaa geessise taateetti. Keessattuu bara 2022 booda walitti bu’iinsi cimaan humnoota mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), fi hidhattoota Faannoo gidduutti gaggeeffamuun lubbuun namoota hedduu darbaa jira.

Addis Standard dhimma kana irratti jiraattota aanaa Darraa dubbisuun akka qorateetti Adoolessa hanga Onkoloolessa 2024 gidduutti haleellaa dirooniin dabalatee lammiileen nagaa 43 ol lubbuu isaanii dhabaniiru. AS

Related Articles

Back to top button