
Finfinnee, Muddee 20/2024 – Paartileen siyaasaa mormitootaa jaha haala yeroo biyyattii ilaalchisee ibsa waloo baasaniin, “mootummaan waraana akka mala bittaa fayyadamurraa gara itti gaafatamummaa isaatti deebi’ee biyyaa fi ummata badiisa irraa akka baraaru” hubachiisan.
Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dabalatee paartilee mormitootaa jaha of keessatti kan hammate Kokasiin Paartilee Mormitootaa, “erga mootummaan badhaadhinaa hundeeffamee kaasee haalli siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyya keenyaa guyyaarraa gara guyyaatti daran hammaataa deeme,” jedhe.
Diinagdeen biyyattii gara diinagdee waraanaatti jijjiiramee baajata waggaa keessaa inni guddaan bu’uuraalee misoomaa adda addaatiif oolu osoo maluu waraanaa fi nagaa kabachiisuuf akka oolu, misoomaafi guddinni “irra dibaa” ta’uurra darbee bu’uura akka hin qabaanne taasifamuu ibsan.
Itti dabaluun, jireenyi hawaasummaa biyyattis hoji dhabdummaa, buqqaatii, dadhabina dhaabbilee hawaasummaa fi tajaajilli addaan cituu, roorroo hojjettootaan kan ibsamu ta’uu kaasan.
‘Misooma koodaraa’ magaalaa Finfinneetti hojiirra oolaa jiru namoota qe’eerraa buqqisuu fi rakkoo hawaas-dinagdee hamaa fi hiyyummaaf saaxiluu eeran.
Paartileen mormitootaa kunneen ibsa isaanin mootummaan biyya bulchaa jiru “uummata gidduu walshakkii uumuun walitti bu’iinsaaf kakaasaa fi mariidhaaf kutannoo agarsiisu dhabee osoo jiruu waa’ee haqa ce’umsaa haasa’uun bu’aa hin qabu” jechuun himatan.
“Mootummaan keessattuu naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay, Somaalee, Affaar, kutaalee biyya keenyaa Kibbaa fi Dhihaa, hariiroo gaarii naannolee gidduu fi ummattoota gidduu balleessaa, hafuura jibbaa fi shakkii uumaa, lolaa fi tasgabbii dhabuudhaaf olola sobaan ummata kakaasaa jira,” jedhan.
Waggaa kumattuu “na injifachuu hin dandeessan” jedhanii osoo dhaadachaa jiranii “wal mari’anna” jechuunis ta’e “ana jala taatanii haa mari’annu” jechuun ololaan darbee hiikkaa homtuu hin qabuu jechuun mootummaa qeeqaniiru.
Mootummaan/paartiin biyya bulchu “fakkeessuu dhiisee ofii fi dirree siyaasa biyyattii bal’isuun marii qooda fudhattoota hunda hammateef waltajjii amanamaa akka mijeessu, akkasumas waraana biyyattii keessa babal’ate akka dhaabsisu” gaafataniiru.
“Paartiin biyya bulchaa jiru tumaalee heera mootummaa labsii, qajeelfamaa fi dambiitiin ukkaamsaa jira” jechuun kan himatan paartileen mormitoota kunneen, akka fakkeenyaattis labsii miidiyaa irratti fooyya’iinsa dhiheenya kana taasifame eereera.
Fooyya’iinsi kun tarkaanfii ukkaamsaa mootummaan fudhate kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.
Hariiroon dippilomaasii mootummaan hordofaa jiru yoo madaalamu “gadi fageenyaan kan hin qoratameefi hin xiinxalamne, haala yeroo irratti kan hundaa’e fi kaayyoo tarsiimowaa yeroo dheeraa ilaalcha keessa kan hin galchine” ta’uu ibsaniiru.
Hariiroo fi dippilomaasiin biyyattii damee hunda irratti qorannoo bal’aa ogeeyyii irratti hundaa’ee dantaa itti fufiinsa qabu, misoomaa fi birmadummaa biyyattii, akkasumas mirgaa fi kabaja ummataa mirkaneessu ta’uu akka qabu cimsanii hubachiisaniiru. AS