ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mootummaan waliigaltee booda 'hidhattoonni WBO galaa jiru' jedhe; WBOn gabaasa mootummaa kuffise

Finfinnee, Muddee 04/2024 – Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa adda bahuu ibse kan qondaala WBO duraanii Sanyii Nagaasaan durfamu waliin mallatteesse hordofee miseensonni WBO kallattii hundaan gara wiirtuu qophaa’efitti galaa jiraachuu ibse.

Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa akka ibsetti, hidhattoonni waamicha nagaa fudhatan bosona irraa “gara mooraa isaaniif qophaa’etti galaa jiru.”

Mootummaan lakkoofsa hidhattoota galan ifatti ibsuu baatuus, hidhattoonni godina Shawaa Lixaa aanaalee Gindibarat, Cobii, Ilfataa, Aanaa Amboo, Midaaqanyiifi Jibaat keessa turan 800 ol waamicha fudhachuun galuu miidiyaan OBN gabaaseera.

Loltoonni WBO waamicha nagaa fudhatan galaa akka jiran ibsamuu hordofee Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa kaleessa galgala baaseen “diraamaa qindaa’e” jechuun kufaa taasiseera. “Mootummaan garee hidhattootaa ofii qopheesse galchaa jira,” jedhe. 

Waliigaltee Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu Dilbata darbe Muddee 01, 2024 mallattaa’e qabiyyeen isaa hanga ammaatti ifatti hin ibsamne. 

Ji’a Fulbaana darbe Sanyii Nagaasaan af-gaaffii BBC waliin taasisaniin “ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne ta’eera” jechuun gareen isaan hogganan kana booda jaarmiyaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootin hogganamu jalatti akka hin sochoone ibsanii turan.

Sanyii Nagaasaan, “ABO-WBO waliin akkaataa kanaatiin socho’uus hin dandeenyu badii inni dalagus isa faana raawwachuu hin dandeenyu. Boru itti gaafatamni seeraas, gaafatamni seenaas hin jira,” jedhan.

Mootummaa waliin hariiroo uummachaa jiraachuu walqabatee gaaffii dhiyaateef ”ammatti hariiroon uumame hin jiru” jechuun, haata’u malee mootummaa waliin mari’achuuf fedhii akka qaban himanii turan.

Waliigalticha tibbanaa hordofees Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa naamusaan” garee kana keessaa ari’amuu eeruun, waliigalteen ammaa kunis “WBO kan ilaallatu miti” jedheera. AS

Related Articles

Back to top button