DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Mootummaan namoota kirkira lafaan qe’eerraa buqqa’an bakka biraatti jijjiiruuf yaalus horsiisee bultoonni didan

Finfinnee, Guraandhala 11/2025 – Kirkira lafaa irra deddeebiin naannoo Affaar godina Awaash Fantaallee keessatti mudate hordofuun horsiisee bultoonni qe’eerraa buqqa’anii aanaa Amibaraa kaampii Daa’idoo keessa turan gara bakka biraatti geessuuf mootummaan yaalii godhus, horsiisee bultoonni fedhii akka hin qabne ibsan.

Nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne kan gaafatan jiraatan aanichaa tokko Addis Standard’tti akka himanitti, komaand poostiin mootummaan naannichaa hundeesse horsiisee bultoota kaampii Daa’idoo turan  gara kaampii haaraa Addiis Raa’iiy naannawa Awaash Arbaatti hundeeffameetti jijjiiruuf yaalii taasisuu himan.

“Namoonni komaandii poostichaa fi jaarsoliin nu haasofsiisuuf torbee darbe dhufani turan. Ammas naannoon sun balaadhaaf saaxilamaa waan ta’eef gara kaampii haaraa Awaash Arbaatti akka jijjiramnuuf nu gaafatan,” jedhan jiraataan kun. Haa ta’u malee horsiisee bultoonni kun naannoo amma qophaa’eera jedhame kun jiraachuuf mijata miti jechuun didaniiru.

“Bakka amma jirru Daa’idootti lagni Awaash qaxxaamura. Burqaawwan hedduutu jira. Kun ammoo loowwan keenyaaf iddoo bareedaadha. Lagicha irraa bishaan argatu, naanna’aniis nyaatu.”

“Iddoon amma jirruu balaadhaaf saaxilamaa waan tae’ef iddoon  haaraa Awaash Arbaa jedhamutti akka deemnuuf nu gaafatan. Achiittis lagni hin jiru, mukni dhaabbate tokkos hin jiru. Horii keenya eessatti nyaachifna?” jechuudhan haala jiru ibsaniiru.

Horsiisee bulaan Addis Standard waliin turtii taasisan kan biraa akka jedhanitti iddoo akka qubatan gaafataman Addis Raa’iiy jedhamu kanaan dura akka beekan eeruun, naannoon kun ”wanti tokko akka achitti hin argamne” fi rakkisaa akka ta’e dubbataniiru.

“Iddoon kun Awaash Arbaa gadiitti argama. Wanti tokkollee hin jiru. Magaalattii irraa fagoodha. Bishaan hin jiru. Naannoo sanatti mukallee argachuu hin dandeessu, kanaaf muka gaaddisa fi nyaata bilcheessuuf ta’u argachuun rakkisaadha,” jedhan.

Kanarraa kan ka’e, mootummaan jaarsootaan dabalatee horsiisee bultoota naannoo sana jiraatan iddoo akka jijjiirrataniif gaafatus, jiraattonni waan walii hin galleef ammas buqqaatonni hedduun kaampii Daa’idootti jiraachuuf akka murteessan himan.

“Ka’a erga jedhamnee torban lama ta’eera. Jiraattonni didan torban darbe jaarsummadhaan yaaliin godhameera. Akka isaan jedhanitti kaampiin Daa’idoo amma keessa jirru kirkira lafaaf akka saaxilamu, akkasumas karaa cinaa akka argamu nutti himan,” jedhan.

Haa ta’u malee jiraattonni tokko tokko waamicha fudhatanii garakaampii haaraa qophaa’etti seena akka jiran akeekaniiru.

Jiraataan kun itti dabaluudhaan jaarsummaa torban darbee booda gargaarsi nyaataa kaampii Daa’idoof kennamaa ture hir’achuu isaatiin jiraattonni rakkina guddaa akka mudatu taasiseera jedhan.

“Ka’aa erga jedhamnee homaa hin arganne. Dhiyeessiin hir’ateera, Haala baay’ee rakkisaa keessa jirra.” jedhan.

Torban tokko dura namoota dhiyeenya kana sababa kirkira lafaatin buqqa’an iddoon itti qubatan “bakka balaa guddaa qabu” jedhamuu hordofee, namoonni achitti qubatan gara bakka haaraa aanaa Amibaraatti qophaa’etti akka geeffaman akka murtaa’e Addis Standard gabaasuu ni yaadatama.

Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) qindeessitoota kilaastara IASC fi michoota waliin ta’uun gabaasa baaseen, “ogeeyyiin Yuunivarsiitii Samaraa fi Yuunivarsiitii Finfinnee bakkeewwan jalqabaa qubannaaf qophaa’an naannoowwan balaadhaaf saaxilaman ta’uu isaanii mirkaneessaniiru” jedhe.

Haata’u malee dhaabbatichi kanaan dura horsiisee bultoonni Affaar horiifi qabeenya isaanii qe’eetti dhiisanii gara iddoo biraatti deemuuf fedhii akka hin qabne Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA) gabaasuun isaa ni yaadatama.

“Jiraattonni aanaa Awaash fi Dullachaa tokko tokko bakka sanaa ba’uuf fedhii hin qaban, keessumaa hawaasni horsiisee bulaa horiifi qabeenya isaaniitiif yaaddoo qaban” kan jedhe dhaabbatichi, haa ta’u malee ajajaan labsii hatattamaa jiraattota kanneen dirqamaan akka baqatan taasisuuf jiraachuu eereera. AS

Related Articles

Back to top button